Pirezidant Erdohaan osoo gaaffiifi deebiirra jiranii tasa dhukkubsachuun tamsaasi kallattii TV adda cite

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Tarkii Raasiip Xayiib Erdohaan fayyaa dhabaa dhufuun isaanii lammileen Tarkiif yaaddoo ta'aa dhufeera.
Pirezidant Erdohaan Kibxata osoo tamsaasa kallattiin TV irratti gaaffiifi deebii taasisaa jiranii tasa dhukkubsatanii tamsaasi ture akka addaan citu taasifameera.
Gaaffiifi deebiin daqiiqaa 20f erga addaan citeen booda Erdohaan deebiyanii garaan akka isaan dhukkube gaazexeessitootatti himan.
Maanguddoo umurii waggaa 69 kan ta'an Erdohaan, erga dhiyoo asi fayyaan isanii hir'achaa akka jiru, qaamni isaanis akka dadhabaa jiruufi fulli isaaniillee akka jijjiiramaa jiru gabaafameera.
Erdohaan TV irratti tamsaasa kallattiin gaaffiifi deebii osoo taasisaa jiranii addaan kutuun kan Kibxata darbee kun kan jalqabaa miti.
Tarkii keessatti torban tokkoon booda ammoo filannoo pirezidaantummaa waliigalaatu gaggeeffama.
Erdohaan dorgommii pirezidaantummaatiif mormitoota isa morkachaa jiran keessaa Kamaal Kuluchiiteroluu waliin falmii guddaatu isaan eeggata.
Filannoof sagalee kennuun lammilee Tarkii miliyoona sadii ta'an biyya alaa jiraatan biratti ammumaaniyyu kan jalqabe yoo ta'u, biyya Jarman kan lammileen Tarkii keessa jiraatan keessatti namoonni miliyoona tokkoofi kuma 500 ta'an sagalee kennaa jiru.
Erga Erdohaan tamsaasa kallattii TV irratti gaaffiifi deebii taasisan addaan kutanii booda warra akka fayyaniif hawwii qaban ibsaniif keessaa Gamtaa Mormitootaa bakka bu'uudhaan pirezidaantummaaf dorgomaa kan jiran Kamaal Kuluchiiterolluun tokkodha.
Ministirri Fayyaa Faahiretin Kochaa dhukkubsachuu Erdohaan hordofee ibsa kennaniin, 'Erdohaan haala fayyaa gaariirra jiru. Garaachi xiqqoo waan isaan dhukkubeefidha; waan nama yaaddessu miti," jedhan.
Lammileen Tarkii filannoo pirezidantummaa waliigalaa kanaaf sagalee kennuu kan jalqaban jalqaba ji'a Caamsaarrattidha.
Filannoo kanaan kaadhimamaan sagalee caalu argate yoo hin jiraanne filannichi marsaa lamaffaaf itti fufee gaggeeffama.
Tamsaasa kallattii TV irratti gaaffiifi deebii taasisaa osoo jiranii dhibamuun Erdohaan yaaddessadha qaamoleen jedhan jiru.
Pirezidant Erdohaan kanaan duras sagantaawwan duula 'na filadhaa' sadii haquu isaanii kaasuun akka yaaddessaa ta'e kaasu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidantichi akka mana turan hakiimni isaanii kan itti hime yoo ta'u, duula filannoo irratti kan hin hirmaanneefis sababa kanaaf jedhameera.
Tibbuma kana eebba humna Niwukilaraa biyyattiif kan jalqabaa ta'e qarqara galaana Mediteraaniyaanitti gaggeeffame yeroo gaggeeffames irratti hin argamiin hafaniiru.
Haata'u malee, pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin viidiyoo interneetiitiin sagantaa eebba kanarratti kan mul'atan yoo ta'u fuulli isaanii dhibamaa fakkaatee mul'ateera.
Ijaarsi niwukilara kun harki caalaan isaa kampanii Raashiyaa Rosaatom jedhamuun kan qabamedha.
Tamsaasa kallattii TV Kibxata darbe irratti gaazexeessitoonni gaaffiifi deebii taasisaa turan heddhuudha.
Gaazexeessitoonni kunneen Ullikkee TV fi Chaanaal-7 kanneen jedhaman mootummaatti dhiyaatanirraa kan dhufan turan.
Iskiriiniin TV osoo akka tasaa hin dukkanaa'iin dura gaazexeessaan tokko Erdohaaniin gaaffii tokko gaafachaa osoo jiruu akka tasaa fuula isaarratti naasuun ni mul'achuu jalqabe.
Isaan booda ture sagantaan kun kan addaan cite.
Yeroo xiqqoo turee booda Edohaan gara tamsaasaatti deebiyanii gaaffiifi deebii kana irratti hin dhiyaadhu jedhee yaadeen ture, 'xiqqoo fayyummaan natti dhaga'amaa hin jiru' jedhan. Wanti akkasii ni mudata. Hojii hedduudhaan qabamneetu oolla' jedhan.
Erga kun mudateen booda lammileen Tarkii miidiyaa hawaasaarratti pirezidantiisaanii dhibeen onnee akka mudate ballinaan dubbachaa turan.
Dubbi-himaan Erdohaan garuu wanti odeeffamu hunduu sobadha jedheera.
Erdohaan bara 2016 keessa erga yaaliin fonqolchaa irratti taasifameen booda osoo akkuma kana TV irratti tamsaasa kallattiin gaaffiifi deebiirra osoo jiranii akka tasaa dhukkubsatanii tamsaasi ture addaan citee ture.
A L I bara 2011 fi 2012 keessa ammoo wallaansi baqaqsanii yaalii marrumaanii taasifameefiif ture.
Erdohaan erga aangoorra bahanii waggaa 21 guuteera.












