'Itoophiyaan dhimma hidha Abbayaa irratti yeroo bitataa jirti'- Masirii

Hidhaa Abbayyaa

Madda suuraa, Getty Images

Masriin Itoophiyaan dhimma Hidha Abbayaarratti 'yeroo bitataa jirti' jechuun himatte.

Ministeera Dhimma Alaa Masirii keessatti itti gaafatamaan Dhimmoota Afrikaatti Ambassador Hamdi Loozaa, Itoophiyaan maqaa marii jedhuun yeroo dheereffataa akka jirtu dubbatan.

Masiriin komii kanaan Itoophiyaan gama tokkoon ni mariyanna jechaa gama kaanin ammoo bishaan guutaa yeroo dabalataa bitataa akka jirtu himatti.

Qondaalli Masirii kun Ebla 12, 2023 akka jedhanitti, Itoopohiyaan Masirii maqaa balleessaa jirtis jechuun balaaleffatan.

Miidiyaan biyya keessaa akka gabaasetti, "Masiriin dhimma hidha Abbayyaa dhaadhessuun siyaasaf itti fayyadamaa jirti" jettee Itoophiyaan Masirii maqaa balleessiteettis jedha.

Sudaaniifi Masiriin dhimma Hidha Haaromsa guddicha Itoophiyaan ijaaraa jirturratti hangi bishaan argatan nu jalaa hir'ata jechuun komiifi mormii dhiyeessaa turan.

Mormiin Sudaan yeroo gara yerootti xiqqataa dhufus, Masiriin garuu Itoophiyaa waliin waliigalteerra osoo hin gahamin hidhicha guutuun "yaaddoo biyyaalessaashee'' akka ta'e ibsaa turte.

Dhiheenya kanas Sudaaniifi Masrii shaakala waraana galaanaa waloo Galaana Diimaa irratti taasisuun isaanii ni yaadatama.

Komii Hidha Haaromsaa Laga Abbayaa Itoohiyaan xumuraa jirtu ilaachisee ka'u hordofees Masiriifi Sudaan waggoota muraasa darban keessa tumsa waraanaa akka cimsanii itti fufan waliigaltee taasisaniisun isaanii ni yaadatama.

Gaazexeessan beekamaaan Masirii "Itoophiyaan Hidha Guddicha Haaromsaa kan ijaarteef itti yaaddee Masiriifi Sudaan miidhufi," jechuun dubbate.

Gaazexeessaa miidiyaa paartii mormituu kan ta'e Mohaammad Naasir ammoo mootummaan Masiriifi miidiyaan dhimmicha akka dhimma ijootti hin fudhanne jechuun komate.

Biyyoota yaa'a gadii keessaa Masiriin sababa hidha Abayaan bishaan kan durii irra na jalaa hir'ata jechuun yeroo dheeraf falmaa turte.

Itophiyaan ammoo gama isheen ijaarsi hidhichaafi bishaan guutun biyyoota yaa'a gadii miidhuf kan karoorfate akka hin taanefi mariyachuuf ammoo balballiishee banaa akka ta'e ibsaa turte.