''Qaamnisaa foolii qurxummii waan qabuuf gaa'elli keenya diigame''

Dhukkubni Tiraamzaayiloomninooriyaa dhukkuba nama baayyee muraasa irratti qofa mul’atu yoo tahu, qaamni namaa foolii qurxummii akka qabaatu taasisa ("fish odour syndrome".)

Dhibeen kuni qaccee sanyii rakkoo qabu ijoolleen maatiirraa dhaaluun waan uumamudha. Tahus, kuni yeroo hunda sababa tahuu dhiisuu mala jedha Dhaabbanni Fayyaa Biyyaalessaa UK.

Dhukkubichi qoricha kan hin qabne yoo tahu, malooti rakkoo kana gargaaruu danda’an garuu jiru.

Haaliimaan (maqaan kan geeddarame) jiraattuu magaalaa Moqaadishuu yoo taatu, nama jaallatutti heerumtee jireenya jalqabdus bultiin ishee garuu itti hin fufne.

Sababiinsaas fooliin qaama abbaa warraashee irraa bahu waliin waan ishee jiraachisu hin taane.

‘’Alii (maqaan kan geeddarame) waliin waggaa tokkoof waliin jiraanne garuu foolii qaamasaa akka qurxummii sametti foolii qaba, sababa kanaan wal-hiikne,’’ jetti Haliimaan.

‘’Yeroo dhaqna dhiqatu akkaan sukkuumee xurii baasuuf yaala, anis rakkooma qulqulliinaa se’een shittoo fi saamuunaa foolii gaarii qabu bituu yaaleera. Tahus garuu, waan jijjiirame hin jiru. Kanumaan wallin jiraachuu akka hin dandeenye walitti himnee adda baane, gaa'elli keenyas diigame,'' jetti.

Fooliin qurxummii alaa’een alatti Aliin nama arjaa fi gaariidha jetti.

Mallattoo Tiraamzaayiloomninooriyaa

Mallattoowwan dhukkuba Tiraamzaayiloomninooriyaa dhalootumarraa jiraachuu danda’u, garuu hamma umrii saalfatteetti [dargagummaatti] mul’achuu dhiisuu malu.

Dhaabbanni Fayyaa Biyyaalessaa UK, mallattoon tokko dhibeen kuni ittiin beekamu foolii qurxummii alaa’e qabaachuusaati. Foolii kaanis qabaachuu mala, kunis foolii: Hafuura, dafqa, fincaanii ta'uu danda'a.

Kana malees, dhangala’aa qaama saalaa keessaa bahu keessatti mul’achuu mala.

Mallattoon dhukkubichaa yeroo hunda jiraachuu dhiisuu mala. Yeroo tokko tokko dhaabbataan mul'atee, yeroo kaan ammoo baduu danda'a.

Dhibee kana dhimmoota hammeessan keessaa: Dafquu, dhiphina yoota'an, gosoota nyaataa kanneen akka - qurxummii, hanqaaquufi kotorees hammeessuu warra malan keessaati.

Tiraamzaayiloomninooriyaa maaliin dhufa

Dhibeen kuni kan dhalatu yeroo qaamni keenya keemikaala foolii jabaa qabu Tiraamaazaayilaamiin jedhamu kan yeroo baakteeriyaan nyaata mar’immaan keessatti bulleessutti uumamu gara keemikaala foolii hin qabnetti jijjiiruu hin dandeenyetti.

Kana jechuun, Tiraamaazaayilaamiin qaama keessatti kuufamuun gara dhagala’aa qaama keenyaatti gala.

Kunis qaccee sanyii rakkoo godhateen maatiirraa ijoolleetti darbuu danda’a.

Falli dhukkuba kanaa maali?

Hamma har'aatti dhukkuba kanaaf qorichi hin jiru. Foolii akka qurxummii alaa'etti qaama keessan irraa suuftu taanaan hakiima bira dhaquun waliisaa adda baafachuun barbaachiisaadha.

Tahus gosa nyaataa dhiisuu qabnuufi hin qabneen foolii kana hir'isuu dandeenya.

Gosoota nyaataa armaan gadii hir'isuun gargaaruu mala:

aannan sa'aa

gosoota qurxummii

killee

kotoree

loozii

kalee fi tiruu

Kana malee, sochii qaamaa sasalphaa tahan dalaguu, uffata ofii yeroo yerootti miicuu fa'itu gorfama.