Kiyyaa Jamaal: Lammii Itoophiyaa barnoota yunivarsitiirra bishikileetii filate

Kiyyaa Jamaal Rogooraa lammii Itoophiyaa dorgommii bishikileetii addunyaa, Tuur Da Ruuwaandaa jedhamurrati hirmaachuuf tibbana Kigaaliitti argama.

Dorgommiin Tuur Da Ruuwaandaa kunis dorgommii bishikileetii waggaa waggaan Afriikaatti gaggeeffamu yoo ta’u, dorgomtoota bebbekamootu irratti hirmaata.

Dorgommii kanarratti yeroo 10’f hirmaatee kan yeroo afuriif injifate lammiin Ingilizii Kiriis Firuum, walitti aansee waggaa lammaffaaf hirmaachuf baranas Ruuwaandaatti argama.

Yeroo Firuum dorgommii Faransaay injifatuutti Kiiyyaan ganaa daa’ima ture. Garuu karaa foddaa TV’n dorgommicha ilaalaa ture. Dorgommii bara kanaarratti garuu lamaanuu waliin dorgomu.

Dorgommii Tuur Da Ruuwaandaa 16ffaa bara kanaatiin gareewwan biyyaaleessaa dabalatee, gareewwan 20n tokkoon tokkoosaanii dorgomtoota 5 qabatanii hirmaatu.

Dirre Dhawaatti dhalatee kan guddate Kiyyaan wiirtuu dorgomtoonni bishikileetii addunyaa itti hammatamaniif Union Cycliste Internationale (UCI) jedhamu bakka bu’uun dorgoma.

Kiyyaan akkasumas kan yeroo sadiif Tuur Da Ruuwaandaarratti hirmaateefi yeroo dhumaatiif dorgomu Tsigaab Girmaayi, Shaampiyoonaa Ertiraa Awwati Amaan, lammii Aljeeriyaa Ayuub Foorkoos fi lammii Ruuwaandaa Shiiyaak Shaanveeye dorgomtoota jidduugala kanaati.

‘Xiyyeeffannaakoo guutuu bishikileetiirran kaa’e’

Kiyyaa waggaa lamaan dura qormaata seensa yunivarsitii fudhatee qabxii olaanaa Yunivarsitii Gondar isa galchu argatee ture.

Haata’u malee, yeroo sanatti gareen bishikileetii Ameerikaa EF Education mallatteessisuuf waan karoorfateef yunivarsitii galuufi bishikileetii keessaa filachuu qaba ture.

‘‘Qormaata kutaa 12 qabxii olaanaan darbe. 500 keessaa 418 fide ture. Garuu filachuun qaba ture,’’ jedha.

“Garee Ameerikaa EF Education irraa kontiraati naaf kennamee ture. Asii ammo ramaddiin Yunivarsitii Gondar na qaqqabe. Ijoollummaa kootii kaasee kaayyoon koo dorgomaa bishikileetii beekkamaa ta’uu waan tureef, gutummaan xiyyeeffannaakoo gara sanarran taasise.’’

Haata’u malee ispoonsara diiviziyoonii lammaffaa waan dhabeef dhaabbatichi waan diigameef, kilabiin Xaaliyaanii Maaltiinii Laampoodaariin isa simate.

Dorgommii addunyaa Ruwaandaatiin Wiirtuu dorgomtoota bishikileetii bakka bu’uun haa dorgomu malee, ittaansuun gara kilabii Xaaliyaaniitti qajeela.

Kiyyaan ispoortii akkasiin jaalachuu kan danda’e sababii abbaasaatiin akka ta’e dubbata.

‘‘Bishikileetii kanan eegale sababii abbaakootiin. Abbaankoo Jamaal Rogooraa bara 1980tti Olompiikii Mooskoorratti hirmaateera. Yeroo sadi shaampiyoonaa Itoophiyaa ture. Kun anaafis sababa ta’eera.’’

Jamaal Rogooraa, Zari’aagaabir Gabrahiiyoot, Xilaahun Waldasanbat akkasumas Muusee Yoohaannis fa’i waliin bara 1980 dorgommii bishikiliitii daandiirraa Mooskootti gaggeeffameerratti Itoophiyaa bakka bu’uun dorgomanii ture.

Kiyyaanis ganaa daa’ima ta’e abbaansaa bishikileetii bituuniif barnootaan booda oofaa akka ture yaadata.

Yeroo waggaa 10 guutu ammoo, bishikiliitii abbaansaa kennaan laateef qabatee dorgomuu eegale.

Kiyyaa abbaasaatti aansee kan gara dorgommii bishikileetii pirofeeshinaaliitti isa galche, dorgommii bishikileetii addunyaa guddicha Tuur Da Ruuwaandaa jedhamuudha.

‘‘Yaadni pirofeeshinaalii ta’u kan naaf dhufe ergan Tuur Da Ruuwaandaa ilaaluu eegaleen booda malee, duraan fayyummaaf qofan oofaa ture,’’ jedha.

Barana Kiiyyaa waliin kan dorgoomu Kiiriis Firuum, bara 2013, 2015, 2016 fi 2017tti injifataa maaliyaa keelloo* Tuur Da Ruuwaandaa ture.

Kiruum bara 2013tti yeroo jalqabaatiif dorgommii Tuur Da Ruuwaandaa mo’atu Kiyyaan mucaa waggaa 10 ture.

‘Dirqama naaf milkaa’uu qabaata’

Kiiyyaan dorgommii Tuur Da Ruuwaandaa umuriin waggaa 23 irratti hirmaachuuf guyyaan shan yoo isa hafu miidhaan mudachuun osoo hin hirmaatiin hafulleen, abjuusaa kana milkeeffachuurraa isa hin dhaabne.

‘‘Bishikileetiin ispoortii cimaadha’’ kan jedhu Kiiyyaan, keessattuu kufuun miidhaa cimaa qaqqabsiisuu akka danda’u dubbata.

“Baayyee xaartee dhumarratti akkas yoo taatu nama aarsa. Garuu ammoo jaalalli bishikileetii cimaadha. Jaalala kanas kan beekutu beeka.

"Cabdulleen itti deebi’uuf barbaadda. Tokkicha kan itti seente waan ta’eef booddeetti deebi’uun hin jiru. Dirqama naaf milkaa’u qaba jedheen malee dhaabuudhaaf yaadee hin beeku.’’

Kiiyyaan Tuur Da Ruuwaandaa irratti hirmaachuun faayidaa olaanaa akka qabu dubbata. Keessattuu, ‘‘kilaboonni gurguddaadha jedhaman ija sirra kaawwachuu danda’u’’ jedha.

‘‘Wiirtichi carraa kana naaf kenneerra. Kana eeguuf cimnee hojjanna."

Karoorrisaa gara fuulduraas Tuur Da Ruuwaandaa irratti hirmachuu ta’uu kan dubbatu Kiiyyaan, dorgommii olaanaa kanarratti seenaa galmeessuu barbaada.

“Hirmaachuu qofa osoo hin taane isteejillee ta’u injifachuudha. Tuur Da Ruuwaandaa irratti waan Afriikaan hin raawwanne osoon raawwadhe, seenaa osoon galmeesse nan gammada.’’

Tuur Da Ruuwaandaan alattis dorgommiiwwan gurguddaa gara biraarrattis hirmaachuuf karoora qaba.

‘‘Shaampiyoonaa addunyaa baayyeen jaaladha. Lammiin Ertiraa Biiniyaam Girmaay lammaffaa bahuun akka danda’amu agarsiiseera. Waggoota ittaanan lamaafi sadiitti kana milkeessuun barbaada.’’

Biiniiyaam Girmaay bara 2022tti dorgommii bishikileetii Jiiroo Dii Itaalii jedhamurratti isteejii injifachuun gurraacha Afriikaa jalqabaa ta'eera.

Dorgommiiwwan Kiiyyaan irratti hirmaate:

  • Gaanaa 2023 - Shaampiyoonaa Afriikaa sa’aatii dhuunfaa dorgommii 1ffaa
  • Itoophiyaa 2022 - Dorgommii daandiirraa 1ffaa
  • Itoophiyaa 2022 - Sa’aatii dorgommii dhuunfaa 1ffaa
  • Gaaboon 2023 - Tuurii Gaabooniin tokkooffaa isteejii* 6ffaa
  • Bara 2023tti dorgommii guyyoota 36 gaggeessuun dheerina km 4,519 deemuun qabxii 64.75

_____

* Isteejii፡ Dorgommiin bishikileetii yeroo baayyee kan guyyoota hedduu fudhataniidha. Injifataan guyyaa tokkoo tokkoo, injifataa isteejii jadhama.

* Malayaa keelloo፡ meedaaliiyaa kabajaa Tuur Da Firaansiifi Tuur Da Ruuwaandaan, eeda’ama isteejiiwwan hundaatiin dorgommaa sa’aatii gadaanaan xumureef kennamudha. Malayaa keelloon uffata injifataan kaawwatu jechuudha.