Piriimiyeer Liigii bara kanaa eenyu injifata?: Tilmaama xiinxaltoota 26

Xiinxaltoota Kubbaa Miilaa BBC

Piriimiyeer Liigiin Ingiliz bara 2023/24 torban afuriif gaggeefamee, amma dorgommiiwwan idila addunyaa garee biyyaalessaaf boqonnaatti jira.

Tapha hanga ammaa godhaman arfanuu kan injifate shaampiyoonaan bara darbee Maachistar Siitiin tapha hundarraa qabxii sadi sadii argatee qabxii 12 fi gooliiwwan sagaliin tokkoffaadha.

Tootenhaam, Liiverpuul, Weestiham fi Arsenaal ammoo taphoota arfan taphatan keessaa tokko qixxee bahuun garaagarummaa gooliin waldursanii lammaffaa hanga shanaffaa sadarkaa jiru qabataniiru.

Ofii piriimiyeer Liigii boru eegalu kana eenyutu injifata? sadarkaa hanga arfaffaa jiruhoo eenyu qabachuun bara dorgommii dhufu kana xumuru?

Maanchistar Siitiin baroota dorgommii walitti aanan sadiif piriimiyeer liigicha injifatee, amma riikardii haaraaf qophaa'aa jira.

Gareen Peep Gaardiyoolaa, seenaa Piriimiyeer Liigii waggoota 135 keessatti kilaba jalqabaa baroota walitti aanan afur shaampiyoonaa ta'e kan jalqabaa ta'uuf kaayyeffate.

Arsenaal ammoo guyyoota 248 dursaa turee torbanoota muraasa gara xumuraa bara dorgommii darbeerratti laafuu isaan shaampiyoonummaa dhabee haaloo bahachuu yaada.

Maanchistar kan duubaa ka'ee bara darbe sadaffaa ta'e xumure, waggaa 10 booda hiree liigicha injifachuu qabaataa?

Liivarpuuloo akka baroota darbanii morkattuummaa Siitii waliin agarsiiseetti deebi'aa?

Xiinxaltootni kubbaa miilaa BBC 26 tilmaama kaahan keessaa, namootni 25 baranas Maanchistar Siitiin piriimiyeer liigicha ni injifata jedhan.

Tilmaama ogeessonni kubbaa mila BBC akka agarsiisutti sadarkaa 1-4 jiru kilaboota qabachuu malu jedhaman torbatu maqaa dhahame.

Isaanis Maanchistar Siitii, Arsenaal, Maanchistar Yunaayitiid, Liivarpuul, Cheelsii, Niiwkaastiliifi Astoon Viilaadha.

Tilmaama ogeeyyii 26'niinuu sadarkaa 1-4 keessaa kilabootni maqaan isaanii dhahame garuu Siitii fi Arsenaal qofa.

Tilmaama eenyu injifata jedhuun ammoo nama tokko qofatu Arsenaal jedhe. Kannen hafan 25 Siitiitu injifata tilmaama jedhu kennan.

'Maanchistar Siitiin garee jabaa, leenjisaa cimaa qabuufi jifataa jabaa qabu'

Tilmaamni harki 96 ta'u maaliif Maanchistar Siitin baranas shaampiyoonaa ta'a jedha?

Ogeeyyiin yaada isanii kennan ammas Siitiin garee jabaa, kanneen biroo hundarra wayyoo qabuudha jedhu kennu. Itti dabaluunis leenjisaa qaroo qabaachuu akka sababaatti kaasu.

Jermaine Beckford ''haala taphaa isaanii dhaabsisuuf ni ulfaata, akkamiinimmoo Haalaandiin dhaabsista?... '' jedha.

Xiinxalaa biraan ammoo hanga Peep Gaardiyoolaan Siitii jirutti kilabichi fiixeerra taa'a jedha.

Chris Sutton ammoo tibba jijjirraa kana Siitiin akka warra kaanii taphattoota haaraa hedduu fiduu baatus, kaan isa bira hin darban, Peep waan tooftaa taphaa isaaf tolu gochaa jira jedha.

Nedum Onuoha: ''Akkuma bara darbee torbanoota jalqabaa gaarii ta'uu dhiisuu malu, sababa taphattoota murteessoo lama garee isaanii keessa turan dhabaniif. Garuu ammoo muuxannoo guddoo injiifachuu sababa qabaniif hin rakkatanii'' jedha.

'Arsenaal gahumsa isaa bara darbee ni dhaba jedhee hin yaadu'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara darbe ogeeyyii kubbaa miilaa tilmaama kennan 23 keessaa saddeet qofatu Arsenaal garee afur jalqabaa keessatti xumura jedhee tilmaame. Namoota kanneen keessaa kan Arsenaal afraffaa ol ta'ee xumura jedhee tilmaame hin jiru.

Bara kana garuu ogeeyyii 26 keessaa Arsenaal sadarkaa lamaffaadhaan gaditti xumura jedhee kan tilmaame ogeessa afur qofa. Kaan lammaffaa bahee xumuraa jedhan.

Ellen White: Arsenaal bara darbe shaampiyoonummaatti baayyee dhiyaatee ture. Baranammoo garee isaatti taphattoota haara gaarii dabale. Jiisas miidhaamaan taphoota jalqabaa hin hirmaatu ta'us, goolii glachuuf hin rakkatu jetti.

Xiinxaltootni kaan ammoo Arsenaal taphataa Weestihaam duraanii Deeklaan Raayisiin mallatteessifachuun gahuumsa akka dabaluuf amanu. Kaayi Haveertiz irraa kan gaaffii qabanis jiru.

Fara Williams ammoo ''Arsenaal bara kana Chaampiyoonsi Liigii keessatti waan hirmaatuuf rakkachuu danda'aa jetti. Yirooppaa Liigi irratti bara darbe taphattoota boqochiisaa ture. Barana akkas gochuu waan danda'an hin se'uu'' jetti.

Martin Keown xiinxalaan deeggaraa Arsenaalis ta'e barana ''Arsenaal gahumsa isaa bara darbee ni dhaba jedhee hin yaadu'' jedha.

'Maanchistar Yunaayitiid gahumsa walitti fufaa hin qabaatan'

Bara darbe ogeeyyii 23 keessaa ogeeyyii sadii qofaatu Maanchistar Yunaayitiid hiree Chaampiyoonsi Liigii irratti hirmaachuu argata tilmama jedhu kenne.

Bara kanas ogeeyyii 26 keessaa 22 Yuniaaytiid bara dhuftuus hiree chaampiyoonsi Liigii irratti hirmaachuu ni argata tilmaama jedhu kennaniiru.

Hedduun isaanii bara kanas sadaffaa ta'ee xumura jedhanii tilmaamu. Ogeeyyiin hedduun Yunaatiid leenjisaa Eriik Teenhaag jalatti akkaatan ijaaramaa jiru dinqisiisaa ta'uu kaasu, jifaataa haaraa dhiyoo mallatteeessan, Hujland, dhiibbaa akka uumus amanu.

Garuu ammoo ogettii akka Fara Williams' ''Yunaayitii rakkoon goolii galchuu qabu ishee yaadessa.''

Goolii eegaa haaraa lammii Kaameruun Andree Onaan mallatteesifachuun isaa ittisa isaa jabeessuu mala kan jedhu ammoo Karen Bardsley dha.

Liivarpuul Ammayyuu taphattoota barbaada

Tilmaama bara darbe kennameen ogeessi Liivarpuul hiree hirmaannaa Chaampiyoonsi Liigii ni dhaba jedhe tokko hin turre.

Tilmama bara kanaatiinis nama tokko qofaatu Liivarpuul hanga sadarka sadaffaa dhufuu akka danda'u tilmame.

Kilbichi bara kana taphattota murteessoo akka Heendersan, Miilner, Firmiinii jijjiirraadhaan dhabeera. Sarara gidduu haaraa taphattoota akka Maak Alisteeriifi Sooboozlaayiin ijaareera.

Ogeeyyiin kun jifattootni isaa gaariidha, rakkoo goolii galchuu hin qabaatan jedhanii ittisniifi gidduun isaa ammallee nama barbaada jedhu.

Cheelsiin kan bara darbe sadarkaa 12'ffaan xumure baranas hirmaannaa Chaampiyoonsi Liigii argachuun salphaa hin ta'uuf jedhu ogeeyyiin kunniin. Ogeeyyii 26 keessaa sadi qofatu Cheeliin afraffaa ta'ee xumura tilmaama jedhu kenne.