Imbaappeen wanti barbaade yoo ta'e barana PSG hin gadhiisu jedhe

Kiiliyaan Imbaappee

Madda suuraa, Getty images

Taphataan ganna 24 lammii Faransaay Kiiliyaan Imbaappee wanti barbaade yoo ta' bara kana PSG hin gadhiisu jedhe.

Imbaappeen kana kan beeksise marii abbaa qabeenyaa PSG Naasiir Al kaliifaa waliin godhan irratti akka ta'e gabaafame.

Ji'oota muraasa dura kilaba isaa PSG waliin kontiraata qabu akka hin dheeressine fi bara dhuftu bilisaan kilaba fedhutti akka jijjiiramu ibsuun isaa kilabicha wajjiin rakkoo keessa isa galchee, dubbii ijoos isa taasiseera.

Taphataa qacaleen sarara fuulduraa kun bara 2024 bilisa Riyaal Maadriiditti makamuuf waliigaltee raawwateera jedhee kan amanu PSG, Taphataa gahumsa addaarra argamu kana bara dhuftu bilisaan gadhiisuurra bara kana gurguratee irraa buufachuuf gabaa baasee ture.

Taphataan kun kilabni isa barbaadu yoo xiqqaate miindaa paawundii miiliyoona 200 kaffaluufi akka qabus dubbatee ture.

Ergasii kilabni Saawdii Arabiyaa Al Hilaal maallaqa riikardii addunyaa ta'e, paawundii miiliyoona 259 PSG'f dhiyeessee ture, kilabichi simatus Imbaappeenis ta'e bakka bu'oonni isaa bakka buutota Al Hilaal hin simanne.

Amma PSG waliin leenji'aa kan hin jirre Imbaappeen, marii irra deebiin abbaa qabeenyaa kilbaichaa Naasiir Al kaliifaa waliin Kibxata taa'een taphatichi ejjennoo isaatti cicheera jechuun barruun biyyattii Leparisien gabaaseera.

Wanti barbaade, haala kamuu keessatti yoo ta'e bara kana PSG akka hin gadhiifne fi dhuma koontiraata isaa akka eegu abbaa qabeenyaa kilabichaatti himeera jedhame.

''PSG turuun kun waan filannoo hin qabneedha'' jedhe Imbaappeen.

Abbaan qabeenyaa kilabichaa namni kamuu kilaba kanaan ol miti jechuun imbaappee qophii PSG'n liigichaaf godhu keessaa akka bahu godhaniiru.

Ammaaf gaaffiin Imbaappeen bara dhuftu kilaba kam keessatti taphata jedhu deebii argateera.

Imbaappeen hanga dhuma koontirata isaattii PSG'f taphates taphachuu baates achuma tura jechuudha.

Oduu jijjiirraa taphatoota biroo

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jifataan lammii Ingilaand kilaba Tootenhaam Haarii Keen, yaaliiwwan hedduu booda waggaa afuriif Baayer Miiyuunikiif mallatteessuuf waliigalteerra gahuu Athletic gabaaseera.

Leenjisaan Baayern Toomaas Tuheel, Keeniin xiyyeeffannoo isaa jalqabaa godhe waan tureef osoo milkaahuu baatee raafaatuu ta'a turee jedha Telegraph.

Athletic akka gabaasetti Tootenhaam jijiirraa Keeniif Baayern irraa paawuundii miiliyoona 86.4 dhiyaate simateera.

Gama kaaniin torbanootaaf Cheelsiin adamsamaa fi dubbiis gochaa kan ture Mooses Kaayisiidoo gara Liivarpuul jiijjiiramuuf fiixeerra gaheera.

Faabriziyoo Romaano akka gabaasetti, Liivarpuul fayidaawwan adda addaa dabalatee paawundii miiliyoona 110 taphataa sarara gidduu Biraayitan kanaaf dhiyeesse kilabicharraa fudhatama argateera.

Cheelsiin ammoo taphataa sarara gidduu lammii Xaaliyaan amma garee PSG keessatti dursa hin arganne Maarkoo Veraatii adamsaa akka jiru Foot Mercato gabaaseera.

Gama kaaniin jifataan lammii Naayijeeriyaa Seeriyaa Xaaliyaan keessatti gahumsa agarsiiseen gatiin isa qaala'e, Viiktoor Osmiheen, bara dhuftu kana achuma Naapolii akka turu pireezidantiin kilabichaa Awureeliyoo De Laawureentiis dubataniiru.

Maanchiistar Siitii, kan taphata sarara gidduu barbaadaa jiru, Weestihaam irraa Lukaas Pekuweetaa mallatteessifachuuf paawundii miiliyoona 80 dhiyeessuu akka qabu gafatameera.

Goolii eegaan isaanii leenjiirratti kan jalaa miidhame, Riyaal Maadriid, goolii eegaa Maanchistar Yunaatiid duraanii Deeviid Deehiyaa barbaadaa jiru. Maanchistar Yunaatiid kontiraata haaraa mallatteessuuf fedha dhabuurraa kan ka'e Dehiiyaa amma tola jijjiiramuu danda'a.

Barana Piriimiyeer Liigiitti kan deebi'e Baarnileey ammoo taphataa sarara gidduu Astoon Viilaa Aroon Raamseey paawundii miiliyoona 14'n kan ofii godhachuuf waliigalteerra gahuu Talksport gabaaseera.