Lola Naannoo Amaaraa keessatti qooda fudhataa ijoo kan tahe Faannoon kaayyoonsaa maali?

Ebla darberraa eegalee Naannoo Amaaraa keessatti muddamni uumame hammaatee dhuma Adoolessaa keessa iddoowwan naannichaa garagaraa keessati hidhattoota Faannoo fi humnootaa nageenyaa gidduutti walitti bu'insi adeemaa tureera.

Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Onkololeessa keessa walitti bu'insa kanaan namooti nagaa ajjeefamuu, gudeeddii fi qe'eerraa buqqaafamuun sarbamni mirga namoomaa qaqqabaa akka jiru himeera.

Naannicha keessa iddoo garagaraa nagaafi tasgabbiin waan hin jirreef tajaajilli geejibaa, bibilaa fi intarneetaa guutummaan guutuutti ykn gariin kan adda cite yoo tahu, daandileen ijoo naannichaas danqaan akka isaan mudate jiraattonni dubbataniiru.

Walitti bu'insa naannichatti uumameef mootummaan humna addaa naannolee diiguun deebisee caasessuuf barbaaduufi hidhattoota hidhannoo hiikkachiisuuf fedhii godhachuun sababa haa tahuyyuu malee, gama hidhattootaan sababa kanarra darbu qabaachuutu himama.

Mootummaan Faannodhaan garee ''fiinxaaleyyii fi saamtotaati'' haa jedhuyyuu malee, gareen kuni garuu hacuuccaa uummatarra gahu mormuun qawwee kaasuu himuun, ''qabsaa'aa mirgaa fi bilisummaatti'' ofiin ilaala.

Gareen hidhataa Faannoo eenyu?

Maqaan Faannoo jedhu seenaa waraanaa Itoophiyaa keessatti iddoo guddaa kan qabu yoo tahu, ka'umsi isaas jaarraa 19ffaa akka tahe ni himama.

Faannoon seenaa keessatti ''loltuu tola oolaa'' yeroo rakkoo akka tahe qorattoonni seenaa ni himu.

Tahus maqaan loltoota Faannoo kan beekame bara 1920 A.L.I yeroo weerara Xaaliyaanii ture.

Yeroo weerara Xaaliyaanii qonnaan bulaa dabalatee lammiileen biyyattii ogummaa loltuu idilee hin qabne dirree waraanaa biyyattii garagaraa irratti bobba'uun hirmaataniiru.

Maqaa kana bara yeroosirraa fudhachuun Faannoon si'anaa sochii farra-mootummaa bara 2007/2008 A.L.I Naannoo Amaaraa keessatti dargaggoota hin beekamneen jalqabe.

Gareen hidhataa Faannoo beekamuufi yeroo ammaa iddoowwan naannichaa garagaraa keessatti kan socho'aa jiru dhalattoota Amaaraa naannichaa fi naannichaan ala jiran irratti ''haleellaa raawwatamu ittisuuf'' kaayyoo jedhuun bara 2010 A.L.I booda hundaa'uu hogganooti dhaabichaa dubbatu.

Yeroo kanaa jalqabee gareen hidhataa kuni naannicha keessatti humnoota mootummaa waliin walitti bu'aa tureera. Waraanni kaaba Itoophiyaa babal'atee yeroo Naannoo Amaaraa gahu ''eeyyamaa fi deeggarsa'' mootummaan ittuu jabaateera.

Ittigaafatamaa damee siyaasaa Faannoo akka tahan kana himan Obbo Asiras Maara Daamxee, ''humnooti TPLF gara Naannoo Amaaraa yeroo galanii uummatarrattti miidhaa olaanaa qaqqabsiisaa turaniittidha caaseffamni ammaa kuni Hagayya bara 2013 A.L.I kan hundaa'e.

''Yeroos mootummaan caaseffama Faannoo jedhamu kanaaf waamicha taasisuun beekamtii kennuun akka qabsaa'an gochaa ture. Tahus mootummaan qabsoo kana kaayyoonn inni barbaaduufi kaayyoon keenyi gargar ture,'' jedhu.

Loltoonni Faannoo yeroo TPLF Naannoo Amaaraa seene waamicha mootummaa naannichaafi kan federaalaa dhiyeessaniin iddoowwan garagaraatti duula sanatti makamanii turan.

Loltoonni Faannoo mootummaa wajjin waraana irratti hirmaatan erga waraanni dhaabbatee hidhattoota al-idilee jedhamuun akka hidhannoo hiikkataniifi bittinnaa'an yeroo murtaa'u, mootummaa waliin wal gaarreffachuun akka jalqabe hogganooti dhaabichaa dubbatu.

Ebla darbe mootummaan federaalaa humni addaa naannichaa akka diigamu fi poolisii ykn raayyaa ittisaatti akka makamu miseeensonni Faannoo hidhannoo akka hiikkatan yeroo murteessu mormii fi walitti bu'insi kuni jalqabe.

Dabalataan yeroo waliigalteen Piriitooriyaa adeemsifamu humnoota Amaaraa waraana irratti hirmaatan otoo hin hirmaachisiin hafuuniifi dhimmi iddoowwan daangaa Amaaraafi Tigraay falmisiisoo tahan furmaata otoo hin argatiin hafuun, muddama kana akka hammeesse Obbo Asiras ni dubbatu.

Siyaasa Itoophiyaa itti dhiyeenyaan kan hordofaniifi qeeqa kennuun kan beekaman jiraataan Ameerikaa ogeessa siyaasaa fi diinagdee Dr Yonaas Birruu lola Adoolessa darbe jalqabeef sababiin mootummaadha jechuun komatu.

''Miidhaa sirnaa, ajjeechaa akkasumas qe'eerraa buqqa'uu,'' lolli akka jalqabuuf sababa kan jedhan Dr Yoonaas, yaaddoo hidhannoo hiikaa jedhutu lolatti akka ce'u,'' godhe jedhu.

''Uummanni Amaaraa yaaddoo baduurra jira,'' jedhanii kan amanani hogganaa Faannoo Kaaba Shawaatti socho'uuti kan jedhan Obbo Assaggid Mokonnin, haleellaa naannichaafi naannichaatiin alatti qaqqabu kaasuun, ''Faannoon nagaafi nageenya uummata Amaaraa eeguuf'' kan kaayyeffate akka tahe himu.

Faannoon bifa dur qaburraa geeddaramuun yeroo ammaatti ''dhaabbii siyaasaa'' akka qabaatu taasifamuu ni ibsu.

Damee Faannoo Goojjaamitti socho'uu akka hogganan kan himan Obbo Maanchiloot Issuubaaloon, Faannoon gaaffilee uummata Amaaraati jedhe kaasuun, ''uummata badiinsarraa eeguu hanga heera mootummaa fooyyeessuu,'' kaayyoo jedhu akka qabu himu.

Mootummaa naannichaafi kan federaalaa humnoota nageenyaafi raayyaa ittisaa bobbaasuun garee hidhataa Faannoo lolan, ''kaayyoo kan hin qabneefi saamtota,'' jechuun naannicha keessatti ji'ootaaf duula geggeessaa jiru.

Dr Yoonaas garee hidhataa kana gaaffiin uummataa kara hiriira nagaa deebii argachuu didnaan sababii gahaan hidhannootti gale jechuun ''falmataa mirgaa'' jechuun waamu.

Faannoon maal barbaada?

J'ioota jahan darbanitti muddamni hidhattoota Faannoo fi mootummaa gidduu jiru hammaannaan mootummaan naannichaa, mootummaan federaalaa gidduu akka galu waamicha dhiyeessee ture.

Hidhattoonni Faannoo garuu isa mootummaan ''tarkaanfii seera kabachiisuu,'' jedhu kana ''weerara uummata irratti raawwate,'' jedhuuni.

Kanaafimmoo akka sababaatti kan kaasan labsiin yeroo muddamaa Adoolessa 28/2016 A.L.I labsamuun dursanii humnooti federaalaa naannicha galuudha.

Hogganooti garee Faannoo kanaan dura kaayyoon garichaa, ''miidhama uummata Amaaraa dhaabsisuufi faayidaaleesaa kabachiisuu,'' malee fedhii aangoo qabachuu akka hin qabne ibsaaa turanis, amma garuu hogganooti BBC'n dubbise kaayyoon isaanii inni dhumaa jijjirraa mootummaa gochuu akka tahe himu.

Gama kanaan humna waraanaasaa akka malee guddisee ilaala kan jedhan Dr Yoonaas, kaayyoo galmaan gahuu barbaadu humna siyaasaa adda baasee jiraachuu dhabuun karaa fagoo hin deemu jedhu.

Mootummaafi Faannoon humna waraanaan sadarkaa garagaraarra akka jiran kan eeran Dr Yoonaas, mootummaan dironiidhaan, taankiifi meeshaa waraanaan raayyaa ijaarame akka qabu ibsuun Faannoon kanaa wajjin akka wal-hin madaalle ibsu.

''Humni Faannoo uummata dha. Meeshaa waraanaa hin qabu. Humni uummata bira jiru qabachuufi dammaqsuuf ammoo siyaasaafi sab-quunnamtiin murteessaa dha. Faannoon immoo humna siyaasaa ijaaruu hin dandeenye,'' jedhu.

Obbo Assaggid Mokonnin garuu sochiin Faannoo damee siyaasaa akka qabu himu. Namoota biratti beekamuu kan hin dandeenyeefi kutaa siyaasaa isaa hojiisaa kan raawwachaa jiru dhoksaadhaan waan taheefi jechuun odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Sochiin Faannoo Naannoo Amaaraa irra darbee kaayyoo sirna mootummaa biyyattii geeddaruu akka qabu ittigaafatamaan damee siyaasaa Obbo Asirass Maara Daamxee himu.

Kaayyoo isaanii kanaanis, ''humnoota siyaasaa biroo kan Oromoo, Tigraayiifi Affaar akkaumas humnota Itoophiyaa keessatti socho'an biroo wajjin tahuun haala Itoophiyaa keessa jiru geeddaruun biyya foyyee qabdu ijaaruuf,'' kaayyoo akka qaban himu.

Dr Yoonaas garuu fedhiin siyaasaa biyyaalessaa Faannoo tarsiimoo siyaasaa lafa qabatee fi kallattii kan qabate waan hin taaneef humnoota siyaasaa birootiin abdatamuu akka hin dandeenye isa taasisa jechuun ilaalcha isaanii kennu.

Haala lolaa, humnaafi caaseffama

Waraanni mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduutti taasifamu dirooniifi meeshaalee waraanaa gurguddaan deeggaramuun ammallee gidduu gidduun add citaa itti fufee jira.

Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa sababa waraana kanaan ajjeechaa namoota nagaa,ajjeechaa murtii seeraa malee, qe'eerra buqqa'uufi gudeeddiin raawwachuun mirgi namootaa sarbamuu ibseera.

Mootumamaan gamasaan garee hidhataa kana tarkaanfii seera kabachiisuu taasiseen gara ''shiftaatti'' geeddareera jechuun injifannoo erga labsee bubbuleera. Faannoon gamasaan waraanan kanaan cimina koo agarsiiseera jechuun bu'aaqabeessummaa himata.

Faannon iddoowwan naannichaa 2/3'n to'nnoosaa jala akka jiran yoo himu mootummaan ammoo naannicha guutummaa to'achuu himuun iddoowwan tokko tokko keessatti hojii qulleessuu qofatu na hafe jechuun ibseera.

Gareen hidhataa kuni waraana waggaa lamaaf adeemsifameen humna waraanaa akka jabeeffatu kan godheeni yoo tahu. Hogganoota garagaraa fi iddoo garagaraatti caaseffamuun isaa ammoo dadhabbinsaa akka tahe himama.

Hogganaan dhaabichaa Obbo Asiras Maara, ''Faannoon hogganaa tokko,caaseffama tokkoofi gurmaa'ina tokko keessa hin galle,'' jedhu.

Kanaaf sababa kan jedhan ammoo, ''qabsoon kan uummataa'' waan taheef gurmaa'insi haaraan ni uumama, walitti qabamuuf teessumni lafaa ni daangeessa. Tahus, ''tokkummaa kaayyoo qabna wal-tumsaanis hojjenna,'' jechuun himu.

Galaa uummatarraa, meeshaa waraanaa kennaafi booji'uun akka argatan Obbo Asiras himuun dhalattoonni Amaaraa biyya alaa jiran deeggarsa akka taasisaniif ibsaniiru.

Hogganaan dhaabichaa damee Goojjaam Eritiraa irraa deeggarsa argattu jechuun komii irratti dhiyaatu, ''waan qoosaafi maqa balleessiidha,'' jechuun haalu.

''Bu'uura uummataa qabannee, uummata hogganna. Qabsoo uummataa gaggeessaa jirra. Kan nu nyaachisuufi kan nu obaasu uummata keenya. Biyya kana jedhamee yoo waamame tokkosaanii wajjiniyyuu hidhata meeshaa waraanaa, kan galaafi leenjii hin qabnu,'' jedhu.

Himannaa Faannoo irratti dhiyaatu

Faannoon mootummaan haleellaa qindeessuun isa himata, kana malees ''yakkamaa, saamtuu, fiinxaaleessaa, Shiftaa fi Jaawwisaa,'' maqaan jedhu kennamaafi.

Gareen kuni himannaa karaa mootummaan irratti dhiyaatu hin fudhatu, tahus ''gareewwan maqaa faannoo fayyadaman kan mootummaan naannichaa leenjiseefi kaayyoo addaa qaban,'' jiru jedhu Obbo Asseggid Mokonnin.

Iddoowwan gareen kuni to'atu hunda keessatti meeshaalee mootummaafi uummataa otoo hin hafiin eeguun ittigaafatamummaa akka bahatu himu.

Kana malees ajjeechaa qondaalota mootummaa naannichaan ni himatama.

Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi Mootummota Gamtoomanitti dameen mirgoota namoomaa, naannicha iddoo garagaraatti qondaaloti mootummaa Faannoodhaan ajjeefamuu ibsaniiru.

Faannoon gamasaan qondaaloti mootummaa, ''qaama lolaati taanaan loltuu meeshaa waraanaa qabaterraa addatti isaan hin ilaallu,'' jedhu.

Marii fi egereen Faannoo maali?

Naannoo Amaaraatti daafii waraana kanaan uummanni rakkoo nageenyaarra bu'uun dabalataan daangeffamni sochii irratti taasifameen oomishaaleen kanneen akka qorichaa fi tajaajilli hawaasaa akka dhaabbatu taheera.

Jiraattota gara itti bahan dhabaniin yaaddoodhaan jiraatan dabalataan, jiraattonni lakkoofsi isaanii xiqqoo hin jedhamne qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru.

Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa uummanni gidduutti miidhamaa akka jiru himuun, qaamoleen lamaan karaa nagaa akka filatan gaafateera.

Qondaaloti naannichaa marii uummataa waliin taasisaniin mootummaan lola kanaaf furmaati karaa nagaa akka argamu fedhii akka qabuufi balballis banaa akka tahe irra deddeebiin himaa turan.

Faannoon garuu marii eegaluuf raayyaan ittisaa naannicha gadhiisee bahuu qaba haal-duree jedhu kaa'eera.

Hamma yoonaa kara mootummaan gaaffiin marii akka hin dhiyaanneefi kan dubbatan Obbo Asirassi, marii taasifamuuf Faannoon ''sanada sarara diimaa qabu,'' wajjin qopheeffachuu himaniiru.

Waraanni kuni haala amma jiruun yoo itti fufe rakkoo hawaasaafi diinagdee caalutti akka ce'uu malu ogeessonni damee garaagaraa irran jiran BBCtti himaniiru.

BBC'n dhimmoota Faannoo wajjin hidhata qabanirraa qondaalota mootummaa dubbisuuf yaaliin taasise hin milkoofne.