Neeymaar PSG gadhiisuuf gaafachuu, oduu jijjiirraa Haarii Keeniifi kaan

Neeymaar

Madda suuraa, EPA

Taphataan sarara fuulduraa lammii Biraazil Neeymaar kilaba isaa PSG gadhiisuu akka barbaadu beeksise jechuun barruun Faransaay L'Equipe - in French gabaaseera.

Jifataan ganna 31, Neeymaar ganna kana PSG gadhiisuuf gaaffii dhiyeeffachuu fi kaayyoon isaas kilaba isaa duraanii Baarseloonaatti deebi'uu akka ta'e gabaafameera.

Chelsiin Neeymaariin gara Istaanfoord Biriij fiduuf dubbii eegaleera jechuun barruun Faransaay kan biroon RMCSPORT gabaaseera.

Gama kaaniin taphataan sarara gidduu Maanchistar Siitii Bernaardoo Silvaa Baarseloonaan kan isa barbaadu ta'us Siitii waliin turuuf waliigaltee dheeressuuf fiixeerra jira jechuu barruun Mundo Deportivo gabaaseera. Kontiraata dheeressuu dura guyyoota muraasaaf waan Baarseloonaa dhiyeessu eeguuf akka jirus barruun kun gabaaseera.

Baayern Miyuunik ammoo jifataa Tootenhaam Haariiy Keen mallatteessifachuuf maallaqni marsaa sadaffaaf dhiyeesse, paawundiin miiliyoona 86 fudhatama hin arganne.

Miyuunik torban kana keessa taphataa kana waliin waliigalteerra hin gahu yoo ta'e gara taphataa biraa adamsuutti akka ce'u eegama.

Tootenhaam ammoo Miiyuuniik gatii taphataa kanaaf baase guutee marroo arfaffaaf ni deebi'a amantaa jedhu qaba.

Liivarpuul ammoo taphataa sarara gidduu Saawuzaapton Roomiyoo Laaviyaa mallatteessifachuuf maallaqni paawundii miiliyoona 50 marsaa sadaffaatti dhiyeesse kufaa godhameera.

Ittisni Maanchistar Yunaayitiid Haarii Maaguwaayeer Weestihaam irraa gaaffiin dhiyaatuufis taphatichi kilaba Chaampiyoonsi Liigii keessatti hin taphannetti jijjiiramuu akka hin barbaanne ibsuu isaan Yunaayitiid turuun isaa hin oolu jedhameera.

Weestihaam taphataa sarara gidduu Yunaayitiid Iskoot McToominaay fudhachuuf paawundiin miiliyoona 30 Yunaayitidiif dhiyeesse fudhatama hin arganne.

Taphataan sarara gidduu lammii Xaaliyaan Amajjii darbe Cheelsii irraa Arsenaalitti makame, Jorgiinihoo gara kilaba biyya Tarkii Feenerbaachee jijjiiramuu mala jechuun barruun Times gabaaseera.

Jogiinihoon Amajjii darbe ture gara Emireets kan dhufe. Arsanaal goolii eegaa Bireentifoord Daavid Raaya fudhachuuf dubbiitti kan jiran yeroo ta'u, Miiyuunikis goolii eegaa ganna 27 kana ni barbaada.