Waldiyaatti 'dhukaasa sa'aatiiwwaniif hidhattoonni' bananiin lubbuun darbe

Madda suuraa, Woldia Communications
Naannoo Amaaraa, Godina Kaaba Walloo magaalaa Waldiyaatti haleellaa hidhattoota hin beekamneen baname jedhameen yoo xiqqaate namootni lama ajjeefamuu, lama madaa'uu jiraataan magaalichaafi aanga'aan BBC'tti himan.
Taateen kuni torban darbe gaafa Sanbata xiqqaa galgala raawwatuutu ibsame. Akka jiraattonni jedhanitti dhukaasni hidhattootni banan sa'aatiiwwaniif ture.
Teessoo Godina Kaaba Walloo kan taate Magaalaa Waldiyaatti wanti mudate jiraattota magaalittii yaaddoofi bir'annaa guddoo keessa galchee ture jedhu namootni BBC'n dubbise.
Mootummaan humnoota addaa naannichaa deebisee ijaaruuf murtee dabarseen walqabatee bakkeewwan adda addaa naannichaatti walitti bu'iinsi dhagahamuu itti fufeera.
Kantiibaa itti aanaan Magaalaa Waldiyaa obbo Dubbaalee Abiraar tasa dhukaasicha kan banan hidhattoota kallattii adda addaan gara magaalittii seenaniidha jedhan.
''Nageenya magaalittii booressuun, tasgabbii dhabuu uumuuf warra karoorsedha'' ittiin jedhanii, ''sababa kanaattis namootni lama ajjeefamanii, namootni biroon lama ammoo miidhaan irra gaheera'' jedhan.
Jiraataan magaalaa Waldiyaa maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan ammoo dhukaasa san keessa hojjetaan gargaarsaa dhaabbata miti-mootummaa tokko, barattuun tokkoofi, hojjettuun daandii gubbaa tokko ajjeefamuu himan.
Kun kanaan osoo jiruu Manni Maree Waldaa Dhaabbilee Siivilii Itoophiyaa haala yeroo irratti ibsa baaseen, bakka adda addaatti hojjettoota gargaarsaa irratti miidhaan qaqqabaa jiru akkaan akka isa yaadesse ibseera.
Miidhaan kun naannolee Affaariifi Amaaraa keessattis mudachuu akeeke.
BBC'n maddeen isaa Mana Marii kana irraa odeeffannoo argateen haleellaa magaalaa Waldiyaa keessatti Sanbata xiqqaa raawwateen hojjetaan gargaarsaa dhaabbata miti-mootummaa tokko ajjeefamuu mirkaneeffateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaa Sanbata xiqqaa darbe raawwateef qaamni gaafatamummaa fudhate hin jiru.
Jiraataan magaalichaa lubbuun namoota sadii darbeef qaamni sababa ta'e hidhataa kam akka ta'e adda baasuun dhibaadha jedhan.
Kantiibaa itti aanaan magaalichaas ammattii eenyummaan qaama haleellaa kana raawwatee akka adda hin baaneefi qorannoon godhamee gaafatamtoota akka godhaman dubbatan.
Dhukaasni Sanbata xiqqaa Waldiyaa kun galgala sa'aa sadii irraa eegalee hanga sa'aa jahaatti kan itti fufeefi, bakka adda addaa irraa sagaleen meeshaalee waraanaa adda addaa dhagaahamaa ture jiraattota magaalittii yaaddoo guddaa keessa galchee akka ture obbo Dubbaalee himaniiru.
Akka namootni yaada isaanii ibsan kun jedhanitti sagaleen dhukaasaa sa'aa sadiif itti fufee dhagaahamaa ture, kan qaama tokkorraa dhuka'u malee qaama lama gidduutti kan gaggeefamu hin turre.
Magaalaan Waldiyaa wayita waraanni Kaaba Itoophiyaa gaggeefamaa ture ji'ootaaf harka hidhattoota Tigraay turte.
Ergasii ammoo caasaalee humna addaa naannolee diiguun humna poolisii ykn raayyaa ittisaatti makuuf murtee mootummaan federaalaa dabarse naannoo Amaaraa iddoo adda addaatti mormii kaase, walitti bu'iinsas uumeera.
Minseensota Humna addaa naannichaa murtee mootummaa fudhachuu dide deebisuufis duula waraanaa dabalatee yaaliiwwan adda addaa godhamaa turan.
Dhimmi kunis yaa'ii mana maree naannichaarratti dubbii ijoo ta'ee kan ture yeroo ta'u miseensi mana marichaa tokko haalli jiru yaaddessaa ta'uu ibsanii, hidhattoota naannicha keessa jiran waliin mariyachuuf mootummaan akka qophaawu waamicha godhanii ture.












