Masriin dhimma hidha Abbayyaa ajandaa dhaabbataa liigii Arabaa goote, Itoophiyaan ammoo mormite

Madda suuraa, ARAB LEAGUE
Masiriin dhimma Hidha Guddicha Haaromsa Abbayyaa kan waggaa 10 oliif wal falmisiisaa turee ajandaa dhaabbataa Mana Maree liigii Arabaa taasifte.
Kun kan ta’e wayita walgahiin mana maree liigii ministiroota Dhimma Alaa Liigii Arabaa pirezidaantummaa Masriitiin Kaayirootti gaggeeffameerratti.
Murtee liigii Arabaa kana hordofunis Itoophiyaa karaa Ministeera Dhimma Alaa isheen kan mormiite yoo ta’u, dhimmi Abbayyaa marii biyyoota jidduutti gaggeeffamuun kan furamu ta’u kaasuun murtee liigiichaa mormitee jirti.
Ministirri Dhimma Alaa Masirii Saamii Shukurii kan bu’aa Liibiyaa irraa pirezidantummaa mana marichaaf fudhatan yoo ta’u, manni maree ministiroota Dhimma alaas dhimmi hidha guddicha abbaayyaa ajandaa dhaabbataa mana maree liigii Arabaa akka ta’uuf murteessisaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa dhimmi hidhichaa ajandaa dhaabbataa akka ta’uf murtaa’uun isaa, liigiin Arabaa mirgoota Masriifi Sudaan kabachiisuuf kutannoo qabu kan agarsiisuudha jedhan.
Dhimmi hidha guddicha Abbayyaa kan biyyoota Arabaa miiliyoona 140 ilaallatu waan ta’eef ajandaa liigii Araa ta’a jedhan Ministirri Dhimma Alaa kun.
Shikuriin itti dabalunis, hidhi guddicha Abbayyaa dhimma nageenyaa biyyaaleessaa liigii Arabaa waan ta’eef, Itoophiyaa fedhii Masriifi Sudaan fudhachuudhaaf tarkaanfii gaarii akka fudhattuuf kan yaadachiisuudha jedhan.
Shikuriin Masriifi Sudaan waliin osoo waliigaltee dirqisiisaa irra hin gahiin hojii ijaarsa, bishaaniin guutuufi opareshiinii isaatiin itti fuftee jirti jechuun himatan. Kun osoo kanumaan jiruu, Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa dhimma bishaaniin guutuufi oppareeshinii hidha guddiichaa ilaalchisee liin Araabaa murtee yaadaa baasuu isaatti gammadaa miti jedheera.
Dhimma guutamuu hidhiichaafi oppareeshiinii isaa ilaalchisee akkasumas haala bulchiinsa laga Abbaa ilaalchisuun dhimma biyyoonni Afriikaaf dhiisuu qaban kan jedhe waajjirri ministeerichaa, aragmni laga Abbayyaa fi yaa’aawwan isaa Afriikaa ta’uusaa liigicha yaadachiisuun nu hin barbaachisuu jedheera.
Liigiin Arabaa ittiin bulmaata idil-addunyaa gara duubatti dhiisuun biyya tokkoo qofaadhaa dubbii himaa ta’uun tajaajilaa jira kan jedhe Ministeerri Dhimma Alaa, dhimmicha kallattii siyaasaa qabsiisuuf furmaata hin ta’u jedheera.
Waajjirichi Ministeerichaa kunis Itoophiyaa, Sudaanii fi Masriin dahoo Gamtaa Afriikaa jalatti dhimma hidha guddichaa Haaromsa Abbaayyaa irratti marii gaggeessaa akka turan kaasuun, Liigiin Arabaa murtee yaadaa dabarsuun isaa Masriin maricha keessatti qajeelluummaan hirmaataa turuu ishee irratti gaaffii kan kaasuudha jedhan.
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad wayita tarbaayinii lammaffaa hidha guddichaa hojii eegalchiisaniitti, Masriin dandeettii dippilomaasii isheetti fayyadamuun biyyoota Liigi Arabaafi karaa mana maree nageenya Mootummoota gamtomaniitiin Itoophiyaarratti dhiibbaa taasisuuf yaalaa turte jedhan.

Madda suuraa, PM OFFICE/TWITTER
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana duras Masriifi Sudaan karaa biyya miseensa mana maree nageenyaa Mootummoota Gamtomanii taate Tuniziyaatiin, Itoophiyaa hidhicha marsaa lammaffaaf bishaan osoo hin guutiin dura hidhicha irratti waliigaltee irra akka geessuuf dahoo Gamtaa Afriikaa jalatti akka mari’attuuf xalayaan akka barraa’u taasisanii ture.
Masriin kan ummata miiliyoona 110 qabdus hidhi guddichi Itooophiyaan ijaaraa jirtu kunis gahee bishaan kootii najalaa hir’isa jechuun yaaddoo qabdu ibsachaa akka turte ni yaadatama.
Gama biraatiin ammo Itoophiyaan ummata ishee keessaa harki 55 qofti ibsaa kan argatu ta’u kaasuudhaan, dhaaddanoo hunda fayyadamaa taasisuu jedhurratti hundaa’uun hidhicha ijaaruun gahee bishaan kootii fayyadamuudhaaf mirgan qaba jetti.
Ijaarsi hidha kanaa erga eegalee waggoota 10n dura akaasee, masriin, Sudaaniifi itoophiyaan haala hidhichi bishaaniin itti guutamuufi oppareshinii isaarratti waliigaltee irra gahuudhaaf mariiwwan hedduu taasisan illeen bu’aa qabatamaan osoo hin argamne tureera.
Baatiiwwan muraasaan dura ammo ijaarsi hidha kanaa waliigalaa parsantaa 83 irra gahuun kan ibsame yoo ta’u, marsaa sadaffaan bishaanii guutuu isaas xumuramuun ibsamee ture.
Wayita ammaa kanattis hidhichi tarbaayinoota isaa lamaan hojii omisha humna elektirikaa eegaluun ibsamun isa ani yaadatama.












