'Gaa’ilakootiin guyyoota muraasa boodan sireekoorratti fincaa’uu eegale'

Daa’imman halkan sirreerratti of jalatti fincaa’uu dubbachuun waan barameedha. Garuu yoo gaheessa umurii wagga 30 ol bakka ciisuutti of jalatti fincaa’uu itti fuufee dubbachuun nama qaaneessa.

Rakkoon akkasii kun dhibee ‘enuresis’ akka jedhamu fi wallaansaan kan furamu akka ta'e oggeessoonni fayyaa ni himu.

Yeroo baayyyees namoonni rakkiina kana qaban ifatti dhubbachuu ni qaaneeffatu. Mana yaalaa deemanii oggeessa fayyaa mariisisanillee dhimmicha icciitiin qabachu filatu. Haata’u malee isaan dhoksuuf yaalanis haalichi garuu ofiisaatiin yeroo ifa of baasu ni jira.

‘‘Haatii warraakoo yoo isheen ganama ganama kaatee ansoolaa keenya miicciitu ijashee ilaaluun qaana’a. Baayyee cimaadha,’’ jedha gaheessi waggaa 40 maqaansaa akka dhokfamuuf gaafachuun rakkoo fayyaa kana qabaachu BBCtti dubbate tokko.

Namni kun lammii Beeniin Kotoonuutti ogeessa injinara kompitaraati.

Dhiibee fincaan qabachuu dadhabuu ykn enuresis maali?

Dhibeen fincaan qabachuu dadhabuu haala fayyinaa namni tokko fedhiisaa malee osoo irriiba keessa jiruu ykn darbee darbees guyyaa akka tasaa of irratti akka fincaa’u taasisuudha.

‘‘Baayyee kan nama jibbiisiisuu yeroo tokko tokko guyyaa keessalleen na mudata,’’ kan jedhe oggeessi injinaraa kun, haala kanaan walqabatee sababii hojiisaarratti xiyyeeffachuu hin dandeenyeef hojiisaarrattilleen dhiibbaa qochaa jiraachuu dubbate.

Waahiillan isaa akka inni dhibee kanaan dhukkubsatu beekan akka isa hin ilaallee yaadunis yeroo baayyee manaa hojjachuuf filata.

Nama kana wayita BBC Afriikaa dubbiseetti, rakkoo cimaa keessa jiru ibsuudhaaf akka rakkatu kaase. Yoo wanti addaa isa mudate malees manaa hojjachu akka barbaadu kaasa.

“Walitti dhufeenyan namoota waliin qabu miidhaa jira, garuu akka carraa ta’ee haadha warraa na hubattuufi na kunuunsitun qaba’’ jedhe. Haala isaan kanaanis, sababii rakkoon akkasii gaa’illi hedduun akka diigamuuf sababa ta’uuf, inni garuu ‘‘carraa’’ garii qabaachu kaasa.

Rakkoo amma isa mudate kanaaf wanti inni ka’umsa ta’e jedhee yaadu omtu hin jiru. Yeroo daa’ima waggaa sadii ture irraa kaasee of jalatti fincaa’uu dhaabe ture.

‘‘Gaa’ila dhaabbadhee baatiiwwan muraasaan boodan garuu deebisee osuun rafuu sireekoorratti fincaa’uu eegale,’’ jechuun ibsa.

Hakiiminisaa garuu dhiphina hojii irraa maddu ta’u akka danda’u ittiimu yaadata. Kana malees afuuffee fincaaniin wal qabatee rakkoo kamuu akka hin qabne hima.

Dhimmoonni rakkoo kana harbeessan maali?

Dhimmoonni qaamaa fi xin-sammuun wal qabatan gaheessii akka rakkoon fincaan qabachu dadhabuu kun mudatu akka taasisu himu oggeessoonni fayyaa.

Akkasumas dhibbeen sukkaaraa Gosa-2 ykn infekshiniin ujummoo fincaanitiin qabamuun dhibee kanaaf madda akka ta’u Kotonuutti oggeettii sirna ujummoo fincaanii kan ta’an Dorktar Anni- Maariyaa Gaawusuu, ni ibsu.

Akka oggeessoonni fayyaa jedhaniitti, sababii balaatiinis rakkoon kun nama mudachu danda’a. Qorichaan si’oomuu, tamboo xuuxuufi haala abjuu fakkaatu keessa seenuun taatee kanaaf ka’umsa akka ta’u malan dubbatu.

Haata’u malee akka ogeettiin sirna ujummoo fincaanii (urologist) tun jedhaniitti, haalli International Continence Society (ICS) ‘‘rakkoon haala fincaanii (urinary incontinence) jedheen kunis, dhiphina, yaaddoo, mukaa’uu, sodaafi kkfn madda ta’u dubbatu.

‘‘Yeroo baayyee taateen kun kan na mudatu yeroo waanan namoota duratti dhiyeessuu jiraatuufi yeroon waa’ee yaada hordoftoota kiyyaa gaafadhuudha,’’ jechuun dhimma haala kanaaf madda ta’u kamuu akka hinqabne dubbata injinarri kun.

Dhiibeen enuresis kun sababii yeroo baayyee halkan keessa fincaan baayyinaan waan oomishamuuf, tasaa irriba keessa of jalatti fincaa’uf madda akka ta’u danda'u himama.

'Jireenya hawaasummaatiin adda citeera'

Yeroo baayyee namoonni rakkoo akka tasaa of jalatti fincaa’uu qaban namootatti himuu hin barbaadan. Yaaddoofi ilaalchi namootni biraa isaaniif qaban dhimmoota akka namootarraa qoolleeffatan isaan taasisan keessaa ta’u kaasuu Dr Gaawuusisuun. Namoonni haalaa akkasii isaan mudate hedduu akka beekan dubbatu.

‘‘Cimdiiwwan tokkoon isaanii dhibee kanaan qabaman araarsuudhaaf baayyee yaalleerra. Yeroo baayyees, sababii kanaatiin gaa’illii yoo diigamuufi cimdiiwwan gargar yoo bahan agarra,’’ jedhuu oggeettiin tun, garuu wallaansi dhibbee kanarraa nama fayyisu akka jiru kaasu.

Haata’u malee oggeessi inijinara koompitaraa seenaa isaa nuuf qoodee kuni gama gaa’ilasaatiin yaaddoo akka hin qabne hima. Kanaanis haadha warraasaatiif galata addaa qaba.

Akkasumas yeroo taateewwan kun isa mudatanitti haatii warraasaa gorsawwan hakiimonni isaaf kennan akka hordofu obsa qabaachuu hima. ‘‘Gorsawwan wallaansa keessatti naaf kennamu akkan hordofuuf kan na jajjabeessitu isheedha,’’ jechuu haadha warraasaa dinqisiifata.

Haata’u malee, durbii isaa kan hiriyaa ta’eef waaliin guyyaa Sambataa teenisii taphachuun alatti, guyyaasaa hafe manaa gara hojiifi hojiidhaa gara manaa jidduutti dabarfata.

Yeroo daandii dheeraa imaluttis akka namoota jidduutti hin qaanofneef jecha daayipara nama guddaa akka kaawwatu dubbata.

Kana malees, hiriyoota, firootafi miseensoota maatii gara biraa waliin imala hin deemu. Sana hundarra kunuunsa haadha warraasaa waliin mana keessa turuu filata.

“Amma guyyaa keessa haalli akkasii yoo nama mudatu carraansaa baayyee gadaanaadha. Galanni wallaansaan argadheef haata’u,’’ jedha namni seenaasaa BBC’f qoodee kun. Haata’u malee ‘‘halkan keessa ammallee haalicha to’achun qaba’’ jedha.

Akka tasaa fincaan akka harkaa hin baaneef jecha halkan yeroo baayyee irribaa ka’a. Kuni jechuun ammo irriiba gahaa akka hin rafne akka isa dhorke dubbata.

Yeroo dafee hin kaanee ykn yoo irraanfatuutti haati warraasaa akka irribarraa isa damaqsitu dubbata.

‘‘Yeroo itti haatii warraakoo yoo na damaqsitutti ani dursee sireerratti itti fincaa’es jira’’ jechuun yaadata. Yeroo akkasiitti yeroo hedduu haala isaa kanaan isa jajabeessaa turtulleen, ija haadha warraasaa keessatti aarii akka hubatu kaasa.

Oggeessi seenaasaa nuuf qoodee kuni, BBC haadha warraasaa akka dubbisuu hin hayyamne. ‘‘Isiniitti hin dubbattuu’’ jedha. Garuu ammo, ‘‘dhuma wallaansa isaarratti yeroo jireenyakootti gamadu akka jiraatu nan amana,’’ jedha abdiidhaan.

Dhibbeen enuresis gaheessa yoo mudatu wallaansaan ni fayya

Akka oggeeyyii fayyaatti wallaansi guddaan dhibee kanaa haala jireenyaa gaarii jiraachudha. Dhukkubicharraa fayyuudhaaf amala sirreeffachuu wallaansa sirnaan hordofuun hunda caalaa barbaachisaadha.

Fakkeenyaaf dhangal’aa baayyee fudhachu irraa of qusachuufi haaluma gahaa ta’en fudhachuun barbaachisaadha jetti. Akkasumas bunaafi dhugaatiiwwan kaarbonii baayyinaan qaban dhiisuun ni gorfama. Dhugaatiiwwan akkasii kaleen akka dheekkamu gochuun fincaan akka tasaa nama harkaa bahee siree akka jiisuuf madda ta’a.

Dhukkubsattoota tokko tokkoof ammo, halkan osoo cobni fincaanii jalqabaa hin bu’iin dura irriibarraa damaquudhaan fincaa’u akka itti fufaniif gorsu hakiimonni.

Dhukkubsattoota haalli akkasii kun hin hojjanneef ammo gosti qoricha desmopressin jedhamu hakiimiidhaan ajajamuuf jiraachutu himama. Qorichi kunis halkan keessa fincaan akka hin dhangalaanef gargaara. Haata’u malee qorichi kun ofiin halkan irriibarraa ka’uun fincaa’u caalaa akka hin gargaarree dubbatu ogeessonni fayyaa.

Ogeessonni damee kanaa kaan ammoo mala lamaan wal biratti fayyadamuun caalaa jijjirama fidu akka danda’u gorsu, akka rakkinichi deebisee hin mudanneef.

Akkasumas qorichi antispasmodic jedhamuuf afuffeen fincaanii akka walitti hin butamne (contraction) isaa hir’isuus ni ajajama.

Malli rakkoo akka tasaa irriiba keessa of jalattii fincaa’uu dhaabuudhaaf gorfamu kan biraa, sochii qaamaa maashaa (pelvic floor muscles) cimsuudhaaf raawwatamu. Yeroo baayyee malli kunis akka fayyina guutuu fidu himama.

Akka ogeessonni baayyeen jedhaniitti, dhibeen fincaan halkan irriiba keessa of jalatti fincaa’u kun ‘‘dhukkuba qaanii’’ jechuun ibsu sababni ammoo dhukkubsattoonni baayyee ofitti amanamummaasaanii dhabuun hawaasa irraa waan of looganiif.

Taateen kunis dubartota caalaa dhiirarratti akka mul’atu himu. Dubartoonni yeroo baayyee yoo dahumsarratti rakkoon feesitullaa mudatutti rakkina fincaan qabachuu dadhabuuf akka saaxilaman kaasu.