Arjantinaan deeggartoota kubbaa miilaa qarshii tarsaasan adabuufi

Deeggartoota qarshii tarsaasan

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Arjantiinaan deeggartoota kubbaa miilaa biyya alaa jiraattota aarsuuf nootii qarshii tarsaasan ykn guban akka adabdu beeksifte.

Deeggartoonni kunneen kubbaa daawwachuuf biyya biraa irraa Arjantinaa kan dhaqani dha.

Deeggartoonni kilabootaa biyyoota Ameerikaa Kibbaa irraa dhufan maallaqa Arjantiinaa peessoo jedhamuun jiraattota aarsuuf kana raawwatu.

Biyyattiin sababa qaala'insa gatiin haala diinagdee rakkisaa keessa jirti

Deeggartoonni yeroo peessoo tarsaasan argaman hidhaa guyyaa 30n adabamu.

Jiraattota aarsuuf addatti qarshii kan tarsaasan deeggartoota kilabootaa Biraaziliifi Chiilii irraa dhufani dha.

Ejansiin Ittisa Hokkora Ispoortii Ajantiinaa gochaan akkasii seera, ispoortii irratti ''lola kakaasuu akkasumas nagaan uummataa akka jeeqamu gochuu,'' dhorku cabsa jechuun miidiyaan biyya keessaa gabaaseera.

Namoonni seera kana cabsan qaamota seera raawwachiisaniin kan to'ataman yoo tahu, rakkoon yoo jabaate ammoo kilabni isaaniyyuu ni adabamajedhe ejansichi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qaala'insi gatii Arjantiinaa waggoota dhihoon asitti akkaan kan dabale yoo tahu, jalqaba bara kanaarratti harka 100 oliin dabaleera. Kunis qaala'insa gatii olaanaa 1990tti galmaa'un booda kan jalqabaati.

Waxabajjii keessa harka 115.6'n dabaluu ejansiin istaatistiksii biyyattii himeera.

Sharafni alaa biyyattis akkaan gadi bu'eera. Guraandhala darbe Baankiin Biyyaalessaa nootii peessoo abbaa 2000 baaseera kunis nootiin abbaa 1000 gara doolaaraatti yeroo jijjiiramu 2.70 taanaani.

Maallaqni Arjantiinaa ammaa bara 1992 yeroo beeksifamu gatiinsaa doolaara tokko akka tahuuf murteeffamee ture garuu reetiin dhaabbataa kuni biyyattii rakkoo faayinaansii bara 2001 fi 2002 keessa yeroo mudatu hafe.

Haalli diinagdee kuni siyaasa biyyattii irrattis rakkooo uumeera. Waqtii boonaa darbe baatii tokko keessatti ministeerroonni diinagdee afur walfuranii turan.

Bitootessa 2022 Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa qabdii maallaqaa ji'a 30 gatiinsaa doolaara biiliyoona 44 gaheera.