'Gochi finxaaleyyii Amaara fira malee hambisa'- Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa

Madda suuraa, FBC
Tooftaan finxaaleeyyiin hordofan ummannii Amaaraa fira malee akka hafu taasisan jedhan Pirezidantiin Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa haasaa sirna gaggeessaa reeffa Obbo Girmaa Yeshixilaa irratti taasisaniin.
Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalatee aanga’oonni olaanoon biyyattii, maatiifi firoonni bakka argamaniitti gaggeessaan reeffa Obbo Girmaa Yashixilaa Finfinnee Paarkii Michummaatti raawwatameera.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa dame Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yashixilaa Ebla 27, 2023 naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaatti haleellaa humnoota finxaaleeyyiin irratti raawwatameen ajjeeffaman.
Sirna gaggeessaa qondaala mootummaa olaanaa kanarratti seenaan Obbo Girmaa kan himame yoo ta’u, pirezidaantoonni naannooleefi aanga’oonni mootummaa ergaa dhaamaniiru.
Pirezidaantii Itti Anaanan Paartii Badhaadhiinaa Obbo Adaam Faaraah, ‘‘Imalli Itoophiyaan gara badhaadhiinaatti taasiftu humnoota finxaaleenyiin hin gufatu’’ jedhan.
Sirna gaggeessaa kanarratti haasaa kan taasisan Obbo Adaam, ‘‘finxaaleenyiin Obbo Girmaa Yashiixilaa ajjeessan, finxaaleeyyii gara bineensaatti jijjiramaniidha’’ jechuun ibsan.
Obbo Girmaan hoggansaa finxaaleessuummaafi siyaasa jibbiinsaa irratti hadheeffatanii qabsaa’aa akka turan kaasuun, hogganaa faayidaa biyyaafi ummataa dursa kennuun wareegaman ta’uu himaniiru.
Gummaachi qondaala kanaa yoomiyyuu hin dagatamu kan jedhan Obboo Adaam, warri isa ajjeessee finxaaleeyyii badhaadhinaafi tokkummaa sab-daneessa Ittoophiyaa hin feneedhas jedhan.
Pirezidantiin Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa gamasaanitiin ‘‘Finxaalessummaan biyyaafi uummata kan hin fayyadne ofiin of nyaachuun of fixuudha’’ jedhan.
‘‘Finxaaleyyiin ummaataaf kan quuqaman fakkaatanii ajjeechaa hoggantootarratti raawwatan ummanni balaaleffachuu qaba’’ kan jedhan Dooktar Yiliqaal, finxaalessummaan Amaaraa fira dhabsiisuun, gaaffiin ummataa tumsaan deebii akka hin arganne taasisa jedhan.
‘‘Rakkoon hundi hoggantoota Amaaraa ajjeesuun ni furama jedhanii haleellaa wal-duraa duubaan finxaaleyyiin raawwachaa jiran ofiin of balleessuudha’’ jechuun taatee kana ibsan Dooktar Yiliqaal.
Itti dabaluunis Dooktar Yiliqaal, finxaalessummaan ummanni akka walqoodu, ofiin wal ajjeessuun abdii akka kutatu taasisuun malee kan mo'atu miti,’’ jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sirna gaggeessaa reeffa Obbo Girmaa Yashixilaa kanarratti haasaa kan taasisan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aaddee Adaanach Abeebee, ‘‘Finxaaleeyyiin Girmaa ajjeessanis kaayyoon inni dhaabbateef itti fufa’’ jedhan.
Girmaa Yashixilaa nama dhugaafii ejjanoof dhaabate ta’u eeruun, hogganaa ummata tajaajiluuf of kennee akka turan dubbatan Aaddee Adaanach.
‘‘Ilaalchaafi gocha finxaaleeyyii cabsuun imala badhaadhiinaa fi tokkummaa Itoophiyaa sab-daneessaa Obbo Girmaan wareegamaniif galmaan ni geenya’’ jechuun dhaadatan.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Obboo Girmaan hogganaa tattaaffiifi murannoon Itoophiyaa guddoo ijaaruun ni danda’ama jedhanii amanan turen jedhan.
‘‘Hoganaan olaantummaa yaadatti amanan kun hogganaa ofiisaanii caala waahilanniif, biyyaafi kaayyoof yaadu ture,’’ jechuun himaniif.
Sirni gaggeessaa reeffa Obbo Girmaa Yashixilaa har’a Magaala Finfinneetti haa raawwatamu malee, awwaalchi isaa fedhii maatiifi firoota saatiin naannoo Amaaraa, Godina Shawwa Kaabaa Mahaal Meedaatti akka raawwatu gabaafameera.
Girmaa Yashixilaa eenyuu turan?
Obbo Girmaa Yashixilaa Waldatsaadiq Haadhasaanii Aaddee Zawudee Simanyiifi abbaa saanii Obbo Yashixilaa Waldatsaadiq irraa Godina Shawaa, Magaalaa Mahaal Meedaatti ALI bara Sadaasa 17, 1967tti dhalatan.
Barnoota saanii sadarkaa tokkooffaafi lammaaffaa Mahaala Meedaadhumatti xumuran. ALI bara 1986 irraa kaasanii Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa Anaa Antsookiyaatti hojii mootummaa tokko jedhanii eegalan.
Obbo Girmaan ciminaafi si’oomina dargaggummaatti agarsiisan irraa kan ka’e, aanaarraa kaasuun hanga godinaatti itti gaafatamummaa sadarkaa garaa garaa irra hojjataa turan.
Fakkeenyaas, bulchaa aanaa, Ittaanaa Kantiibaa Magaalaa Dabra Birhaan, Bulchaa Godina Shawaa Kaabaa, Itti Gaafatamaa Waajjira Invastimantii Naannoo Amaaraa ta’un tataajiraniiru.
Kana malees, miseensa boordii Yunivarsitii Dabra Birhaan, Walitti Qabaa Boordii Korporeshinii Miidiyaa Amaaraa fi Hospitaala Riifaraalii Dabira Birhaan ta’un hojjataniiru.
Amma lubbunsaanii hidhattootaan dabarteetti ammo, Obbo Girmaan Itti gaafatamaa Paartii Badhaadhiinaa Damee Naannoo Amaaraa, miseensa hojii raawwachiiftu paartichaafi itti haafatamummaa garaa garaatiin hojjataa turan.
Obboo Girmaan hojii mootummaatiin cimaatti barnootasaanii itti fufuun dippilomaarraa ka’un hanga maastarsiitti barataniiru.
Gosa barnoota maanaagmantiitin dippilomaan kan eebbifaman yo ta’u, Economic hdaan ammo digrii jalqabaatiin Yunivarsitii Dabra Birhaan irraa eebbiifamu saanii seenaan jireenyaasanii ni mul’isa.
Barnoota saanii itti fufuun maastarsii (digrii lammaaffaa saanii) ammo Kotobee Metiropolitaan Yunvarsitii irraa eebbifamaniiru.
Obbo Girmaa Yashixilaa umurii waggaa 48tti Ebla 27, 2023 naannawa itti dhalataniitti hidhattootaan ajjeeffaman.
Qondaalli kunis nama bultoo qabuufi abbaa ijoollee dubaraa sadii fi dhiiroota afurii turan.












