Ajjeechaa Niiw Ziilaand: 'Ani akka lammata dhaladhettiin yaada'

Ajjeechaa Jimaata darbe biyya Niiw Ziilaand magaalaa Kiraayisticharch hordoftoota amantaa Islaamaa irratti raawwaten namoonni 50 ajjeefamaniiru.

Ajjeechaa kana lammiin Awustiraaliyaa fesbuukiidhaan kallattiin dabarsaa kan raawwate yoo ta'u mudannoo adduunyaa guutuu gaddisisedha.

Masjiida lama keessatti ture ajjeechaan kan raawwate. Tokko keessatti 40 isa hafetti ammoo 10'tu ajjeefame. Bakka namoonni 40 ajjeefaman sana lammiin Itoophiyaa lubbuun hafe tokko tureera.

Obbo Abdulqaadir Abbaa Booraa jedhamu. Abbaa ijoollee sadiiti. Erga garas barumsaaf jedhani deemanii waggoota sagala ta'uf akka deemu dubbatu. Waan gaafas mudate mara ofii isaanii akkanaan tarreessu.

Salaataaf deemnee waaree boodaa toora sa'aatii 7:40 osoo masjiida teenyuu dhukaasni karaa duuba keenya eegale. Nutimmoo rasaasa hin seene. Waan elektirikiin xaaxa'u nutti fakkaate. Osoo eegnu ibidda rasaasaa argine.

Booda namni fiige bahu jalqabe. Namni toora 200 ykn 250 ta'u masjiida keessa ture. Kaan foddaadhaan bahani.

Kan fiigee bahe bahe, kaa hafne nama gara 50 ni taana. Keessaa nama afurtama bakka tokkotti ajjeese.

Kana hunda keessaa anaafi imaamticha osoo hin tuqamin lubbuudhaan baane.

Lubbuu du'a oolte

Ani tarree duraanirran ture. Baqachuuf hin dandeenye. Nan fiiga jedhe alan ilaalu balbalarra nama 100 wayi jira. Achi yoon deemes du'uudha. Kan du'unkoo hin hafne asuma taa'ee du'arra jedhen bakkuma taa'u nan rafe.

Shalfii ykn madardaraa Quraanaa irra kaa'amu isaa harkiseetin ifirraan darbe. Shalfii jala akkuma nama du'e hafuura kute nan ciise.

Garuu, Rabbumaan na hambisekaa malee jidduu ka jiranu bitaa mirgaan nam tokko hin hafne. Hunduma ajjeese.

Abbaan ajjeese isuma Televizhinii irra mul'atedha. Ijaan argeera. Inni na hin argu ani nan arga.

Poolisiin dhukaasni daqiiqaa 10'f ture jedha garuu 15 ta'u danda'a. Namichi dhukaasu karaa duubaa dhufe. Bakka Imaamni dhaabbatu balballi hin jiru. Karaan duubaa itti seennu ammoo koridarii wayiiti.

Gaafa Juma'aa namni baay'ee waan dhufu bakki waan hin geenyeef namni koridariirra taa'a. Achumarraa balbalumarraa jalqabe dhukaasuu eegale.

Namni biraa lubbuun hafan Imaamtichi bakka dhaabatanu achuma taa'ani dhokatani lubbuun hafan.

Yaaddoo yeroo dhokatanii

Dhugaa Rabbii nan nahe. Edaa namni akkanatti du'aa jedheen yaade. Hanguma kanaa lubbuun tiyyaa jedheetin yaade. Booddee daqiiqaa yeroo dheerattu abdiin kute.

Haadha warraa tiyya, ijoollee tiyya al takkaa yaadeen imimmaan narra yaa'e. Booddee egaa abdiin kute. Kadhaadhuma rabbiittiin seene egaa maalan godha.

Lammiiwwan Itoophiyaa miidhaman

Kan du'an hin jiran. Ijoollee lama tokko Baahirdaarirraa tokko ammoo Gondarirraa kan dhufan miidhamanii hospitaala jiru.

Inni tokko laphee isaarra dhahame sombi isaayyuu xuqameera. Inni tokko ammoo miila isaatu cabe.

Haati warraa kiyya erga deessee torban lamadha. Ijoolleenis mana barumsaa waan turaniif masjiida fuudhee hin deemne ture.

Gammachuu lubbuun hafu

Ani amma akkuma reefu dhaladheettan yaada. Carraan jireneyaa akka haarawaatti natti kenname malee an silaa du'eera. Akkuma nama hirriba keessaa dammaqu iyyeen ka'e.

Dhiigni ilma namaa akkuma bishaan lagaa yaa'a. Namni namarra tuulame kan du'e maal jetta waan haasa'amu miti. Waan akkanaa lubbuu kiyyaan argee hin beeku.

Namni dhukaasa harkatti fashalsu akkamitti dhibe?

Namtichi leenjii cimaa qaba. Namoonni lama qabu yaalani turan. Garuu, dhaheetuma lafarra darbee isa tokko hin ajjeese inni tokko fiigee bade.

Kan hafne ammoo hin dandeenye. Badaa rakkisaadha.

Namoota du'ani ijaan arge keessaa daa'ima waggaa 2, 3, 7, 14 dabalatee dubartoota, jaarsota umurii 74, 77 fa'i jiru.

Inni ajjeechaa kana raawwatu jibba baqattootaa qaba. Olaantummaa namoota adiitti yaada. Nu biraa 40 ajjeese masjiida biraa 6km ka fagaatu dhaqe 10 ajjeese.

Ajeechaa booda poolisoonni dhufani. Booda walumaan nu qabani hospitaala nu geessani. Anaan nama taaksii oofu tokkotu na arge mana na geese.

Haatiwarraa koo yeroon mana gahu dhageesseetti. Alaan mana gahu hin boossi.

Egaa hanga ammaa homaa waan tokko hin rafu. Sammuun koos sirrii hojjetaa hin jiru. Gorsa ogeessota fayyaa hin arganne. Hospitaala dhaqeen ture garuu isaaniis ko'oomanii jennaan rakkisuu hin barbaanne.

Garuu hundumtu dhufanii nu dubbisaa jiru. Wanuma danda'anin nu gargaaraa jiru. [afuura dheeraa] badaa rakkisaadha.

Ergasii hojiis masjiidas hin dhaqne. Masjiidni caccabeera. Salaata Jimaataa (boru) masjiida fuuldura paarkii tokkotu jira. Achi salaanna jedhameera.

Namni meeqa akka dhufu hin beeku. Namni sodaa keessa jira. Bakkatti deebisuuf yeroo dheeraa fudhata.

Wanti dhukaasa rasaasaa arge sammuutti na dhufa. Warra du'an sanatu sammuutti na dhufa. Dhiiga gaafas argetu natti dhufa. Badaa rakkisaadha.

Ummanni haalaan gaariidha

Warri biyya kanaa namoota gaariidha. Hanguma danda'anin nu gargaaraa jiru. Kaardii waan itti binnus nuuf kennu. Rabbi galata isaanii haa deebisu egaa maal goona.

Akkuma biyyaa namuma nu hin beeknetu dhufe nu gaafataa jira. Waajjiraalee garaa garaa gargaarsa hanga ammaa argame hin beekne nu gargaaraa jiru. Badaa nama gammachiisa.