Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Masjiidota Niiw Ziilaand: Pirezidantiin Tarkii Tayiib Erdohaan viidiyoo haleellaa Niw Ziilaanditti raawwate maaliif agarsiisan?
Viidiyoon sukkaneessaan wayita hidhataan qawwee Masjiida Niiwziilaand mana sagadaa keessatti nama arge hundatti dhukaasaa ajjeesu agarsiisu miidiyaa hawaasumaarraa akka bu'u ta'ee hedduus balaaleffatameera.
Pireezidaniin Tarkii Tayiib Erdohaan garuu viidiyoon kun yoo agarsiifame hin badu jechuun filannoo dhuma ji'a kanaa irratti gaggeefamuuf hiriira deeggarsaa waaman irratti deeggaroota isaaniitti agarsiisaniiru.
Dilbata darbe magaala Tekiirdaagitti haasaa isaanii adda kutuun Erdohaan iskiriinii guddaan suurota ajjeechaa majiidicha keessatti raawwatame agarsiisan.
Itti aansuunis dhaabbilee gurguddoon, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irraa qabee hooggantootni addunyaa marti haleellaa kana haleellaa Islaamaa fi Musliimarratti xiyyeefate akka ta'etti hubatu. Haata'u malee ''finxaalessa Kiristaanaatiin raawwate hin jedhanii.'' jedhan.
''Osoo Musliima ta'ee jiraatee finxaalessa Islaamaa ittiin jedhu ture'' jedhan Erdohaan.
Viidiyoon Iskiriinii guddaan agarsiifame battala namichi Masjiidicha lixee dhukaasuu jalqabu agarsiisa. Haleellaa kanaan yoo xinnaate namoonni 50 ajjeefamanii hedduun madaawaniiru.
Hidhatichi Kaamera GoPro addasaarratti hidhatee feesbuukiirratti kallattiin tamsaasaa ture. Booda viidiyoon kun akka haqamu ta'eera.
Erdohaan viidiyoo kana maaf agarsiisan?
Hiriira deeggarsa isaaniif bahame kanarratti Pireezidant Erdohaan deeggarsa isaanii cimsuuf kana godhan jedhan ripoortarrii BBC Tarkiitti argamu Maark Loween.
Haasaa isaanii keessatti dargaggoon ganna 28 haleellaa kana raawwate biyya isaanii Tarkiifis ergaan onlaayinin dhaame jiraachuu ibsaniiru.
Namni haleellaa kana raawwate bara 2016tti Tarkii si'a lama daawwachuun guyyoota 40 biyyattii keessa tureera dhimmi kuniis qoratamaa jiras jedhaniiru.
''Musliimni yoo wal tumsuun waliin dhaabate haleellaa akka kanaa nurraan hin gahan. Yoo tokko ta'uu baanne garuu akkuma kana nu haleelu. Kanaaf tokko haa taanu. waliif haa eeggannu jedhaniiru Pireezidant Erdohaan.
Miidiyaaleen Tarkii haala ture akka Erdohaan jibba Islaamummarratti xiyyeefate ''Islamophobia'' dura dhaabachuuf dhimmicha kaasan jechuun gabaasan.
Qeeqxonni isanii viidiyoo kana agarsiisuun filannoof qabxii galmeesifachuuf itti fayyadaman jedhu.