Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee seenaa sagantaa nikulaara Iraan deeggarsa Ameerikaatiin eegalame kana beektuu?
Waa'een sagantaa nukilaraa Iraan waggoottan digdama darban keessa Baha Giddugalaa keessatti dhimma siyaasaa ijoo ta'uusaatiin alatti warra lixaa waliinis dugdaa fi garaa taasiseera.
Ejjansiin Annisaa Atomikii Idil-addunyaa (IAEA)n erga bara 2003tti Iraan waggoota 18f icciitiidhaan dhaabbilee nikulaaraa ijaaraa turuu erga irra gaheen booda, yaaliiwwan dippilomaasii walitti fufiinsaan gaggeeffamaniiru.
Taateen kunis Iraan waliigaltee meeshaalee waraanaa nikulaaraa fi teknolojii mallatteessite kan cabsuudha.
Kanaan kan ka'es Israa'eliin ija hamaan wal ilaaluu bira darbee, dhiibbaa warra lixaatiin Iraan irratti balaaleeffannaan dippilomaasii, uggurrii fi dhiibbaawwan kaan taasifamaa tureera.
Kun ammoo kan biyyoota lixaa qofa osoo hin taane kan michoota Iraan kan ta'an Chaayinaa fi Raashiyaas dabalate ture.
Iraan wal dhabdee kana keessa kan galchee sagantaan nikulaaraa yeroo sana pirezidaantii Iraan kan turan Mohaammad Hataamii sagantichi kaayyoo nagaaf akka ta'e dubbachuu isaaniti.
Sochicha qindeessaa kan turte Ameerikaanis ragaalen Iraan keessatti argame fayyadamuun Tehraan boombii nikularaa omishuuf karoora qabdi kan jedhu shakkii qabduuf akka ragaatti dhiyeessiti.
Dhimmi sagantaa gabbisa nikulara Iraan Joorj Buush irraa kaasee hanga Doonaald Tiraampitti ajandaa ijoo pirezidaantota US ture.
Kunis sagantaan gabbisa nikulara Iraan madaala humna Baha Giddu Galeessaa jijjiiruu danda'a yaaddoo jedhurraa kan maddeedha.
Pirezidaantiin duraanii US Buush bara 2002 haasaa taasisaniin Iraan qaama "Axis of Evil [Gamtaa Jallinaa]" akka taate ibsuu hordofee qoqqobbiiin cimaan Iraaniratti jabaataa deeme.
Baaraak Obaaman ammoo bara bulchiinsa isaanii jechuun Iraan wajjin marii taasisaa turan.
Bara 2015 tattaaffii bulchiinsi Obaamaa taasiseen, Iraan biyyoota akka US, UK, Faransaayi, Jarman, Chaayinaafi Raashiyaa waliin waliigaltee taasiste.
Akkaataa waliigaltichaatin Iraan gabbisa yuraaniyeemii xiqqeessun bakkasaa ammoo qoqqobbiin irraa akka ka'uudha.
Haata'u malee, Tiraamp akkuma aangoo qabateen US waliigaltee bara 2015 keessaa baasun Iraanirra qoqqobbii kaa'e.
Iraan ammoo gabbisa yuraaniyeemii hir'isuuf waliigalte itti fufuun akka gabbistu beeksifte.
Gabbisni yuraaniyeemii Iraan elektirikii maddisiisuuf dhibbeentaa 4.5 ture boombii nikularaa omishuuf kan oolu dhibbeentaa 90tti kan siqu ta'ee argame.
Pirezidaantiin duraanii US Joo Baayidan, Iraan waliigaltee bara 2015 mallatteessite akka hojiirra oolchituuf yaalii godhanis hin milkaa'in hafe.
Tiraamp marsaa lammataa pirezidaantii ta'ee yeroo dhufu, dhimma nikulara Iraan irratti ijjannoo cimaa qabatee dhiyaate.
Haleellaa Israa'el Iraan irratti bantetti makamuun buufataaleen nikularaa akka haleelaman ajaja kenne.
Haata'u garuu Ameerikaan bara 1950oota keessa sagantaa gabbisa nikularaa Iraan deeggaruun adda duree turte.
"Anniisaa atoomii nagaadhaaf"
Pirezidaantiin duraanii US Ayizanawaar Sadaasa 8, 1953 Yaa'ii Waliigalaa UN irratti argamuu haasaa taasisaniin balaa teeknolojiin nikularaa qabu ibsan.
"Meeshaa kana [boombii nikularaa] harka loltootatii baasuu qofti gahaa hin ta'u...nageenyaf akka oolu gochuu qabdna," jechuun dubbatan.
Dabaluunis Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti Ejansiin Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa akka hundaa'uuf yaada dhiyeessan.
Kanarraa ka'uun nikulara nagaa dhala namaaf akkasumas anniisaa atoomikii ammoo wantoota akka waldhaansafi qonnaa fa'aaf akka hojiirra ooluf yaada dhiyeessan Ayizanawaar.
Haasan gaggeessaa duraanii US kun Ejansiin Anniisaa Atoomikii Idiladdunya (IAEA) hundaa'uf karaa saaqe.
Kanarraa ka'uun biyyoonni guddataa jiran anniisaa atoomikii fayidaa nagaaf oolchuu ilaalchisee US baruumsafi teeknolojii qoodaa turte.
Ayizanawaar bara 1953 Walgahii UN irratti haasaa erga taasisanii waggaa tokko booda US seera anniisaa atoomikii jijjiirun biyyoota kaayyoo nagaaf barbaadaniif teeknolojii nikularaafi galteewwan biroo erguu kan dandeessisu seera raggaasifte.
Inumaayyuu bara 1955 keessa bulchiinsi Ayizanaawar biyyoota tokko tokko ijaarsa anniisaa nikularaa irratti gargaaruu eegale.
Ministeera ittisaa US keessatti qondaala olaanaa kan turan Piitar R.Laayiv barreeffama isaanii Dhaabbata To'annoo Meeshaalee Waraanatiin maxxanfame keessatti waa'ee murtee US akkana jechuun ibanii ture.
"Omishaaleen [anniisaa nikularaa] gara alaatti ergaman kunneen dandeettii Ameerikaan addunyaa dursuu keessatti qabdu itti fufsiisuf, dhiibbaa Sooviyeetii hir'isuuf akkasumas nageenyummaa dhiyeessii yuraaniyeemiifi tooriyeemii akka eegamu gochuuf yaadameeti."
Deeggarsa nikularaa US irraa argachuun Hindi biyya jalqabaati. Biyyoonni akka Israa'el, Afrikaa Kibbaa, Turk, ISTAAN, Poorchugaal, Giriik, Ispeen, Arjentiinaa, Biraazilifi Iraan boodarra warra deeggarsa nikularaa US irraa argataniidha.
Sagantaa gabbisa nikularaa Iraan harki US keessa jiru
Bara 1957tti USfi yeroo sana bulchaa Iraan kan turan Mohaammad Reezaaa Paahlaavii gidduutti waliigalteen itti anniisaa atoomikii itti fayyadama siviliif oolu mallattaa'e.
Waliigaltichi yaada "Anniisaa Atoomiikii Nagaadhaaf" jedhu jalatti kan ramadamu yoo ta'u, Iraan sagantaa gabbisa nikularaa akka eegaltuuf bu'uura ta'e.
Hanga bara 1967tti US Iraanif nikulara qorannoof oolu Meegaa Waattii 5 fi yuraaniyeemii baay'ee gabbate hangisaa muraasa ta'e kennitee turte.
Waggaa saddeet booda Iraan waliigaltee boombii nikularaa gabbisuus ta'ee fayyadamuu dhorku kan Non-proliferation Treaty (NPT) jedhamu mallatteessite.
Haa ta'u garuu michuu biyyoota Iraan kan turan mootiin Iraan Mohaammad Reezaaa Paahlaavii sagantaa gabbisa nikularaa guutummaan hin dhiisne ture.
Abbaa sagantaa gabbisa nikularaa Iraan jedhamuun kan beekaman Akbaar Itaamaad bara 2013 turtii BBC waliin taasisaniin, "Yeroo sana Iraan cimtuu yoo taatefi fayidaa keenya kan eegsisnu yoo taane, meeshaa atoomikii nu hin barbaachisu. Kuni yoo jijjiirame garuu '[boombii] nikularaa qabaachuu qabna' ijannoo jedhu qabu ture mootichi" jechuun ijjannoo Iraan yeroo sanaa ibsan.
Itaamaad gaggeessaa Dhaabbata Anniisaa Atoomikii Iraan turan. Sagantaa gabbisa anniisaa nikularaa Iraan yeroo jalqabus gaggeessaa turan.
Reezaa Paahlaavii bara 1974 irraa kaasee waggoota kurnan itti aanan keessatti wiirtuwwan gabbisa anniisaa nikularaa 23 akn tokkoon tokoosaanii meegaa waattii 23 maddisiisu ijaaruf akka karoora qaban ibsanii turan.
Omisha boba'aa nikularaa guutuu ta'e gabbisuufis fedhii akka qaban ibse kbaar Itaamaad.
Haa ta'u garuu, Iraan ogeeyyii karoora kana galmaan gahan waan hin qabneef akka fedhashee tarkaanfachuu hin daneenye ture.
Rakkoo ogeeyyii qabduun sagantaashee gabbisuuratti boodatti kan harkifatte Iraan, rakkoo ogeeyyii nikularaa ishee mudate furachuuf gara Ameerikaa ilaalun dirqama itti ta'e.
Bara 1974tti qondaalonni Iraan Inistiitiyuutin Teeknolojii Masachuseet (MIT) barattoota Iraaniif sagantaa nikularaan digrii lammaffaa akka banu yaada dhiyeessan.
Iraan waggaa lamaan jalqabaan barattootashee inistiitiyuutii beekamaa US kanatti barsiisuuf dolaara biliyeena1.3 kan baaste yoo ta'u, Iraan dhiittaa mirga namaan himatamuufi sagantaan nikularaa akka babal'atu taasisa kan jedhuun barsiisotaafi barattoota MIT irraa mormiin cimaan ishee mudatee ture.
Barattoonni Iraan yuunivarsiitii Ameerikaatti barnoota saayinsii nikulara akka barataniif waliigalteen tureefi wal-ta'iinsi sagantaa nikularaa Tehraanifi Washingtan gidduu ture bara 1979 warraaqsi Iraan ka'uurraa kan ka'e fagoo osoo hin deemin hafe.
Bu'aansaa garuu waan hanga ammaa itti fufeedha. Barreessitoota seenaa teeknolojii kan ta'an Isteewart Leesliifi Roobart Kaargoon sagantaan gabbisa nikularaa Iraan sirni mootii Shaa eegae harka Ayaatolaatti kufuu himu.
Barreeffama isaanii tokko keessatti akkana jechuun barreessan: "[Dhaabbata] MIT keessatti sagantaan [gabbisa nikularaa] bulchiinsa Shaatiif qophaa'e warra sirna warraaqsa Islaamaa gaggeessan harka gala jedhee namni yaade hin turre."
Jalqabarratti mootummaan Iraan haaraan Ruhoollaa Homeenidhaan durfamu sagantaa nikularaa kufaa taasisee ture.
Kana hordofee pirofeesaroonni Iraan saayinsii nikularaan leenji'an biyyaa akka baqatan. Yuunivarsiitii Kaalnifooriyaatti pirofeesara hariiiroo idiladdunyaa kan ta'an Mohaammad Homaayunvaash warraaqsa Iraan bara 1979 booda lammiileen Iraan hedduun nikulara akka hin deeggarre himu.
"Pirojekticha akka qaama rakoo bulchiinsa gonfootti ilaalu turan. Inumaayyuu sagantaa nikularaa mormuun guutummaan bifa jechuun danda'amuun diiganii ture," jedhu.
Haa ta'u garuu bulchiinsi Ayaatolaa Iraan fayidaa teeknolojiin nikularaa qabu hubachuun ogeeyyii biyyaa baqatanii turaniif waamicha gochuu qofa osoo hin taane, ofiifuu sagantaa atoomikii icciitii eegale.
Bu'aa hin eegamne...
Aeerikaan sagantaa "Atoomii Nageenyaaf" jedhu walakkeessa jaarraa 20ffaa keessa yeroo eegaltu yaaddoon isheen oolee bulee hin oolle.
Mohaammad Homaayunvaash akka jedhanitti, pirezidaantiin duraanii US Ayizanawaar yaaddoo teeknolojii nikularaa waraanaaf oolchuu hambisuuf saganticha akka eegalan.
"Biyyoonni hedduun [nikulara waraanaf] akka hin oolchine dhorkuuf, kaayyoo siviliif jecha fayyadamtoota teeknolojii nikularaa yoo ta'an, gaaridha," kan jedhurraa ka'uun to'annaafi eegumsi hanga tokko qophaa'ee turuu kaasu.
Fakkeenyaaf, US meeshaa wal-nyaatinsa yureeniyeemii bakkaa bakkatti ittiin sochoosan itti fayyafama laaboraatoriif kireessite malee hin gurgurre ture.
US biyyoota garaa garaa 30 ta'an keessatti bifa kanaan anniisaa nikularaa qorannoof gargaaraa turte.
Haa ta'u garuu kaka'uumsi US "nikulara nagaaf fayyadamuu" jedhu kun gabbisni nikularaa akka babal'atuuf hagam bu'uura akka kaa'erratti ogeeyyii gidduu yaada garaa garaatu jira.
Mohaammad Homaayunvaash sagantaan US kun teeknolojii nikularaa kaayyii nagaaf hojiirra oolchun akka danda'ame amana.
Haa ta'u garuu, biyyoonni teeknolojii nikularaa akkamitti akka hojjatu erga baranii booda, itti fayyadama isaarratti karaa mataasaanirra deemuu filatan.
Gama biroon ammoo sagantaan US atoomii nagaaf fayyadamuu jedhu osoo hojiirra oolchuu baattee, biyyoonni tokko tokko misooma nikularaan sadarkaa amma irra jiran irra gahuu hin danda'an ture jedhanii kan amananis danuudha.
Ogeeyyiin kaan garuu, sagantaan pirezidaantiin duraanii US Ayizanawaar beeksisan biyyoonni heddu boombii nikularaa akka qabaataniif karaa bane jechuun falmu.