Hiriirri Siwiidinitti Quraana gubate mormuuf bahame hookkaratti jijjiirame

Biyya Siwiidiin keessatti kanneen Quraanni gubachuu isaa mormuun daandiitti bahan poolisiitti bu'uun hookkarri dhalate.

Namoonni 300’tti tilmaamaman poolisiitti kan bu’an erga finxaalessitoonni siyaasa mirgaa leellisan Quraana gubanii boodadha.

Konkolaattonni yoo gubatan daawwitiin suuqiilee caccabeera. Kuni kan ta’e Magaalaa Kibba Swiidiin argamtuufi Maalmoo jedhamtee waamamtuu keessatidha.

Poolisiin akka ibsetti haalichi amma to’annoo jala ooleera.

Kanneen badii kanaan shakkamanii hidhamaniis jiru. Haa ta'u malee, lakkoofsi isaanii hin baramne.

Gaafa Jimaataa, poolisiin nama siyaasaa Daanish Raasmus Paaludaan jedhamu sagantaa Quraana gubuuf yaaderraa dhorkee ture.

Haa ta’u malee, deeggartoonni isaa garuu irratti hirmaatan.

Poolisiin Siwiidiin daangaa biyyattiitti kan isa qabe waggaa lamaaf Siwiidiin akka hin seenne dhorkaan irra waan ka’ameefi tureeti jedheera.

Nami siyaasaa Deenmaark biraa paartii Istiraam Kuurs jedhamu hogganu barana dhimmi sanyummaan walqabatee ji’a tokkoof hidhaa bu’eera.

Oduuwwan kaan: