Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barreessaan amantaa xiqqeessuun Musliimotaa dheekkamsiise, Salmaan Rashdii, eenyu?
Hojii og-barruu walakkaa jaarraaf keessa ture keessatti, Salmaan Rashdiif doorsifni ajjeechaa irra gahuun waan haaraa miti.
Kun ammoo sababa amala hojii isaarraan kan ka'edha.
Salmaan Rashii Hagayya 12, 2022 Niiwu Yoork waltajjiirratti namni billaadhaan isa waraanee amma hospitaala ciisee jira.
Kaayyoon osoo haasaa taasisaa jiruu waltajjii irratti inni waranameef maala akka ta'e poolisiin hanga ammaatti beekuu baatus hojii isaan kan walqabate akka ta'e ni tilmaamama.
Ofii Salmaan Rashdii eenyudha?
Barreessaan lammii Biriitish addunyaa irratti gurra guddaa qabuufi eenyuyyu caala baayyee milka'aadha jedhame kun, asoosama isaa lamaffaa Midnight's Children, jedhamuun bara 1981 badhaasa guddaa Booker Prize jedhamu argateera.
Asoosamni isaa afraffaa, The Satanic Verses, jedhu inni bara 1988 maxxansiise garuu badhaasa osoo hin taane "abiddarra isa kaa'e".
Asoosamni kun addunyaa irratti kitaaba kamiyyu caalaa hojii falmisiisaa ta'uurra darbee mormii guddaa addunyaa irratti kaasiseera.
Addunyaa Islaamaa keessatti, Musliimonni baayyeen hojiin barreeffamaa akka kanaa maxxanfamuun hedduu isaan dheekkamsiiseera.
Akka Nabiyyuu Mohaammad itti dhiyaate amantii isaaniitiif arrabsoo guddaa akka ta'e dubbatu.
Sababa asoosama isaa kanaan barreessaan umurii ganna 75 Rashdiin, ajjeesuuf doorsifni baayyeen irra gahaa waan tureef dhokachootti jiraachuuf dirqamee ture.
Doorsisa ajjeechaa irra gahu hordofee mootummaan Biriitish ammoo eegumsa poolisii jala akka ta'u godheera.
Kana mormuun Iraan hariiroo Yunaayitid Kingidam (UK) waliin qabdu atattamaan kan addaan kutte yoo ta'u, dursaan olaanaa amantii Iraan Ayatollah Ruhollah Khomeini ammoo labsii akka ajjeefamu (fatwa ) bara 1989 irratte baasan.
Kun kitaabichi maxxanfamee waggaa tokkoon booda ture.
Biyyoota Lixaa keessatti garuu, barreessitoonniifi beektonni doorsisa isarra gahu dhiibbaa walabaan of ibsachuurra gahaa jirudha jechuun hokkara kitaabicha mormuun uumame abaaraniiru.
Indiyaa irraa gara UKtti
Salmaan Rashdii maatii Musliimaa Kaashmiir irraa magaalaa Indiyaa, Mombaayitti dhalatee gara UK deemuun lammummaa argate.
Boodarra ammoo lammummaa US dabalataan argachuun Magaalaa Niiwu Yoork keessa jiraata.
Salmaan Rashdii Indiyaan kolonii Biriitish jalaa bilisa bahuudhaaf baatiin lama yeroo hafutti dhalatee yeroo umuriin isaa waggaa 14 ta'u gara UK deeme.
Kollejjii Seeraa Kaambiriij irraa barnoota Seeraan eebbifame. Yeroon booda lammummaa Biriitish kan argate barreessaan kun, amantaa Islaamaa dhiise.
Wayita barreessaa turetti gidduun hojii taatoofi ogeessa beeksisaa ta'uun hojjeteera.
Kitaabni inni dura maxxansiise Grimus jedhamu milkaa'ina guddaa hin arganne, garuu namoonni tokko tokko ammoo yeroodhuma sana barreessaa egeree cimaa qabu akka ta'e himaa turan.
Kitaaba isaa lamaffaa kan ittii hedduu milkaa'e barreessuuf waggaa shan itti fudhate.
Kitaabni mata-dureen isaa Midnight's Children jedhu kun badhaasa beekamaa Booker Prize bara1981 mo'ateera.
Kitaabni isaa Midnight's Children jedhu waa'ee Idiyaa irratti xiyyeefatu kun badhaasa mo'achuu qofa osoo hin taane UK keessatti qofa koppii miliyoona tokkoo olitti gurgurameera.
Asoosamni Rashdii sadaffaan 'Shame' kan jedhu yoo ta'u, bara 1983 maxxanfame. Kun ammoo waa'ee Paakistaan irratti kan xiyyeeffate ture.
Waggaa afuriin booda ammas kitaaba 'The Jaguar Smile' jedhu waa'ee imala isaa Niikaraaguwaa irratti fuulleffate maxxansiisee ture.
Kana hunda booda kitaaba isaa afraffaa 'The Satanic Verses' jedhamu doorsisi ajjeechaa akka irra gahu taasisa Fulbaana 1988 maxxansiiseera.
Qabiyyeen kitaaba kanaa hawaasa Musliimaa amanataa keenya arrabseera jedhan hedduu dheekkamsiiseera.
Mormii kitaabichi qaqqabsiise
Kitaaba kana jalqaba kan dhorkite biyya dhaloota isaa Indiyaa yoo taatu, Paakistaan itti aanti.
Itti-aansuun ammoo biyyoonni Musliimaafi Afrikaan Kibbaa kitaabicha dhorkaniiru.
Gama biraan ammoo kitaabichi badhaasawwan gurguddoon kennamaniiruuf. Mormiin kitaabicha irratti ka'us cimee itti fufuun baatiiwwan lamaan booda mormii addabaabaayiirraa qaqqabsiiseera.
Musliimonni hangi tokko qabiyyeen kitaabichaa Islaama irratti arrabsoo xiyyeeffate akka ta'etti amanu.
Wantota kitaabicha keessatti eeraman keessaa akka barreessichi maqaa haadhotii warraa Nabiyyuu Mohaammad lama itti gargaaramedha. Namoonni kana cimsanii mormaniiru.
Mata-dureen kitaabichaa luqqaasiiwwan kanneen Seexana irraa maddanidha jechuun Nabiyyuu Mohaammad akka Quraana keessaa bahan taasifaman jedhamanii amnaman waliin kan walqabatanidha.
Bara 1989 mormii UK Biraadfoord keessatti gaggeeffameen, Musliimonni koppiiwwan kitaabichaa ibiddaan gubaniiru.
Haata'u malee, Salmaan Rashdii mormii irratti dhiyaatu hin fudhatu.
Magaalaa barreessaan kun keessatti dhalate keessatti mormii kitaabicha waliin walqabatee hookkara uumameen namoonni 12 du'aniiru.
Imbaasiin Biriitish Teehiraan, Iraan jiru irratti ammoo dhakaan roobeera.
Iraan ammoo nama barreessaa kana ajjeeseef badhaasa dolaara miliyoona 3 akka kennituuf waadaa galtee turte.
Kun hundi yeroo ta'utti gaggeessitoonni Islaamaa UK keessa jiran mormiin ture kan daangaa darbedha jechuun kan qeeqan yoo ta'u, kanneen biroo ammoo ajaja gaggeessaan olaanaa amatnaa Iraan 'haa ajjeefamu' jechuun dabarsan sirriidha jedhanii falmu.
Ameerikaa, Firaansiifi biyyoonni lixaa biroon ammoo ajaja ajjeechaa sana mormaniiru.
Salmaan Rashdiifi haati warraa isaa eegumsa poolisii addaan hin cinne kan taasifamuuf yoo ta'u, sababa kitaabichaatiin gadda Musliimota gidduutti uumameef cimsee akka gaabbu ibseera.
Ta'us garuu dursaan olaanaa amantaa Iraan Ayaatolaa Komaaniin du'a irratti labsan akkuma mirkaneessanittidha.
Dhaabbanni kitaaba maxxansu Landan jiru karaa damee isaa Niiwu Yoork jiruun irra deddeebiin doorsifni ajjeechaa isa qaqqabaa tureera.
Ta'us garuu kitaabichi baayyee gurguramaa ture.
Mormii ergaa finxaalessummaa qabu barreessaa kanarra gahu mormuudhaan biyyoonni Awurooppaa hedduun ambaasaaddaroota isaanii Iraan, Tehiraan irraa yeroof hanga waamuutti gahaniiru.
Daafaa kitaabichaa warra kaaniifuu gahe
'Daafaan' kitaaba kanaa kan barreessichaarra kan darbedha.
Namni kitaaba kana gara afaan Jaappaanitti hiike yunivarsiitii magaalaa Tookiyoo keessatti argamu keessatti ajjeefameera.
Piroofeesara gargaaraa kan ture Hitoosh Igaaraash yunivarsiistii Taabugaatti argamu keessatti irra deddeebiin billaan erga waraanamee booda daandii waajira isaatti dhiyoo jiru tokko irratti gatamee argameera.
Hanga har'aa namni ajjeese eenyu akka ta'e hin beekamne.
Kun osoo hin ta'iin ji'a tokko dura namni kitaabicha afaan warra Xaaliyaaniitti hiike Itooree Kaapriiloo mana isaa Miilaan keessatti billaan waraanamus lubbuu ooleera.
Kitaaba 'The Satanic Verses' jedhu gara afaan Noorweyitti kan hiike Wiiliyaam Naayigaard bara 1993 mana isaa dhiyootti itti dhukaafamee du'a irraa garuu ooleera.
Salmaan Rashdii isaan boodas kitaabota daa'immanii hedduu maxxansiiseera. Bara 2003 gara diraamaatti kan jijjiirame kitaaba isaa Midnight's Children' irratti hirmaateera.
Waggoota 20 darban keessa kitaabota baayyee dubbistoota biraan gaheera.
Barreessaan falmiisaa kun si'a afur gaa'ela kan dhaabbate yoo ta'u, ijoollee lama qaba.
Rashdiin yeroo ammaa jiraachaa kan jiru Ameerikaadha.
Gumaacha og-barruu keessatti taasiseef bara 2007 Giiftii Ingiliiz Elzaabeet irraa badhaasni kennameeraaf.
Bara 2012 ammoo yaadannoo kitaaba isaa 'The Satanic Verses' jedhu waliin walqabsiisee qabu barreesseera.
Mootummaan Iraan ajaja du'aa bara 1989 irratti dabarsee tureef deeggarsa kan addaan kute yoo ta'u, waggoota dhiyoo asittis haala bilisummaan isaa foyyaa'e akka argate dubbata.
Ta'us garuu doorsisni ajjeechaa akkuma itti fufetti ture.
Dursaan amantii olaanaa Iraan Ayaatolaa Komaanii ajaja du'aa ykn 'fatwa' barreessaa kana irratti dabarsan ilaalchisuun yeroo tokko dubbatanii, "akka rasaasa xiyyeeffannaa isaa osoo hin argatiin hin hafneeti," jedhanii turan.
Kitaabni falmisiisaa ta'e kun maxxanfamee waggoota 20 booda, barreessichi Magaalaa Niiwu Yoork waltajjii tokko irratti haasaa osoo taasisaa jiruu Jimaata Hagayya 12, 2022 billaadhaan waraaname.
Haleellaan kun dargaggeessa umuriin isaa waggaa 24 ta'e Niiwu Jarsiirraa dhufe Hadii Maataar jedhamuun akka raawwatamu kan himame yoo ta'u, Rashdiin amma lubbuu isaatiif haaala yaaddessaa ta'erra jira.
Kaayyoon haleellaa kanaa dhimma kanaan dura waggootaa doorsifamaa ture waliin kan walqabate ta'uu isaa poolisiin hin mirkaneeffatiin jiru.