Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siwidinitti Qur’anni gubachuu hordofuun Iraaq Ambaasaddara Siwidiin biyyaa ariyatte
Siwidin Istookhoolmitti Qur’aanni gubachuu hordofuun waldhabdeen dippilomaasii dhiheenya mudateen, mootummaan Iraaq Ambaasaaddarri Siwidiin Baagdaad keessaa akka bahu ajaje.
Iraaq dippilomaatii Siwidiin keessaa qabdu gara biyyaatti waamuun hojiiwwaan daldala dhaabbilee Siwidiin waliin qabdu addaan kutte.
Hiriirtonni taatee kana morman magaalaa guddoo Iraaq Baagidaad keessatti yeroo lammataaf Kamisa darbe imbaasii Siwiidin weeraruun dallaa Imbaasichaatti ibidda qabsiisan.
Ministirri Dhimma Alaa Siwidiin mormii kana ''guutumaan guututti fudhatama kan hin qabne'' jechuun ibse.
Baqataan Kiristaana Iraaq tokko Istookhoolm keessatti Qur'aana akka gubuuf yeroo lammataaf poolisii Siwiidin eeyyamufiif hiriirtonni erga dhaga’anii booda namoonni dhibbaan lakkaa'aman Imbaasii Siwidiin cabsan.
Taatee Imbaasii Iraaq fuulduratti ta’e kanarratti namni Salwaan Moomikaan jedhamu kitaabicha irratti chaappaa maxxanse, garuu ibidda itti hin qabsiisne.
Ji'a darbe masjiida guddicha Istookhoolmiin duratti kooppii Qura’aanaa tokkotti ibidda qabsiisee ture.
Muslimoonni Qur’aana akka jecha Waaqayyootti kan ilaalan yoo ta’u, miidhaan itti yaadamee ykn kabaja dhabsiisuuf raawwatamu kamiyyuu akka yakkaatti ilaalu.
Mormiin Istoockhoolm akka gaggeeffamu kan eeyyamameef erga manneen murtii uggura poolisii kuffisee booda ture, sababa eerame ammoo mirga walga’uu seeran eeyyame bu’uureffachuun ture.
Mormitoonni Bagdaad hiriira bahan, irra caalaa hordoftoota barsiisaa amantii Shi’aa Moqtadaa al-Sadri yoo ta’an, dallaa imbaasii Siwiidin irra ol ba’an, dallaatti ibidda qabsiisuu fi jeequmsa kaasuun poolisii waliin walitti bu’an.
Jeequmsa uumame hordofuun Siwiidin hojjettoonni ishee Bagdaad keessa jiran hundi nagaa akka turan ibsiteetti.
Mootummaan Iraaq haleellaa Imbaasii Siwiidin irratti raawwatame cimsee kan balaaleffate yoo ta’u, namoonni 20 to’annaa jala ooluu isaanii ibse.
Mootummaan Iraaq garuu Obbo Momikaan qur'aana gubuu lammataa akka ittifufu Siwiiditti yoo eeyyamameef hariiroo dippilomaasii waliin qaban akka addaan kuttu akeekkachiifte.
Sana booda Muummichi Ministiira Iraaq Mohaammad Shiha al-Sudani ibsa Kamisa darbe baasaniin Ambaasaaddarri Siwiidin Iraaq gadhiisan akka bahan gaafatan.
Dhaabbileen daldalaa Siwiidin kanneen akka dhaabbata telekoomii guddicha’ Erisson’ jedhamuuf eeyyamni hojii akka addaan cituu dhaabbanni oduu mootummaa Iraaq INA ibseera.
Waajjirri Muummicha Ministiraa tarkaanfiin kun kan Siwiidin Qur’aanaa fi alaabaan Iraaq akka gubatu irra deddeebiin eeyyamte, akkasumas qulqullummaa Islaamaa arrabsite jedhaniif deebii kennuu hime.
Biyyoonni kanneen akka Iraan, Turkii, Kuwaataar fi Sa’ud Arabiyaa mormiin akka ittifufu eeyyamuu balaaleffatan.
Ministirri Dhimma Alaa Siwiidin Toobiyaas Billistrom ibsa kennaniin haleellaa Imbaasii biyyasaanirratti raawwatame ''jecha cimaadhaan'' balaaleffatan.
"Aanga'oonni Iraaq ergama dippilomaasii fi dippiloomatota akkaataa waliigaltee Viyeenaa jalatti tumameen eeguuf dirqama qabu."
Ameerikaan, UK fi Gamtaan Awurooppaas haleellaa Imbaasii Siwidinirratti raawwatame balaaleffataniiru.
Ameerikaan humnoonni Iraaq Imbaasii Siwiidin Iraaq keessa jiru eeguu dhabuun isaanii ''fudhatama hin qabu'' jetteetti.
Waldhabdeen Qur’aanaan walqabatu kun xiyyeeffannoo biyyoota muslimoonni itti heddummmatanii fi Phaaphaasii Kaatolikii kan harkisee yoo ta’u,lamaanuu gocha Obbo Momikaa balaaleffatan.
Kana malees waldhabdee kun seera Siwiidin bilisummaa yaadaa eeyyamu xiyyeeffanno keessa akka seenu taasise.
Poolisiin Siwiidin jalqaba irratti iyyannoo Obbo Momikaan Qur’aana gubuudhaaf dhiheesse kuffisee ture, garuu manneen murtiitu kuffise.
Jalqaba baatii kanaas namtichi tokko Imbaasii Israa’el Istookhoolmitti argamuun duratti kitaaba qulqulluu warra Jiwishootaa Toraa jedhamu akka gubuuf hayyamni kennameefii ture.
Namichi kun doorsifamu hordofee hin raawwatiin hafe, garuu bilisummaan yaada ofii ibsachuu daangaa akka qabuu fi tilmaama keessa galchuu akka qaban agarsiisuu akka barbaade dubbateera.