Komiin gaazexeessitoota Dimitsa Wayyaanee hojii gadhiisise maali?

Madda suuraa, Getty Images
Tibbana gaazexeessitoonni hedduu Dhabbata TV fi Raadiyoo Dimitsa Wayyaanee kan qabeenyummaansaa kan TPLF ta’e hojii gadhiisaniiru. Kaanis gadi dhiisuuf xalayaa galfachuun dhagahameera.
Gaazexessitoonni kunneen hojiisaanii gadi dhiisuuf akka sababaatti kan kaasan ‘‘bilisummaa ogummaa dhabuu’’ jedhu yoo ta’u, buufatichi kan ejjannoon dhaaba tokkichaa ittiin calaqqisiifamudha jechuun himatu.
Buufatichi torban darbe keessa ergaa toora Facebook isaarratti barreesseen, gaazexessitoonni sababii rakkoo naamusaan kan ari’atamaniifi gaaffii miindaatiin kan gadi dhiisan ta’u ibse.
Dhaabbanni Dimitsa Wayyaane kan waggoota 40’f tamsaasarratti argamu, hojjattoonni isaa gadi dhiisaniin kan bahaa jiran ALI bara 2014 irraa jalqabee ta’u hojjattoonni dhaabbatichaa BBC Tigrinyaan dubbisee himaniiru.
Gaazexessitoonni kunneenis bilisummaa ogummaa dhabuufi rakkoo hojimaata dhaabbatichaa kan himatan yoo ta’u, dhaabbatichi gama isaatiin, kan ‘‘filannoo jireenyaa fooyyee qabu barbaachaaf’’ gadi dhiisan jechuun himannaasaanii kuffiseera.
Maddeen dhaabbaticha keessa hojjatan irraa mirkanneeffachuun akka danda’ameetti, yeroo ammaatti gaazexessitoonni fedhiisaanitiin hojiisaanii gadhiisuuf xalayaa galfatan hedduudha.
Haaftoom Haayilee Dimitsa Wayyaanee keessatti mindeeffamuun hojjachuun kan eegale ALI bara 2012 irra eegaleeti. Bara kana dhuma baatii Amajjii irratti garuu dhaabbaticha gadi dhiisuuf xalayaa galfateera.
Wayita hojii gadhiisuuf xalayaa galfataniitti himannaan naamusaa isaafi hiriyootasaa kaan irratti dhiyaate kun akka hin turre dubbata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haaftoom Dimista Wayyaaneen waraanni Tigraay keessatti gaggeeffamaa ture dhaabbachuu hordofee yaadawwan garaa garaa keessumeessuuf kan hin barbaadne ta’aa dhufuu kaasuudhaan komii dhaabbaticharratti qabu ibsa.
Itti dabalunis, ‘‘hojiin gaazexessitootaa ejjannoo siyaasaatiin kan xinxalamu ta’u fi dhaabbata bulchiinsa bilisummaa daangeessuu qabudha’’ jechuun himata.
Kana malees, keessattuu erga dureewwan TPLF mootummaa federaalaa waliin Piitoriyaatti waliigaltee nagaa mallatteessaniin booda, himannaawwan sababii waraanaatiin raawwataman jedhaman kan humnoota feederaalaa xuqan yoo ta’e akka hin keessummeessifamne akka taasifamu kaasa.
Haaftoom gabaasaalee dhaabbata keessa hojjatuun dabarsuu hin dandeenye miidiyaa dhuunfaa isaarratti barreessuun isaafi itti gaafatamtoota isaa jidduutti wal dhabdeen umamuu dubbata.
Torban darbe keessa ammoo qajeelfamni hojjattoonni dhaabbatichaa itti-fayyadama miidiyaa hawaasummaa irratti hordofuu qaban baheera.
Sagantaalee tibba tamsaasaatti danqaman
Waggoota shanan darbaniif dhaabbata TV fi Raadiyoo Dimitsa Wayyaanee keessa hojjataa kan tureefi kan Sadaasa bara 2014 irratti gadi dhiisee kan bahe, sadarkaan isaa qopheessaa gargaaraa kan ta'e Kaasaayi Mallas akka jedhutti, sagantaaleen tamsaasaaf qophaa’an hoggantoota TPLF akka hin aarsine jedhamuun akka dhiifaman dubbata.
‘‘Sagantaan gammoojjii tokkootti af-gaaffii taasisee fide bara 2013 keessa kan gonkumaa hojii gaggeessaa gammachisee hin turre. Erga yeroo jalqabaatiif dabarfameen booda kutaan lammaffaasaa akka hin dabarre dhorkame.’’
Erga dirree irraa deebi’een booda sababii saa wayita gaafatuutti aanga’aan TPLF maqaan dhagame tokko sababa ta’u akka itti himame dubbata.
Isaan booda garuu gaaffiiwwan dhiyeessu garaagaraatiif deebii sirrii waan dhabeef gadhiisuuf sababa ta’u dubbata.
Haaluma walfakkaatuunis, gaazexeessaa Mahaariin yeroo waraanaatti, dokmantarii filmiin mata duree ‘mukukkula (ramaxi)' jedhuun hojjatee ture kutaan jalqabaasaa erga darbeen booda kan ittaanu qilleensa irra akka hin oolle dhorkamuu kaasa.
TPLF Waxabajjii bara 2013 deebisee Maqalee erga to’ateen booda, miidiyaalee qabachuun ogeessoota irratti ‘ukkaamsaa cimaa’ raawwataa jiraachuu dubbatu gaazexeessitoonni.
‘‘Dhaabbatichi kan yaada ukkaamsuu…kan gahumsa ogummaa hin qabneen kan hogganamu waan ta’eefi anarratti dhiibbaafi cunqursaan waan narra tureefan dursee gadhiise.
‘‘Dhaabbichi imaammata iditooriyaaliitiin osoo hin taane fedhii namoota dhuunfaatiin waan hogganamuuf kanneen gara garbummaa hin barbaachifne seenan jiru’’ jedha Kaasaayi BBC Tigrinyaatti wayita dubbateetti.
Taateewwan kanneen hordofuunis ogeessoonni bilisummaa xiin-sammuu itti hin dhagahamu kan jedhu gaazexessaan kun, miindaan waggoota lamaan darbaniif hin kanfalamaniif ture qabachuun akka meeshaatti ittiin doorsisu jedha.
Dhaabbatichi maal jedha?
Dhaabbanni TV fi Raadiyoo Dimtsa Wayyaanee yeroo ammaatti tamsaasawwan dambalii gabaabaa fi FM dabalatee, Afaan Oromoo, Tigriffaa, Amaariffaafi afaanoota kaan biraatiin tamsaasa TV karaa saatalaayitiin kan qabudha.
Hojii gaggeessaa dhaabbatichaa kan ta’an Obbo Abbaadii Gabrasillaasee, himannaa fi komii gaazexeessitoonni dhiyeessan kana ilaalchisee deebii akka kennaniif irra deddeebiin bilbila harkaasaaniirratti bilbilamuufis ammatti argachu hin danda’amne.
Buufatichi torban darbe guyyaa Kibxataa irratti dhimmicha ilaalchisee Facebook isaa irratti ibsa baaseen garuu, dhaabbatichi editoriyaaliin kan hoogganamu ta’u ibsuun, kanaan alatti, ''bilisummaan dhabe, nan ukkaamfame kan jedhu waltajjii dhaabbatichaa kamu irratti nu hin mudannee’’ jechuun himannaa irratti dhiyaatu kufaa taasiseera.
Qaamoolee dhimmicharratti yaadasaanii ibsaa jiraniifiis waggoota lamaan darban ta’e, erga dhaabbatichi deebisee hojiisaa eegalee as, ‘‘kan guyyaa tokkoof illeen hojii hin hojjatiniidha.
''Dimitsa Wayyaaneedhaan mindaan kan kanfalamu waan hinjirreef, mindaa barbaacha hojii geeddaratan’’ jechuun deebii kennan.
Kana malees, tibba waraanni gaggeefamaa tureetti ‘‘kan naamusaan ari’atamanis jiru’’ jedhe.
'Miidiyaaleen yaada ni jibbu'
Guraandhala 28, bara 2015 baruma kana dhaabbatichatti gaaffii hojii gadhiisuu kan dhiyeesse qindeessaan kutaa Afaan Amaaraa fi miseensi koree Editoriyaalii, Angasoom Abrihaa, gaazexessitoonni hanga ammaatti gadhiisan hanqina hoggansaatiin miti dubbiin jedhu cimsee qeeqa.
‘‘Ani hangan beekutti, dhaabbata keenya keessa dhimmi ibsa barbaachisu yoo jiraate, koree editooriyaaliiti kan ejjannoo fudhatee ibsa itti kennu.
''Haata’u malee kun adeemsa hin baramneefi tarii ilaalcha dhuunfaa dhaabbaticha keessa jiru kan agarsiisu ta’u danda’a’’ jechuun irra deebiin hoggansa dhaabbatichaa komata.
‘‘Ibsi bahe hojjattoota gadhiisan keessaa gara caalu hin ibsu,'' jechuun morma. Inni mataansaa dhiibbaa jiru irraa kan ka’e kanneen hojiisaanii gadhiisan keessaa tokko ta’u dubbata.
‘‘Miidiyaaleen Tigraay yaada sodaachuu qofaa miti ni jibbu’’ kan jedhu gaazexeessaa Haaftom, ‘‘…sodaan kanarra nu buuseera. Lubbuu nu kanfalchiseera. Kana caalaa maal kanfalla?’’ jechuun gaafata.
“Kanaafu gaaffiin keenya yaadawwan Tigraay jiran hundi haaluma editoriyaaliitiin haa kessummeeffaman, bilisummaan haa eegamu, miidiyaaleen olaantummaa garee tokkoon hin hogganamiin.
''Kun Dimitsa Wayyaaneerratti ifatti kan mul’ate ta’ulleen, rakkinichi hunda bira akka jiru ifaadha’’ jedha.
Gaazexeessaa Mahaarii Salamoon gamasaatiin, yeroo ammaatti tarkaanfiin gaazexeessitoonni fudhatan kunis rakkoo bu’uuraa miidiyaalee keessa jiru kan furu ta’u baatulleen, kun akka jijjiiramuuf kanneen barbaadan hundaaf bilbiltuu dammaqiinsaati jedha.












