Kaalifoorniyaatti abbaan qawwee namoota 12 ajjeese

Kaalifoorniyaa lafa Taawusand Ooks jedhamutti poolisii dabalatee yoo xiqqaate namooti 12 haleellaa abbaa qawwee tokkoon ajjeefaman.

Haleellaan kun mana dhugaatii irratti kan baname wayita ta'u, yeroo haleellaan kun raawwatutti yoo xiqqaate namooti 200 mana dhugaatii sana keessa turan.

Qondaalonni akka jedhanitti abbaan qawwee haleellaa kana raawwate mana dhugaatii sana keessatti ajjeefamee argame.

Eenyummaan isaas ta'ee yaada maaliin haleellaa kana akka raawwate adda hin baane.

Akkamiin ta'e?

Mana dhugaatii sana keessatti waarii muuziqaatu kabajamaa ture. Gidduudhumatti namichi uffata gurraacha uffate ol seenee dhukaasa bane.

Akka namoonni ijaan argan jedhanitti namichi kun boombii aaraa fi qawwee gariin awutomaatikii ta'e fayyadamuu hin oolle.

Namichi miidhaan irra gahe lubbuun hafe tokko: "Akkuma dhukaasa dhageenyeen lafatti kukkufne, namni hedduun iyyaa turan. Hiriyaan koo DJ turte, battalumatti muuziqaa dhaamsite, iyyaafi gidiraa hedduu dhageenye" jechuun miidiyaa biyya keessaatti hime.

Namoota 12 ajjeefaman keessa eenyummaan isaa kan barame nama tokko qofa. Kan 11 eenyummaan isaanii adda hin baane.

Waariin muuziqaa mana dhugaatii sana keessa ture irra caalaan barattoota Yuunivarsitii biratti jaalatamaa waan ta'eef hedduun barattoota yuunivarsitii ta'uu akka hin oolle shakkama.