Namoonni gaa’ela hin ijaarranne foolii qaamaa adda tahe qabuu?

Odeeffannoon baayolojikaalaa fi xiin-sammuu foolii keenya irraa argamu baay'ee tahus waan itti fayyadamaa jirru garuu hin fakkaatu.

Nama foolii keenyaan hawwachuuf shittoo (urgooftuu) yoo fayyadamne waan nama dinqu miti. Garuu fooliin uumamaa qaama keenyaa yoo kan jaalallee nuu hawwatu tahe hoo?

Fooliin uumamaa qaama keenyaa urgaa gaarii qaba yoo jenne waan dhugaa hin fakkaatu mitii?

Fooliin uumamaa qaama keenyaa gaazii baakteeriyaan gogaa keenyarra jiraatan gadhiisaniin uumama. Kanas keemikaalota karaa dafqaa baasnu bulleessuudhaan uumu.

Haatahu malee, fooliin baakteeriyaa kunneeniin uumamu sababa garaagaraan jijiiiramuu mala. Kunis umrii, fayyaa, haala nyaataa soorannuufi qaccee sanyii keenyaafi dhimmoota biroo irratti hundaa’a.

Piroofeesar Iloonaa Kirooy Jarman, Yunivarsiitii Fireedriik Shiilar Jeenitti, ogeettii xiin-sammuu yoo taatu, fooliin qaamaa haalli itti jijjiiramuufi hin jijjiiramne qaba jetti.

"Fakkeenyaaf, dhimmi qaccee sanyii jireenya keenyatti waan geeddaruu dandeenyu miti.’’ Haalli nyaataafi shaakallii qaamaa gochuun yeroo yerootti waan geeddaramuu danda’udha. Keesumaa, dubartoota irratti fooliin isaanii yeroo laguu isaanii argan geeddaramuu danda’a.

Kanneen hunda caalaa garuu jetti ogeettiin kun, fooliin keenya miira keenya waliin geeddaramuu danda’a jetti. "Fooliin dafqa keenyaa yeroo sodaannuufi yeroo quunnamtii saalaaf fedhii godhannu adda addadha,’’ jetti.

Qacceen sanyii keenyaa foolii qaama keenya murteessuu irratti shoora guddaa qaba. Kana jechuun fooliin nama hundumaa adda addadha jechuudha.

Qorannoo yaalii tokko irratti, tiishartii obbolaa lakkuun uffatame uffata wal-fakkaataa namoota biroo waliin makanii kaa’uun, hirmaattonni qorannichaa akka adda baasan yoo gaafatamu, tiishartii obboloota lakkuufi tiishartii lama nama tokkoon uffatame adda baasuu hin dandeenye ture.

Funyaan keenyi foolii qaama akka malee fuudha, foolii sana keessa immoo odeeffannoon jira. Odeeffannoon kun haala nyaataa, hormaataa, umrii, qaccee sanyiifi fayyaadha.

Kana jechuun odeeffannoowwan kunneen fayyadamnee eenyuun jaalallee godhachuu akka feenu murteessuu dandeenya jechuudha?

Piroofeesar Iloonaa Kirooy, dhiiroti foolii dubartootaa yeroo isaan marsaa laguu keessaa, yeroo qaamni hanqaaquu lakkisuuf qophaa’utti jiru jaalatu; yeroon kun yeroo dubartoonni hormaataaf qophii tahanidha.

Dubartoonni yeroo laguu isaanii arguu jalqaban, fooliin dhiirota hawwatu kan hir’isu yoo tahu, qaamni isaanis hormaataaf qophii gad-aanaa tahe qaba.

Dubartiin tokko dhiira kan hawwattu yeroo qaamni ishee hormaataaf qophii tahedha; dhiiroti yeroo kana dubartiitti siqanii jaalalaaf dubbisuu danda’uu jechuudha jetti piroofeesar Iloonaan.

Kun egaa saayintistoonni nama bareedaafi hawwataa tahe suunfachuun adda baasuu dandeenyaa, waan jedhu akka yaadan isaan taasise.

Kana mirkaneessuufis saayitistoonni kunneen akka Iloonaa, tiishartiiwwan namoota hin beekamneen uffatamaniifi foolii qaban dubartoonni akka suunfatan godhan.

Dubartoonni kunneen, tiishartiiwwan warra qeerroo, kanneen suubboo tahan caalaa foolii jabaa qaba deebii jedhu kennan, erga suunfataniin booda.

Kana malees, hidhata foolii qaamaafi waan HLA jedhamu gidduu jiru baruu barbaadan saayintistoonni. HLAn tuuta pirootiinii madinummaa nuti dhukkubaaf qabnu murteessudha.

HLAn nama hundaa wal-fakkaataa miti. Kanaaf dhukkuba kamiif irra caalaa saaxilamna ykn ofirraa ittisna kan jedhu murtessa jechuudha. Amala qaama keenyaa kana ijoollee keenyattis dabarsuu dandeenya.

Akka saayinsii jijjiiramni tirataa himutti namni tokko HLA nama isa irraan adda tahe qaburraa ilmaan horachuutu filatama.

Sababiinsaa ijoolleen dhalatan sirna madiinummaa jabaa tahe akka qabaatan waan godhuufi jedhu piroofeesar Iloonaan.

Qorannoonwwan tokko tokko akka agarsiisanitti, namoonni jaalallee barbaaddatan namoota isaanirraa sirna madiinummaa addaa qaban foolii qaamaan adda baasu.

Haatahu malee, qorannoon waliigalaa, namoota bultii godhatan 3,700 irratti geggeefame, foolii qaamaa, HLA fi jaalallee jireenyaaf filatan gidduu hidhatni hin jiruu jedha.

Foolii qaamaa gaarii fi badaa himuu ijaa dandeenyuuf, isa irratti hundoofnee nama waliin bultii ijaarrannu filachuu hin qabnu.