Israa'el boombii nukilaraa qabaachuu namni saaxile Mardokaay Vanuunuu eenyu?

Iraan sagantaa gabbisa nikularaasheetti fayyadamuun boombii nikularaa hojjachuuf jirti jechuun Israa'el haleellaa irratti bante.

Iraan gamasheen sagantaan gabbisa nikularaashee anniisaf malee meeshaa waraanaf akka hin taane irra deddeebin himti.

Israa'el garuu boombii nikularaa qabaachuushee hin amantu, hin haaltus. Haata'u garuu, Israa'el boombii nikularaa qabaachuushee adunyaan ni beeka.

Israa'el boombii nikularaa qabaachuushee shakkii duruu ture, ifa baasee kan saaxile ogeessa nikularaa Israa'el kan ta'e Mardokaayi Vanuunuu nama jedhamuudha.

Israa'el boombii nikularaa ija addunyaa jalaa dhoksitee omishuushee ifa baasuu isaaf garuu, biyya gane jedhamuun hidhaan waggaa 18 itti muramee ture.

Bara 1986 gaazexaan Ingilizii The Sunday Times jedhamu Israa'el boombii nikularaa omishtee qabaachuu yeroo jalqabaaf saaxile.

Gaazexaan kun icciiticha kan saaxile saayintistii nikularaa Israa'el Mardokaayi Vanuunuu dubbisuudhani.

Biyyisaa Israa'el sagantaa gabbisa boombii nikularaa ammayyaa ta'e qabaachuushee ifa godhe.

Mardokaayi ofiisaa giddu gala qorannoo nikularaa Dimoonaa kan magaala Yerusaalem irraa km150 fagaatee gammoojjii Negeev keessatti argamu keessa hojjataa ture.

Gaazexaan The Sunday Times gabaasa isaa bara 1986 baase sanaan Israa'el addunyaarraa boombii nikularaa qabaachuun biyya jahaffaa ta'uushee beeksisee ture.

Biyyatatiin boombii nikularaa 200 ta'u akka qabdus saayintistii Israa'el Mardokaayi Vanuunuu waabeffachuun saaxile.

Israa'el boombii nikularaa qabaachuushee gaazexaan kun gaafa Onkoloolessa 5, 1986 beeksise. Guyyaadhuma sana, namni icciitii kana saaxile Mardokaayi ija namaa duraa akka dhabamu godhame.

Mardokay Vanuunuu 'biyya gane' jedhamuun himanni irratti dhiyaate

Gaazexessaa The Sunday Times kan ta'e Piitar Howunaam, saayintistii nikularaa Israa'el kan ta'e Mardokaayi Vanuunuu wajjin bara 1986 ji'a Hagayyaa keessa Awustiraaliyaa, Sidiniitti jalqaba wal-argan.

Mardokaayi waan Israa'el ija addunyaa jalaa dhoksite saaxiluuf ofitti murteessee akka ture BBCtti hime gaazexeessan isa dubbise Piitar.

"Waan Dimoonaatti [giddu gala qorannoo nikularaa Israa'el] ta'aa jiru addunyaatti beeksisuuf murteesse," jedha Piitar.

Boombii nikukaraa Israa'el dhoksaatti gabbisaa jirtuufi akkaataa itti isheen mirga Filisxeemotaa sarbitutti waan hin gammanneef Mardokaayi giddu gala gabbisa nikulara keessa hojjatu keessaa bara 1985 bahuu murteesse.

Osoo hojii hin dhaabin dura Israa'el boombii nikularaa omishuushee waan agarsiisu ragaa fudhatee bahuu murteesse. Innis, meeshaa ittiin raadiyoo aaktiivii boombii omishuuf gargaaru ittiin baasaniifi sumuda laaboraatoorii kan meeshaalee teermoo nikularii dabalatee fiilmii bakka wiirtuu gabbbisa nikularaa agarsiisu lama dhoksaan fudhatee bahe.

Ergasii booda gara Landan deemun gaazexaa The Sunday Times wajjin wal-arge. Achirraa gara magaalaa Room yeroo imalu garee basaasa Israa'el Mossadidhaan qabamee gara biyyaatti deebifame.

Biyya ganuun himatamee waggaa dheeraf mana hidhaatti dabarse. Gaazexeessan Mardokaayi qunname Piitar akkaataa itti Mardokaayi ragaa nikulara Israa'el baasefi afaan tika Israa'el bu'e BBCtti hime.

"Kaameeraa qabatee [wiirtuu gabbisa nikularaa Israa'el] akkamitti akka seenu itti yaaduu jalqabe. Sana booda kaameeraa kaalsii isaa keessa kaa'ee seene. Halkaniifi gara lafa barii icciitiin suurawwan muraasa kaasuu danda'e," jedha Piitar.

Waa'ee odeeffannoo icciitii boombii nikularaa Israa'el caalmatti Mardokaayi Vanuunuu irraa dhagahuuf gara Landan qaama akka dhufuuf gaggeessitoonni gaazexaa The Sunday Times Piitar Howunaam cimsanii gaafatan.

Mardokaayi yaaddoo qabaatus, gaazexeessaa Piitar waan isa amansiisef gara Landan deeme.

Bakki eegumsa qabu qarqara magaalaa Landaniin ala jiru tokkotti qophaa'efii achi akka turu godhame.

Haata'u garuu, saayintistiin nikularaa Israa'el kun yaaddoo waan horateef gara magaalaa Landan deeme. Hoteela magaalaa Landan jiru tokko buufatus hordofii tika Israa'el Mossad jalaa miliquu hin dandeenye.

"Tornan sana [yeroo butamu] dunbartii tokko wajjin daandii irratti wal-arganii ture. Sana duras si'a heddu ishee argee ture inni. Mana sinimaatuu wajjin deemanii fiilmii ilaanii beeku. 'Dubartii kana ni amantaa?' jedhee isa gaafadheen ture," jechuun tika Israa'el ta'uu akka hin oolle shakkee gaafachuusaa yaadata Piitar.

Mardokaayi Vanuunuu yeroo Landan ture nageenyasaaf yaadda'uufii irraa kan ka'e irra deddeebin gaafaataa akka ture BBCtti hime gaazexeessan The Sunday Times kuni.

Haasaa yeroo dhumaaf saayintistii biyyisaa boombii nikularaa qabaachuu saaxile, Mardokaayi Vanuunuu, waliin taasise akkanaan yaadata Paiitar: "Guyyoota muraasaf gara Kaaba Ingilaand deemufan jedha. Homaa hin ta'u hin yaadda'in naan jedhe.

"Waan fedhe yoo ta'es nagaa ta'uu kee beekuu waanan qabuuf guyyaatti si'a lama naaf bilbilin jedheen."

Ji'a tokko booda mootummaan Israa'el Mardokaayi to'annaa jala ooluu beeksise. Inni akka oppireshiniin irratti gaggeeffamu hin barre ture. Maqaa jaalalaan, akka waan bashannana deemaniitti hojjatamee bidiruudhan osoo inni hin beekin Israa'el geeffame.

Mardokaayi Israa'el erga geeffamee booda mana hidhaa keessaa osoo konkolaataan baafamaa jiruu barreeffama baruusaarratti barreessee gaazexeessitoonni akka arganiif karaa foddaa konkolaataa agarsiise.

Dubartiin miseensa tika Israa'el Mossad taate Landanitti hiriyummaan itti dhiyaattee jaalala qabsiisun butamee gara Israa'el akka geeffamu gochuu odeeffannoo gaazexeessitootaf kenne.

Maqaan dubartii tika Israa'el taateefi Landanitti itti dhiyaachun hiriyummaan itti dhiyaattee Cheriyil Beentoov kan jedhamtu ta'uufi lammii Ameerikaa hiddi sanyiishee Yihudii ta'uu eerun turistii fakkaattee itti dhiyaachuu odeeffannoo kenna.

Erga hiriyummaan itti dhiyaattee booda ishee wajjin gara Room akka deemu gochuun, butamee gara Israa'el akka geeffamu goote.

Himanni biyya ganuufi odeeffannoo icciitii baasuu irratti dhiyaatee bara 1987 Mardokaayi mana murtii Israa'elitti irra deddeebin erga dhiyeeffamee booda, adabbiin hidhaa waggaa 18 itti murame.

Waggoota kana gara caalu namarraa adda bahee qophaa akka hidhamu godhame.

Gaaffiifi deebii mana hidhaa keessatti Mardokaayi Vanuunuu wajjin taasifamee tureen, "Fedhiin koo maaltu ta'aa akka ture addunyaan akka beeku gochuu ture malee...kuni biyya ganuu miti" jedhee ture.

Ebla 21, 2004 mana hidhaatii gadi lakkifamus Israa'el keessaa akka hin baane dhorkaan irra kaaa'ame.

Ergasiis waliigaltee ittiin mana hidhaatii bahe cabseera jedhamuun si'a heddu mana hidhamee ture.

Waliigaltee icciitii Israa'elifi Faransaay

Saayintistiin Israa'el Mardokayi hanga icciitii jalaa baasutti, Israa'el nikulara qabaachuushee biyyoota michuushee ta'an dabalatee kan beekan jiraachuun shakkisiisadha.

Israa'el sagantaa gabbisa nikularaa kan jalqabde bara 1948 erga biyya taatee hundooftee baay'ee osoo hin turini jedhama.

Biyyoota diina kooti jettu hedduun marfamtee waan jirtuuf, guyyaa rakkoof jechuun minitiirii muummee jalqabaa biyyattii Deevid Bengooriyoon nikulara qabaachuun dirqama akka ta'e murteessan.

Garuummoo nikulara qabaachun biyyoota naannichaa waan yaaddessuuf dubbii kana michoota Israa'elitti beeksisuu hin barbaanne.

Kanaaf jecha Israa'el Faransaayi wajjin waliigaltee icciitii mallatteessite. Giddu Gala Dimoonaa kan jedhamu gammoojjii Negeev keessatti hundeessite. Bakki kuni bara 1960oota keessa qabiyyeewwan boombii nikularaaf oolan gabbisuu eegalte.

Israa'e bakka itti boombii nikularaa gabbistu kana warshaa huccuu akka ta'etti beeksisaa turte.

To'attoonni nikularaa US bakkicha si'a heddu deemanii ilaalanis, gabbisa nikularaa lafa jalatti ijaarame arguu hin dandeenye. Irraa keessi wiirtuu Dimoonaa jedhamuu akka warshaa huccuu ta'etti ijaarame. Lafa jalatti garuu Israa'el nikulara gabbisaa turte.

Dhaabbanni Arms Control and Non-Proliferation jedhamu akka tilmaametti, Israa'el yeroo amma boombii nikularaa 90 ta'an omishtee lafaa qabdi.

Haa ta'u garuu, Israa'el ifatti boombii nikularaa qabaachuu hin dubbattu, hin haaltus.

Bara 1970 irraa kaasee biyyoonni 191 waliigaltee boombii nikularaa qabaachuu dhorku Treaty on the Non-Proliferation of Nuclear Weapons (NPT) jedhamu mallatteessaniiru.

Akkaataa waliigaltee kanaaatti biyyoota shan: US, Raashiyaa, UK, Faransaayi, Chaayinaan dursanii waan boombii nikularaa qabaniif isaanif hayyamamaadha.

Haa ta'u garuu Israa'el biyyoota muraasa waliigalticha hin mallatteessine keessaa tokkoodha.

Sayintistiin nikularaa Israa'el Mardokaayi Vanuunuu wiirtuu gabbisa nikularaa keessa hojjachuusaatin Israa'el dhoksaatti boombii nikularaa qabaachuu saaxiluu hordofee biyyaattii keessatti "nama biyya gane" jedhanii kan waaman hedduudha.

Warri icciitii Israa'el baasuu isaa deeggaran ammoo "goota nagaa" jedhanii isa faarsu.