Naannoo Amaaraatti humnoonni nageenyaafi jiraattoti walitti bu'anii miidhaan dhaqqabe

Jiraattonni faannoon hiikkachuu hin qabu jechuun dhaadataa turan jedhu jiraataan Finoota Salaam

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS

Naannoo Amaaraa Godina Goojjam Dhihaa magaalota Finoota Salaam, Jigaa fi Dambacaa keessatti humnoonni nageenyaa fi dargaggoonni walitti bu'uun miidhaan namarra ga'uu jiraattonni fi aanga'oonni mootummaa naannawa kanaa BBCtti himan.

Jiraataan magaalaa Finaata Salaam walitti bu'iinsa amma mudatee fi miidhaa qaqqabsiise dura walitti bu'iinsi biraa akka ture BBCtti himan.

Rakkoon nageenyaa magaalaa Finoota Salaam kan eegale Wiixata darbe gaafa Waxabajjii 12, 2023 ta'uu kan himan jiraataan kun, ka'umsi walitti bu'iinsa kanaa hookkara magaalaa Dambacaatti lubbuu galaafate ta'uu ibsan.

Sababa kanaan magaalaa isaan keessa jiraatan, Finoota Salaam, keessatti ''mormiin uummataa'' gaggeeffamuu ibsan.

''Raayyaan ittisaa gara Finoota Salaam dhufaa jiraachuu odeeffame. Dargaggoonni hireen jiraattota Dambacaa mudate asittis ta'uu mala yaaddoo jedhuun sa'atii laaqanaatti ba'anii daandii Dambacaarraa dhufu cufan. Isa booda daandii Baahirdaar irraa gara Finoota Salaam dhufu cufan,'' jedhan.

Jiraattonni ''raayyaan ittisaa gara magaalattii seenuu hin qaban,'' akkasumas ''faannoon hidhannoo hiikkachuu hin qabu'' dhaadannoo jedhu dhageessisaa turan jedhan.

Namni BBCn dubbise kun ''jiraattoonni osoo garaa nagaan yaadasaanii ibsataa jiranii miseensi humna nageenyaa mootummaa tokko uummatarratti dhukaasuun miidhaa geessise,'' jedhan.

Kana hordofuun poolisiin magalaattii dhukaasa baneen namoota saddeet irra miidhaan ga'uu ibsan jiraataan kun.

Raayyaan ittisaa gara magaalattii akka hin seenne ta'uu kan ibsan jiraataan magaalaa Finoota Salaam kun, Kibxata kaleessaa (Waxabajjii 13, 2023) daandiin gara Baahirdaarii fi Koosoo bar geessu banamuun sochiin uummataa fi konkolaattotaa akka jalqabe ibsaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jiraataan magaala Jigaatti argaman tokko ammoo magaalichatti dargaggoonni waan hidhamaniif Wiixata Caamsaa 12, 2023 mormiin akka ture BBCtti himan.

Ta’ees ammoo yaalii abbootii amantaafi jaarsolii biyyaatiin taasifameen dargaggoonni waan hiikamaniif magaalattiin gara sochii idilee isheetti deebi’uu dubbatan.

Itti gaafatamaan komunikeshinii mootummaa Godina Gojjaam Lixaa Obbo Zamanu Taadala ibsa gadi fageenyaa kennuu irraa of qusatan illeen rakkinichi mudate akka ture BBCtti himaniiru.

Ittigaafatamoon kunis magaaloota akka Finoota Salaam, Jigaa fi Dambacaatti ‘‘sochii dhaabuufi haalli daandii cufuu’’ ture jedhan.

Ka’umsi kanaatis qaamoolee nageenyaa waliin waliigaltee dhabuun jechuun, odeeffannoo bal’aa kennuu akka hin dandeenye ibsan.

Dambacaarratti guyyaa Dilbataa Waxabajjii 11, 2023 galgala keessaa wal dhabdee raayyaa ittisaa waliin umameen ka’umsa ‘‘sochiilee kanneenii’’ turan jedhan.

Magaaloonni kunneenis ammatti gara nagaatti deebii’aniiru jedhan.

Miidiyaaleen gara biraa ammo keessattuu Dambacaa fi Finoota Salaamiitti namoonni du’uu hospitaalotaafi jiraattota magaaloota kanneeniitti argaman eeruun gabaasaniiru.