Virjil Vaan Daayik Liiverpuul 'yaaddoo' qabaachuu hime

Dursaa taphattoota Liiverpuul, Virjil Vaan Daayik

Madda suuraa, Getty Images

Bara kana Liiverpul keessaa dursaa taphattootaa kan ture Hendersan dabalatee taphattootni gameeyyiin jaha gadhiisaniiru.

Tapha michummaa yeroo gannaa kana gaggeessan irratti qabxii isaan galmeessanis kilabichi taphattoota haaraa dabalataa akka barbaadu kan agarsiisudha.

Faabiniyoon kilebichaa erga bahee taphataa Saawuzhampitan, Roomiyoo Laaviyaa mallattesisuuf yeroo sadii gatii dhiyeessaniiru.

Sodaa deeggartootni qaban naaf gala, nan isaan hubadha, garuu an nama yaada hamaa qabu miti,’’ jedhe dursaan taphattoota Liiverpuul ammaa Virjil Vaandaayik.

"Yeroo taphattootni baay’een kilebicha keessaa bahan, dursaan taphattootaa yoo bahu, itti aanaan dursaa taphattootaa yoo bahu, amma garuu bakka isaanii taphatoonni lama qofaa yeroo dhufan dhuguma nama yaadessa,’’ jedhe.

Morkattoota keenya caallee kubba to’annoo taphachuudhaan baay’ee gaariidha, garuu galchii baay’een nurratti lakkaa’amuun garuu gaarii miti, jedhe.

Liiverpuul taphattoota jajjaboo hagas dhabee bara kana kan mallatteesise Doominik Sooboslaayii fi Maak Alister qofa.

Garuu Hendersan, Faabiniyoo, Nabii Keetaa, Jeemsi Miilner, fi Aleeksi Oksileed Chaamberliin kilebicha gadhiisaniiru. Sara giduu irratti hanqina taphattoota muuxannoo qabanii fi kilebicha keessa turanii waan isa mudatudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiyaagoo Alkaantaraa fi Istiifen Bajetich erga bara dorgommii darbe miidhamanii ammayyuu bayyaannachaa waan jiraniif Liiverpuuliif deebi’anii hin taphanne.

Bakka isaanii Kiloop Koodee Gaakpoo gara sarara gidduutti deebisuun taphoota michummaa irratti taphachiisaa turan.

Dursaa taphattoota Liiverpuul kan tahe Vaan Daayik, bara kana taphattoonni Liiverpuul waancaa injifachuuf kutannoo guddaa qabu jedhe. Haa tahu malee, hojii ulfaataan akka isaan eeggatus hin haalle.

Garee morkattootaa yoo ilaalle, akkan of cimsuu isaanii argina. Garuu isaan waliin morkachuuf qophiidha jedhe.

"Ofitti amanuu qabna, guyya guyyaan waan haaraa barachaa jirra. Taphattoonni milkaa’ina kana duraa keessatti shoora olaanaa bahatan kilabicha gadhiisaniiru. Warri jirru itti fufun milkaa’uuf hojjechuu qabna,’’ jedhe.

Abbootiin qabeenyaa Liiverpuul, FSG’n ammas kilebicha gadi buuseera. Taphattoota muuxannoo gaarii qaban hin mallattesifne. Sarara ittisaarra hanqinni guddaan jiraatus homaa hin mallattessifne.

Kilebootni Piriimer Liigii 17 tahan Liiverpuul caalaa baasuun taphattoota haaraa mallattesisaniiru.