Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Buufataalee nikulaara Iraan haleeluun balaan qabaatu maal fa'i?
Israa'el bu'uuraalee nikulaaraa Iraan irratti xiyyeeffattee kan turte yoo ta'u, dhaabbileen gabbisa yuuraaniyeemii lafa jalaa ammoo irra caalaa kan irratti xiyyeeffattee ture.
Dhaabbanni Naataanz, kan giddugala biyyattii keessatti argamu, miidhaa cimaan irra ga'uu Ejensiin Annisaa Atoomawaa Idil-addunyaa (IAEA) beeksiseera.
Bakki biraa Foordoo jedhamu gaara tokko keessatti gadi fageenyaan awwaalame. Dhaabbii lafa jalaa kana bira ga'uuf boombii humna guddaa qabu "bunker busting" kan barbaachisu yoo ta'u, kunis US qofatu qaba.
Kanaafuu balaan Foordoo irratti boombii darbachuu maal ta'a?
Dhaabbanni IAEA haleellaan dhaabbilee nikulaara Iraan irratti raawwatame ''baay'ee yaaddessaa'' jechuun ibseera.
Wiixata kaleessaa, Daarektarri Olaanaa dhaabbatichaa Raafaa'eel Giroosii akka jedhanitti, waraanaa hammaachuun, ''carraa gadhiifamuu carrallaa (radioloical) namootaa fi naannoo irratti balaa hamaa geessisu ni dabala,'' jedhan.
Bakkeewwan gabbisa yuuraaniyeemii dhiyeessiiwwan gosa addaa ykn yuuraaniyeemiii isotooppii jaaruuf gargaaru.
Yunivarsitii Sariiy fi Yunaayitid Kiingidamiitti pirofesara laaboraatorii fiiziksii biyyaaleessaa kan ta'an, Paadiiy Raagaan ''Yuuraaniyeemii lafa keessaa yeroo qottu bifa lama qaba. Innis: %99.3 yuuraaniyeemii-238 fi %0.7, ykn gara atoomii tokkoti 150 keessa, yuuraaniyeemii-235dha. Meeshaa waraanaa nikulaaraa hojjachuuf kan barbaachisu isa lammataati'' jechuun ibsu.
Dhohinsa anniisaa
Adeemsi gabbisa nikulaaraa bu'uuraan hamma yuuraaniyeemii-235 dabaluu jechuudha.
Kunis kan raawwatamu yuuraaniyeemii bifa gaaziisaatiin fudhachuun maashiniiwwan seentiriifiyuujii jedhaman keessatti naannessuudhaan ta'uu himu Prof Reegaan.
Sababii yuuraaniyeemii-238 yuuraaniyeemii-235 barbaachisu caalaa waan ulfaatuuf, lamaansaanii akkuma naanneeffaman gargara baafamu. Kunis gabbisa isaa dabaluudhaaf irra deddeebi'amee raawwatama.
Buufanni madda anniisaa nikulaaraa akkaataa idileetti yuuraaniyeemii badhaadhe kanaa keessaa gara %3-5 kan barbaadu.
Haata'u malee, kaayyoonsaa meeshaa waraanaa nikulaaraa hojjechuu yoo ta'u, yuuraaniyeemii-235 baay'ee ol'aanaa ta'e barbaachisa - gara %90 jechuudha.
Bu'uuraan, yuuraaniyeemii hamma gabbifamu, atoomonni hundi addaan anniisaa olaanaa baasa.
Dhaabbanni Annisaa Atomiikii Idil-addunyaa (IAEA)n akka jedhuutti, yuraaniiyeemiin Iraan parsantaa 60 gabbifameera. Kanaafuu meeshaa nikulaaraa ittiin oomishuudhaaf sadarkaa gaarii irratti argama jechuudha.
Haata'u malee, kuusaa yuraaniiyeemii gabbifaman kanneen irratti rookkeettii dhukaasuun balaa dhukaasa kanaan dura Jaappaan Faakushiimaa ykn Gamtaa Sooviyeetii duuraaniitti buufataalee madda anniisaa niikulaaraa Charnoobeel irratti raawwatameen haala wal fakkaatuun ''balaa niikulaaraa'' hin hordofsiisu.
''Yuraaniyemiin sadarkaa olaanaadhaan gabbifame kan hin gabbifamanii caalaa dachaa sadii carallaa raadiyoaktiivii qaba. Ta'us, lamaanuu haaluma sadarkaa isaanitiin kan carallaa raadiyooaktiiviin guutamaniidha. Kanaafuu rakkoo naannoo hin hordofsiisan'' jedhu Pirofessar Jiim Ismiiz Yunivarsitii Poortimaauz irra.
Pirofesar Jiim taateewan balaa Charnoobeeliin booda turan qorataniiru.
''Hundi keenyaa baayyee kan yaaddoofne wantoota fiiwishiin pirodaakti jedhaman irratti. Isaaniis yeroo boombii ykn wantoota biraa waliin walitti bu'aniitti kan yuraaniiyeemii qoodaniidha. Isaaniis kan akka raadiyooaktiiv kaasiiyem, raadiyooaktiiv istirontiiyeem, raadiyooaktiiv ayiyoodiin kan jiraniidha. Isaanis kan naannoo faalaaniidha.''
Ta'us buufataalee gabbiisa niikulaaraa keessatti waan gabbisa niikulaaraa hin umneef dhohiinsi boombii kun akka mudatu waan hin taasifneef raadiyooaktiivii balaafamoo -fiiwishiin pirodakti ''hin qabaatu'' jedhan.
Bakkasaa dhohiinsichaan yuraaniiyeemichi achuma naannichatti bittinaa'u danda'a.
Yaaddoo naannoo qabaachu
Wiirtuu Naataanz irratti haleellaan erga raawwatameen booda dhaabbanni Annisaa Atomikii Addunyaa, naannichatti faalama raadiyooaktiivii akka argate ibseera. Haata'u malee, hammi raadiyoo'aktivii kan hin jijjiramnee fi kanuma idilee ta'u himeera.
Yunivarsitii Biristoliitti itti gaafatamaa bulchinsa oomishaalee albuudaa fi hambaalee raadiyoo'aktiivii kan ta'an pirofesar Kileer Koorkihiil, ''carrallaan yureeniiyeemii baayyee fagoo hin imalu;; jedhan. ta'us ammoo fayyaan namoota dhiheenya wiirtuuwwan kanneeniitti argaman balaaf saaxilamu akka danda'u dubbatan.
''Sumaa'uu namootarraan qaqqabsiisuu danda'u gama ilaaluun, harcaatuun yuraaniiyeemii karaa argansuu fi nyaataan gara somba, garaa akkasumas seeliiwwan keessa galuu danda'u. Waljalaanis miidhaa hordofsiisuu danda'u'' jedhan.
Kanaan alattis keemikaala raadiyooaktiiviif saaxilamuun namoota naannichatti argaman irratti rakkoo uumuu danda'a.
Yunivarsiitii Baangariitti qorataa meeshaalee niikulaaraa kan ta'an piroofesar Saayman Miidilbargim ''yoo balaan qaqqabee fi gaaziin yuraaniyeemii seentarfugis heekisaafilooraayid jedhamu kan gadhiisu yoo ta'e, balaa cimaa keemikaalaa hordofsiisuu danda'a'' jedhu.
Pirofesar Saayiman akka jedhaniitti ''Heeksaafilooraayid yureeniyeemiin yoo jiidha qilleensaa waliin walitti makame sababii asiidii baayyee cimaa ta'e uumuuf sommii cimaafi kan baayyee nama jeequ ta'a.
''Haata'u malee yoo naannoo baayyee dhihoo ta'etti malee naannoo irraan miidhaa olaanaa hin qaqabsiisu'' jedhan.
Dhaabbanni Annisaa Atomiikii Idil-Adduynaatti Jidduugalli balaa yeroo tasaa, naannicha irratti hojjataa kan jiru yoo ta'u, haalli wiirtuuwwan niikulaara Iraan irratti argamanii fi hanga carrallaa naannichatti argamuu hordofii taasisuu akka itti fufan ibsaniiru.