Waa’ee ajjeechaa Obbo Girmaa Yashiixilaarratti wantota hanga ammaa beeknu

Madda suuraa, Social Media
Miseensa hoji-raawwachiiftuufi itti-gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Amaaraa Obbo Girmaa Yashiixilaa Kamisa Ebla 27, 2023 haleellaa irratti raawwatameen ajjeefaman.
Aanga’aa olaanaan paartii biyya bulchaa jiru kan ta’an Obbo Girmaan, hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen kan ajjeefaman magaalaa guddoo biyyattii Finfinnee irraa bakka gara Kaabaan kiiloomeetira 250 fagaatu irrattidha.
Waa’ee ajjeefamuu aanga’aa olaanaa kanaa ilaalchisee wantonni hanga ammaatti beeknu kunooti.
Ajjeechaan kun eessatti raawwatame?
Obbo Girmaan miseensa hoji-raawwachiiftuu paartii biyya bulchu Paartii Badhaadhinaafi sadarkaa itti-aanaa pirezidantiin naannoo Amaaraatti.
Kana malees, itti-gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa damee naannoo Amaaraati.
Obbo Girmaa Yashiixilaa kan ajjeefaman naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabati ture.
Obbo Girmaan guyyoota muraasa dura magaalaa guddoo godina kanaa kan taate Dabire-birhaan keessatti hojiiwwan misoomaa garagaraa daawwachaa turanii, gara bakka dhaloota isaanii godinuma sana keessatti arhamtu Mahaal Meedaa deemanii osoo deebiyaa turaniidha haleellaan lubbuu isaanii galaafate kan irratti raawwatame.
Naannoon Amaaraa ibsa baaseen akka ibsetti, haleellaan raawwatame kun Obbo Girmaa Yashiixilaa, eegdota dhuunfaa isaafi maatii isaarratti kan raawwatamedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka odeeffannoo BBC Amharic jiraattoota naannoo sanaa irraa argadhe jedhetti, erga haleellaan kun raawwatmeen booda lubbuu namoota miidhamanii oolchuudhaaf elekooptaraan fudhatamanii ture.
Haata'u malee ajjeefamuun Obbo Girmaa Yashiixilaa mootummaan osoo hin ibsamiin dura miidiyaaleen hawaasaa tokko tokkoon 'haleellaa irratti raawwatamuun madaa'anii hospitaala galuu' himaa turan.
Boodas, lubbuun aanga'aa kanaa darbuus aanga'oota mootummaafi miidiyaalee mootummaa dursee kan gabaase miidiyaaleedhuma hawaasaa kanneen ture.
Haleellaa Kamisa waaree booda raawwatame kanaan Obbo Girmaa Yashiixilaafi namoonni biroo afur kan ajjeefaman yoo ta’u, MM Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalatee aanga’oonni olaanoo biyyattii ajjeechaa kanaan gaddaasaanii ibsataniiru.
Mootummaa naannoo Amaaraa, waajjira Komunikeeshinii Mootummaa, akkasumas aanga’oonni naannolee gara garaa ajjeechaa aanga’aa olaanaa kanarratti raawwatame balaaleffachuun ibsa gaddaa baasaniiru.
Ajjeechaa kanaaf eenyutu gaafatama?
Ajjeechaa Obbo Girmaa Yashiixilaa irratti raawwateef qaamni itti gaafatamummaa fudhate ykn kallattiin maqaan eerame hin jiru.
Haata'u malee naannoon Amaaraa fi mootummaan federaalaa ajjeechaa qondaala kanaatiif "humnoota seeraan alaa yookiin al-idilee" fi "humnoota finxaaleyyii" jedhaniin komatan.
Humnoonni kunneen eenyu akka ta’an garuu maqaa hin eerre.
Ajjeechaa Obbo Girmaa ilaalchisee naannoon Amaaraa ibsa baaseen, qondaalli kun ''humnoota sirna hin qabneen yookiin al-idileen'' akka ajjeefaman eere.
Haata'u malee, kominikeeshiniin naannichaa dhimma ajjeechaa qondaala kanaarratti ibsa duraan baase haquun, kan duraan ‘’humnoota al-idilee’’ himatee ture kaasee, ''humnoota finxaaleyyii’’ himateera.
Siyaasa Itoophiyaa keessatti ammoo, kanneen siyaasa bu’uurri isaa saba ta’e adeemsisan ''humnoota finxaaleyyii’’ jedhamuun ibsamaa turan.
Qondaalonni olaanoon naannocha Kanaan dura ibsa kennaa turan keessatti, Faannoo fi kanneen maqaa Faannoon hidhatanii socho’aniin ''humnoota al-idilee yookiin finxaaleyyii’’ jedhanii waamaa turan.
Pireezidantiin duraanii naannoo Amaaraa fi Daarektarri Olaanaan Tajaajila Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaa Obbo Tamasgeen Xuruna waggaa darbe TV Fana irratti akka dubbatanitti, gareen al-idilee kun gosaa fi amala adda addaa qabaachuu ibsanii turan.
Garee maqaa Kanaan deemu keessaa wayita waraanni Kaaba Itoophiyaa ture kan waraana biyyattii tumsuun duulan akkuma jiran, kanneen hannaafi saamicha raawwatan akka jiranis ibsaniiru.
Obbo Girmaa irratti maaliif xiyyeefatame
MM Abiy ajjeefamuu Obbo Girmaa Yashiixilaa yeroo ibsanitti, aanga’aan kun kan ajjeefaman yaada addaa qabaataniif akka ta’e eeraniiru.
MM Abiy ibsa isaanii kana keessatti, “haleellaa fokkisaafi nama qaanessu gooltuufi finxaaleyyii yaada kan keenyarraa adda ta’e yaaduun isarra hin turre jedhanii amananiin raawwataniin,” Obbo Girmaan ajjeefaman jedhan.
Naannoo Amaaraas “humnoota finxaaleyyii qabsoo yaadaan mo’achuu kan dadhaban humnaan raawwachiisuuf haleellaa raawwatanidha,” jechuun ajjeechaa kana kan ibsan yoo ta’u, Obbo Girmaan kan irratti xiyyeeffatameef ejjennoo adda ta’e qamaachuu isaanii ta’uu eereera.
Ibsa kennamaan yaada warri “finxaaleyyii” hin fudhanneefi Obbo Girmaan qabatan addaa adda ta’e maal akka ta’e ifatti wanti jedhame jiraachuu baatus, aanga’aan kun osoo lubbuun isaanii hin darbiin dura humnoota addaa akka haaraatti gurmeessuu ilaalchisee yaadawwan kennanin qeequmsi irratti dhiyaataa tureera.
Bulchiinsa mootummaafi paartii keessatti ga’een Obbo Girmaa hagam ture?
Naannoo Amaaraa Godina Kaaba Shawaa iddoo Mahaal Meedaa jedhamutti dhalatanii guddachuunsaanii kan himamu Obbo Girmaa Yashiixilaa waggoota kurna sadan darbaniif sadarkaa aangoo mootummaa adda addaatti aanaa hanga naannootti tajaajilaniiru.
Godina Kaaba Shawaatti bulchiinsa aanaa Antsookiyaa Gamzaatti damee diinagdee hooggananiiru. Bulchaa aanaa kanaa ta’uunis tajaajilaniiru.
Kantiibaa Itti Aanaa Bulchiinsa magaalaa Dabra Birhaan fi biirolee garaagaraatti sadarkaa aangoo mootummaa garaagaraa irratti hojjetaniiru.
Bulchaa fi bulchaa itti aanaa bulchiinsa Godina Shawaa Kaabaas turan.
Miseensa mana maree Naannoo Amaaraa kan turan Obbo Girmaan, tajaajila hooggansaa Kaaba Shawaatti kennaniin alatti Biiroo Indastirii fi Invastimantii naannootti hoogganaa turan.
Obbo Girmaan paartii keessattis sadarkaa hooggansaa garaagaraarratti tajaajilaniiru.
Qaama ADWUI keessaa tokko kan ture Sosochii Dimokiraatawaa Saba Amaaraa dame Shawaa Kaabaatti itti gaafatamaa waajjiraa turan.
Akkasumas hoogganaa waajjira paartichaa magaalaa Dabra Birhaan turan.
Dhumarrattis miseensa Koree Hoji-raawwachiistuu Paartii Badhaaninaa fi Sadarkaa Pireezidantii Itti Aanaatti hoogganaa waajjira paartii badhaadhinaa dame naannoo Amaaraa ta’uun tajaajilaa turan.
Wal-ajjeechaa aanga'oota naannoo Amaaraa
Naannoo Amaaratti ajjeechan qondaalota mootummaa olaanorratti raawwatu kun isa jalqabaa miti.
Kanaan duras pirezidaantii duraanii naannichaa kan turan Dr. Ambaachoo dabalatee aangawoonni mootummaa olaanoon ajjeefamaniiru.
Yeroo dhiyoo asimmoo naannichatti hokkariifi seer-maleesummaan baay'ataa jira.
Keessumaa mootummaan Federalaa humna addaa naannolee akka haaraatti gurmeessuun erga beeksiseen booda, humni addaa naannoo Amaaraa hammi tokko hidhannoo hin hiikkannu jechuun hokkarri ka'ee ture.
Dhiheenya kana humna addaa naannoolee akka haaraatti deebiisanii gurmeessuun wal qabatee, naannoodhuma Amaaraa kanatti mormiin mudachuunsaa ni yaadatama.
Mormii kana keessatti ammoo, himnootiin finxaaleeyyii fi hidhattoonni Faannoo burjaajii uumuun nageenyi naannichaa akka boora’u gochaa turuu aanga’’oonni mootummaa himaniiru.
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Itoophiyaa, dhiyeenya kana humnoota addaa naannolee akka haaraatti gurmeessanii ibsa kennan irratti, hidhattoonni ‘Faannoo’ jedhaman naannoo Amaaraa keessatti rakkoo nageenyaa akka ta’an himanii turan.
Finxaaleyyii, shiftaa fi Faannoon walta'uun naannicha laamshessaniiru jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa.
“Gareen Faannoo kun abbaa hin qabu. Abbaansaa finxaalessaadha. Gareen kun amma bakka hundatti yaaddoo nageenyaa ta'eera.''
Gareen kun Raayyaa Ittisa Biyyaa hidhachiisee rasaasa kenneef deebisee lolaa jira jedhan.
''Garee kanaan namni bakka hundatti ajjeefama, dubartoonni ni gudeedamu. Maallaqni ni saamama, daandiin ni cufama, keellaarratti qaraxi ni funaanama. Caasaa mootummaa naannochaa sodaachisee jiraata.''
Garee kana balleessuuf hojjetaa jiraachuu kan ibsan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, ''Garee Faannoo yoo balleessine naannoleen tasgabbaa'anii hojii misoomaatti fuulleffatu. Sodaa keessaa ba'u,'' jedhan.












