'Naannoo Amaaraatti walitti bu'insi raayyaa ittisaa fi hidhattootaa miidhaa geessise'

Magaalaa Baahirdaar

Naannoo Amaaraa bakka adda addaatti walitti bu'iinsa raayyaa ittisa biyyaa fi hidhattoota gidduutti dhalateen lubbuu namaarra miidhaan gahuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa hime.

Komishinichi ibsa Kamisa Ebla 4, 2023 baaseen, ''tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu'' mootummaan federaalaa naannoo Amaaraa keessatti raawwachaa jiru mirga namoomaa irratti dhiibbaa uumu hordofaa akka jiru ibseera.

Tarkaanfii mootummaa kanaan walqabatee godinaalee Kaaba Gondar, Kaaba Walloofi Kaaba Shawaa keessatti raayyaa ittisaa fi hidhattoota gidduutti walitti bu'iinsi dhalachuu komishinichi ibseera.

Keessumaa Kaaba Shawaa naannolee akka Shawaa Roobiit, Armaaniyaa, Anstookiyaa Gamzaa fi Maajetee jedhamanitti ''haleellaan meeshaalee waraanaa gurguddaan deeggarame'' raawwatamaa jira jedheera.

Sababa kanaanis namoota nagaarra duutiifi qabeenyi manca'uun qaqqabuu ibseera. Dasee irraa ka'ee hanga Finfinnee daandiin konkolaataa jirus yeroo adda addaatti cufaamuus Komishinichi ibseera.

Walitti bu'iinsi kun kan dhalate torbee darbe keessa miseensi hojii raawwachiiftuu dhaba biyya bulchuu fi hoogganaan dhaaba Biltsiginnaa damee naannoo Amaaraa obbo Girmaa Yeshixilaa hidhattootaan ajjeefamuu isaanii hordofeeti.

Qondaalli olaanaa dhaaba Badhaadhinaa kun kan ajjeefaman bakka amma raayyaan ittisaa fi hidhattootni keessatti wal-haadhaa jiru jedhamu godina Kaaba Shawaa naannoo Mahaal Meedaa jedhamurraa gara Dabra Birihaan deebi'aa osoo jiraniiti.

Mootummaan Federaalas ta'e mootummaan naannoo Amaaraa walitti bu'iinsi dhalachuu ilaalchisee gabaasa Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa baase kana irratti yaada kenne hin qabu.

Ajjeefamuu obbo Girmaa torbanoota dura ammoo mootummaan caasaa humnoota addaa naannolee diigee raayyaa ittisaafi poolisii naannoleetti akka makaman gochuu hordofee nurteen kun naannoo Amaaraa keessatti dura dhaabbannaa guddaan isa mudateera.

Kana hordofees naannicha keessa hiriirri mormii murtee mootummaa balaaleffatu guyyootaaf gaggeefamaa ture, muddamas uumeera.

Namootni siyaasa mormii kana qindeessaniiru, deeggaraiiru hidhattoota waliin hidhatas qabu jedhamnis to'annoo jala oolfamuu Komishinichi dabalee ibseera.

Komishinichi itti dabaluun dhibdeewwan jira karaa nagaafi mariin furuun sarbama mirgaa dhalat hanqisuun akka barbaachisu dhaameera. Dhibdee hammeessuurraa hunduu akka dhaabatus gaafate.

Mootummaa hidhaan raawwatu kamuu seera kan bu'uureffate akka ta'e mirkaneeffachuu akka qabus ibse.