Foolii qaamaa suunfachuun sodaa hir'isuuf gargaaara jedhan qorattonni

Foolii qaama namaa suunfachuun sodaa hawaasatti makamuu namoota qabaniif furmaata tahuu mala jedhan qorattoonni Siwiidiin.

Saayintistoonni dafqa bobaa namaa fayyadamuun yaalii qorannoo kanaa jalqaban.

Tilmaamni qorattoota kanaa fooliin kuni sarara sammuu namaa miira wajjin wal-qabatu dammaqasuun, sodaa sanaaf tasgabbii kenna kan jedhu tahus, garuu tilmaamni isaanii kuni dhugoomuuf karaa dheeraa adeemsisa.

Qorattoonni kunneen bu'aa jalqabaa qorannoo isaanii kora dhimma fayyaa Paariisitti adeemsifamu irratti dhiyeessuuf jiru.

Akkamiifi maaliif suunfanna?

Ijoolleen miira foolii jabaa tahe wajjin dhalatu, foolii haadha isaaniifi aannani harmashee irra filatu

Fooliin balaan yeroo dhufu akka suunfannu - nyaataa hanga aara ibidda, naannoo keenyaafi akka ilmaan namootaatti walii walii keenyaan akka hariiroo uumnu nu gargaara.

Dhandhama nyaataas nuu mi'essuun dabalataan nyaatichaan wal-qabatee yaadannoo jabaa akka qabaannu nu taasisa.

Foolii kutaa funyaan keenyaa irra keessa jiruun adda baafna. Ergaan achii bahu immoo kutaa sammuu keenyaa yaadachuufi miiraa wajjin hariiroo kallattii qaba.

Saayintistoonni Siwiidiin kunneen fooliin qaama namaa miira keessa jiru-gammachuu ykn sodaa agarsiisuu danda'a, kunimmoo ofii keenyaaf qofa osoo hin taane namoota nu suunfatan biroofis hojjechuu danda'a.

Qorattoonni kunneen eeyyamamtoota dafqa yeroo fiilmii sodaachisaa ykn gammachiisaa daawwatanitti dafqan akka arjooman gaafatan.

Sana booda dubartoonni sodaa hawaasatti makamuu qaban 48 samuuda dafqaa kana akka suunfatan gaafatan. Namooti kunnneen yaada badaa xiinxaluu irraa yeroo isaanii battalaa irratti akka xiyyeefatan jajjabeeffamu.

Dubartoonni muraasni dafqa isa sirrii akka suunfatan yeroo kennamuufi kaan immoo qilleensa qulqulluu akka suunfatan taasifaman.

Warreen foolii dafqa isa sirrii akka suunfatan taasifaman wal'aansa isaaniif kennamuuf deebii fooyya'aa tahe kennaniiru.

Qorattuun mummee Aadde Elisaa Vaaginaa Institiyuutii Kaarooliinskaa, Istookolmiitti argamu keessaa hojjetti, ''fooliin dafqi yeroo namni gammadu baasu, nama fiilmii ilaalee sodaate irratti dhiibbaa wal-fakkataa qaba. Kanaaf, ergaan-keemikaalawaa qaama namaa kana ilaalchisee wayiin tokko jira jechuu dha, kunis walumaagala wal'aansa yaadameef bu'aa argamu irratti dhibbaa qaba.

''Feetummoo dhiibbaan fooliin dafqaa kuni namni namaa jiraachuu wajjin kan wal-qabatu tahuu mala garuu kana mirkaneessuu qabna. Waan amma qoraa jirrus isuma, isa maliilanaatti garuu dafqa namoota miira bilisa tahe namoota qaban kan dokumeentarii ilaalan irraa fudhannee itti dabalauuf yaalaa jirra, '' jedhan.

Dafqi maali, yeroo hunda foolii qabaa?

Dafqi kutaa qaama keenyaa baayyeensaa foolii hin qabu. Dafqa bobaa fi gudeeda gidduutu kompaawundii oomishuun dafqi akka foolii qabaatu godha.

Baakteeriyaa gogaa keenyarra jiraniifi xannachi rifeensaa naannoo sana jiru kompaawundoota caccabsuun fooliin kuni akka uumamu taasisa.

Dhaabbata tola oolaa Fifth Sense jedhamurraa, Daankan Buuk, rakkoo suunfachuufi dhandhamuurratti hubannoo uuma. ''miira suunfachuufi fayyaa miira keenyaa gidduu hariiroon jabaa akka jiru ni beekna ture,'' jedhan.

''Nama biraa suunfachuu dadhabuun, fakkeenyaaf jaalallee, ijoollee offii suunfachuu dadhabuun miira qofummaafi muka'uudhaaf saaxilamuu danda'u.''

''Qorannoon kuni kan hin goolabamne tahus qorannoo gara fuulduraa hariiroo foolii fi fayyaan sammuu qaban irratti ni jajjabeessa,'' jedhan.