Humni Waloo shakkamtoonni biyya alaa jiran akka dabarfamanii kennamaniif hojjechaan jira jedhe

Hasxaawwan qaamolee nageenyaa mootummaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Humna Waloo Nageenyaafi Tasgabbii

Humnoota finxaayellii biyya alaa maandheffachuun mootummaa naannoo Amaaraafi Federaalaa humnaan kuffiisuuf socho'an akka dabarfamanii kennamaniif hojjechaa jiraachuu mootummaan Itoophiyaa beeksise.

Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii qabeenya namoota sirna Heera mootummaa humnaan diiguudhaaf dhoksaan socho'aa turan jedhes to'achuudhaaf akka jiru himeera.

Humni Waloo dhaabbileen nageenyaafi tasgabbii gurguddoo biyyattiirraa ijaarame kun Dilbata Ebla 30 ibsa baaseen humnoota finxaaleyyii dhoksaan gurmaa'un gochaa shororkeessummaarratti bobba'an 50tti siqan meeshaalee waraanaa garaa garaa wajjin to'achuu himuun, 10 ol kan ta'an ammoo akka barbaadamaa jiran ibseera.

Biyya keessafi ala taa'anii oduu sobaan biyya diiguuf kanneen hojjataniifi dhoksaan gurmaa'anii gochaa shororkeessatti kanneen bobba'an irratti qorannoon gaggeeffamaa akka jiruufi humnoonni shorokeessaa jedhaman kunneen biyya keessa jiraatanii poolisii idil-addunyaa (interpol)dhaan, akkasumas dhaabbilee nageenyaa biyyootaa waliin ta'uun dabarfamanii kennamuun akka seeratti dhiyatan gochuuf cimsee akka hojjatu beeksiseera mootumman.

Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Itoophiyaa ibsa baasen akka himetti, shakkamtoonni kunneen anga'oota olaanoo naannoo Amaaraa ajjeessuurratti qiyyeeffachuun sirna mootummaa humnaan erga diiganii booda caasaa mootummaa naannichaa to'achuun mootummaa Federaalaa humnaan fonqolchuuf biyya keessafi alaatti gurmaa'un qindoominaan hojjataa osoo jiranii irra gahuu beeksise.

Himni waloo kun Ebla 28 akka ibsetti, humnoota finxaaleyyii naannoo Amaaraatti aangoo naannichaa humnaan qabachuuf socho’an irratti tarkaanfii seeraa keessa deebii hin qabne fudhachaa jiraachuu beeksisee ture.

Ibsa har'a miidiyaa biyya keessaf ergameen ammoo itti fufee tarkaanfii fudhataa akka jiru himuun namoota dhuunfafi miidiyaalee kanarratti hirmaatan adda baasun ibseera.

Damee siyaasaa, loltummaa, intelejansii, faayinsaansiifi miidiyaa garee finxaaleyyii kanaa kan hogganu nama Dr. Wandosan Asaffaa akka ta'e ibsichi eerera.

Dameen kun miseensa diyaasporaa finxaaleeyyii ta'an 16 biyyoot garaa garaa jiraatan waliin hidhata uumun deeggarsa loojistikiifi maallaqaa argatuun naannoo Amaaraa Bahaar Daar irraa kaasee hojii hidhattoota filuu, leenjisuu, hidhachiisufi bobbaasuu raawwachuun sadarkaa naannoofi Federaalatti hokkaraafi ajjeechaa akka raawwataniif ergama itti kennaa akka ture hordoffiifi qorannoo taasifameen bira gahamuu hima ibsichi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ajjeechaa guyyaa lama dura miseensa hojii raawwachiiftuufi itti-gaafatamaa wajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yashiixilaafi waahillan isaarratti raawwatame kan qindeessan hoggantoota garee finxaaleyii kanaa kan ta'an Ballaxaa Shaggaawu fi Mihirat Wadaajoo (Mirree Wadaajoo)ti jedha ibsi kun.

Dabaluunis, gurmaa'insa dhoksaa biyya keessafi alaatti tolfatan kanaan, aanaalee Amaaraafi naannoowwan biroo 130 ta'an keessatti namooota 450 filuun dhoksaan qopheessan fayyadamuun naannoo Amaaratti anga'oota uummanni filate humnaan maksuun caasaa ofiisaanii bakka buusuuf hojjataa akka turan bira gahamuu, ibseera humni waloo kun.

Kana malees, humnoonni finxaaleyyii kun humna nageenyaa naannoo Amaaraa hidhattoota ofiisaanin bakka buusuuf qophaa'anii turanis jedhame.

Gama biraan ammoo humnoonni finxaaleyii kunneen oduu sobaa uumun holola hamaa oofun sabaafi amantaan adda qoqqooduun uummata walitti buusanii mootummaa naannoofi Federaalaa kuffisuufis hojjataa turuusaanii ibsi humna waloo kun ni agarsiisa.

"Humnoonni finxaaleyyii heera mootummaa diiguuf socho'an kunneen, humnoota alaa farra nageenyaa ta'aniifi tokkummaa Itoophiyaa hin barbaanne waliin ta'uun mootummaa humnaan kuffisuuf osoo hojjataa jiranii to'atamanii qorannoon irratti gaggeeffamaa jira," jedha ibsi Humna Waloo kun.