Iraan ejansii atoomikii UN waliin akka hin hojjanne beeksifte

Iraan dhaabbata UN nikularii to'atu Ejansii Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) waliin akka hin hojjanne ifa goote.

Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan seera paarlaaman biyyattii akka ejansii atoomikii UN waliin hin hojjanne raggaasise akka hojiirra oolu har'a, Adoolessa 2, mirkaneessuu isaanii miidiyaalee Iraan wabeeffachuun maddi oduu Rooyitars gabaase.

Paarlaamaan biyyattii torbee darbe, Waxabajjii 25, seera Iraan dhaabbata UN nikulara to'atu wajjin hojjachuu dhorku ragaasisee ture.

Kunis haleellaa Israa'el Iraanirratti haleellaa banuun buufataalee nikularaashee jalaa haleeluu hordofeeti.

Haleellaa Israa'el Iraanirratti banteen buufataalee gabbisa nikularaa Iraan sadi: Nataanz, Isfahaanifi Fordoo irratti miidhaan qaqqabuutu himame.

Boodarra ammoo Israa'elitti dabalamuun US buufataalee nikularaa Iraan haleelte.

Kanarraa ka'uun Iraan sagantaa gabbisa nikularaa taasiftu kamuu to'annoo Ejansii Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaatiif banaa gochuu dhiisufi waliin hojjachuu dhiisuf akka murteessitu akka ishee dirqisiise himti.

Ejansiin Anniisaa Atomikii Idiladdunyaa ji'a darbe keessa Iraan gabbisa Yukiraaniyeemii hanga kaayyoo siviliif barbaachisuun olitti guddisuu gabaasa dhiyeessuu hordofee Israa'el battalatti lola Iraanirratti bante.

Gabaasi ejansichi dhiyeesse dhara ta'uufi haleellaa Israa'el gaggeessiteef illee balbala baneera jechuun himatti Iraan.

Israa'el gabbisa nikularaa Iraan waggoota dheeraf xiyyeeffannoon ilaalaa turet. Kunis, Tehraan gabbisa yuraaniyeemii boombii nikularaa hidhachuu ishee dandeessisu qabdi jechuun nageenyasheef yaaddoo akka qabduufi humnaan dhaabsisuuf itti dhaataa turte.

Akkuma itti dhaadataa turte Waxabajjii 13 Iraanirratti haleellaa gaggeessiteen, buufataalee nikularaa Iraan haleeluu dabalatee saayintistoota nikularaafi qondaalota waraanaa olaanoo jalaa ajjeeste.

Iraanis haleellaa misaa'elaafi diroonin deebii kennaa lolli guyyaa 12 gidduu isaanitti gaggeeffamee ture.

Boodarra dhiibba dippilomaasii taasifameen biyyoonni lamaanuu dhukaasa dhaabuf tole jedhan.