Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sababoota ijoo MM UK ji'aaf torban lamatti aangoo gadhiisisan
Liiz Tiraas Ministira Muummee UK ta'uun gara aangotti erga dhufanii reefu ji'aaf torban lama ta'a.
Haata'uutii wanna irraa eegamu hin bahanne jedhamuun qeeqaafi dhiibbaa irra gahaa tureen aangoo gadhiisuutti jiru.
Kunis seenaa UK keessatti MM yeroo gabaabaaf aangoorra turan isaan taasisa.
Liiz dhaaba warra Conservative keessatti MM duraanii bakka Booris Joonseen bu'uun kan filataman ji'a Fulbaanaa ture.
Ofii sababootni ijoon sadii dubartii ganna 47 Liiz Turaas aangoo akka gadhiisan dirqisiise haa ilaallu.
Karoora gibira xiqqeessuu
Liiz akkuma gara aangootti dhufaniin qormaatni itti baayyate. Torbee sadaffaa isaaniitti Ministeera Faayinaansii waliin ta'uun karoora gibira paawundii biiliyoona 45'n xiqqeessu qopheessan.
Karoorri kun rakkoolee diinagdee biroo hordofsiise. Qeeqa guddoofis isaan saaxile. Karoorri kun guutummaatti kan dhiifame yeroo ta'u Ministirri Faayinaansiis aangoorraa kaafaman.
Qeeqa miseensota paartii isaani
Liiz miseensota paartii isaanii irraa osoo hin hafin qeeqni irratti baayyachaa ture. Tokko tokko ifumatti aangoo gadhiisuu qabdi jechuun waamicha gochaa turan.
Ministirri Dhimma biyya keesaa Su'aalaa Bireevermaan aangoo isaanii fedhaan gadhiisan. Sana hordofees Liiz morkattoota isaanii duraanii Graant Shaaps fi Jeremii Haant gara garee hooggansa olaanaatti makanii turan.
Isa waadaa galan raawwachuu hanqatan
Liiz jalqaba hooggantuu dhaaba Conservative ta'uun yeroo filataman atattamaniis Ministira Muummee UK ta'an. Adeemsa kana keessa raawwachuuf wantoota waadaa galan raawwachuu hin dandeenye.
Aangoo gadhiisuu isaanii wayita ibsan ''haala amma jiru irratti hundaa'uun gaafatama akkan bahadhu paartiin koo amane na filateef akkan hin bahanne nan fudhadha'' jedhan.
Namni bakka isaanii bu'u hin beekamne
Liiz Tiraasiin bakka buusuuf Jimaata dhufu filannoon ni gaggeefama jedhamus ammatti eenyu akka ta'u hin beekamu.
Wanti ifa ta'e tokko garuu morkataa Liiz kan tran Jeremii Haant garuu warra filatamuuf dorgoman keessa akka hin jirreedha. Namni siyaasaa kun murtee isaanii kana ifa godhaniiru.
Liiz aangoorraa ka'uu isaanii ibsaniis namni bakka isaan bu'u hanga ifa godhamutti hojii kan itti fufan ta'uu ibsa isaanii Kamiisaa keessatti akeekaniiru.
Giiftiin UK Elizaabeet II du'uu isaanii dura aangoo olaanaan mirkaneessan inni dhumaa kan Liiz Tiraas ture.