Itoophiyaan marii hidha Abbayyaatti deebi'uuf qophiidha jette

MM Abiy yeroo hidhi Abbayaa guutamu

Madda suuraa, OPM-ETHIOPIA

Itoophiyaan dhimma hidha Abbaayarratti Masiriifi Sudaan waliin mariitti deebi'uuf qophii ta'uu ibsite.

Ittaanaa ministira dhimma alaa Itoophiyaa kan ta'an Ambasaaddar Misgaanuu Argaawu, Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa US kan ta'an Maayik Hamar wajjin wal-arguuni Itoophiyaan marii kanatti deebi'uuf fedhii qabaachuushee kan ibsan.

Ambasaaddar Misgaanun, "Itoophiyaan Gamtaa Afrikaa jalatti marii biyyoota sadan gidduutti gaggeeffamu deebistee eegaluuf qophiidha" jechuusaanii ministeerri dhimma alaa Itophiyaa fuula Twitara isaarratti barreesse.

Itoophiyaan waqtii gannaa dhufutti hidha Abbayaa marsaa sadaffaaf bishaan guutuf qophiitti jirti.

Masiriin ammoo bishaan guutufi hojii hidhichaa gara fuulduraarratti Itoophiyaa wajjin waliigalteerra gahuu feeti.

Itoophiyaan hidha Abbayaa guutuu itti fufuuf marii akka yeroo dabalataa bitachuutti itti dhimma bahaa jirti jechuun Masiriin dhiyeenya kana Itoophiyaa himattee turte.

Itoophiyaan hidha guddicha Abbayaa ijaaruu yeroo jalqabdee kaasee Masiriifi Sudaanirraa mormiin cimaan mudataa tureera.

Dhimmichi Gamtaa Afrikaa bira darbee ajandaa Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniillee ta'ee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyoonni sadanuu yeroo garaa garaatti jaarsummaa Gamtaa Afrikaafi UStin marii taasisaa turanis walii galtee hundasaanii gammachiisurra hin geenye.

Ijaaramee gaafa xumuramu Afrikaatti hidha guddinaan gita hin qabne ta'a kan jedhamee eegamu hidha Abbayaa, Itoophiyaan maallaqa guddaa kiisasheetii baastee ijaaraa jirti.

Itoophiyaan hidha kana bishaan guutuu osoo hin jalqabin dura walii galtee dhumaarra gahuu qabdi jechuun Masiriifi Sudaan falmaa turan.

Walii galteen isaan jedhan osoo hin milkaa'in Itoophiyaan marsaa sadaffaa guuttee marsaa afraffaaf waktii gannaa eeggataa jirti.

Akkaataa hidhi kun bishaanin guutamuu qaburratti yaadni furmaataa Masiriifi Sudaan dhiyeessaa turan fedhiishee kan hin eegne ta'uu ibsuun Itoophiyaan hin fudhanne.

Hidhi guddichi Abbayaa erga eegalee waggoota kudhanii ol lan lakkoofsise ta'us amma ijaarsisaa dhibbeentaa 90 gaheera jedhama.

Ijaarsisaa gaafa xumurame anniisaa ibsaa meegga waatii kuma shanii ol madisiisun Itoophiyaarra darbee biyyoota ollaattuu gurguramuu danda'a jedhamee eegama.