Mootummaan ‘humnoota finxaaleyyii’ irratti tarkaanfii fudhachuu eegaluu beeksise

Madda suuraa, INSA
Humni Qindaa’aa Waloo Nageenyaa fi Tikaa Itoophiyaa ‘‘humnoota finxaaleeyyii’’ naannoo Amaaraa keessatti humnaan sirna heeraa diiguudhaan aangoo naannichaa qabachuuf yaalaa jiru jedheen irratti tarkaanfii cimaa fudhataa jiraachuu beeksise.
Humni qindaa’aa waloo kan Tajaajila Tikaafi Nageenya Biyyaalessaa (NISS), Raayyaa Ittisa Biyyaa, Komishinii Poolisii Federaalaa fi Ejjansii Nageenya Neetiworkii Odeeffannoo (INSA) kan hamate kunis, tarkaanfii keessaa hin deebi’amne fudhachuu eegalu malee dhimmicharratti gadi fageenyaa kan jedhe hin jiru.
Haata’u malee tarkaanfii fudhataa jiru ilaalchisuun ‘‘hojiin ummatatti beeksiisuu wal jalaan kan itti fufuudha’’ jedheera.
Humni waloo ibasa Jimaata Ebla 28, 2023 galgla karaa miidiyaalee mootummaatiin baaseen, ‘‘humnoonni ummata Amaaraaf waan loolan of fakkeessan, gareewwan biyya keessaafi biyya alaatti ijaaraman waliin qindaa’uun ijoollee naannichaa bara rakkoo deebisanii nyaataa jiru,’’ jedheera.
Ibsi humna waloo kunis kan kenname erga miseensi hojii raawwachiiftuu fi Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhina damee naannoo Amaaraa kan turan Obbo Girmaa Yeshixilaa Kamisa darbe hidhattoota mootummaan ‘‘finxaaleeyyii’’ jedhuuniin ajjeeffamaniin boodha.
Aangaa’an olaanaan paartii biyya bulchaa jiruu Obbo Girmaa Yeshixiilaa, Dabira Birhaan keessa hojiiwwan misoomaa daawwachuun osoo gara bakka dhaloota saanii Mahaal Meedaa deemanii deebii’aa osoo jiranuu haleellaa qaamoolee hidhataniin irratti banameen isaan dabalatee namoonni shan Ebla 27, 2023 lubbuu dhabuu maddee mootummaa naannichaa mirkanneessun ni yaadatama.
Ibsi humni waloo baasee kunis, ‘‘humnootiin finxaaleeyyii kunneenis tibbana Ittaanaa Pirezidantii naanncihaafi ilma kutataa ummataa ta’e ajjeessuun gochaa fokkiisaa isaanii mirkanneessaniiru’’ jedheera.
Itti dabalunis, ‘‘ajjeechaa sukkanneessaan Obbo Girmaa Yeshixilaa irratti raawwatame kunis eenyummaa dhugaasaanii kan saaxilee fi ummanni naannichaa fayyadamaa misoomaafi nagaa akka hin taanee akkasumas jireenya tasgabbaa’aa akka hin qabaan fi murteewwan mootummaa akka hojiirra hin oolfamneef kanneen danqaa uumaa turaniidha’’ jedheera humni waloo kun isa baasee kanaan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Humni waloo kunis, gareewwan maqaadhaan hin eeriin kunneen ‘‘adeemsawwan jaarsummaa naannichatti raawwataman dhiibuufi kann fudhatan fakkaachuun haala qindaa’een sochiilee seeraan alaa isaanii itti fufaniiru’’ jechuun himateera.
Ajjeechaan aanga’aa mootummaa kanaatis Ministira Mummee Abiy Ahimad dabalatee naannooleefi qaamoolee siyaasaa bebbeekkamoon balaaleeffatameera.
MM Itoophiyaa Abiy Ahimad ajjeechaa aanga’aa kanaa ilaalchisee ibsa gaddaa baasaniin, ‘‘finxaleeyyii garaa garummaa yaadaa karaa mariitiin furuu hin dandeenyeetu qawweedhaan gochaa qaaneessaa fi sukkaneessaa kana raawwate,’’ jechuun isaanii ni yaadatama.
Haaluma walfakkaatunis naannoo Amaaraa ibsa ajjeechaa Obbo Girmaa ilaalchisuun guyyicha baaseen, gochaa seera maleessuummaa fi shororkaa humnootiin finxaaleeyyii kunneen naannicha keessatti raawwataa jiran dhaabuudhaaf naannichi hojii seera kabachiisuu akka raawwatu ibsuun ni yaadatama.
Kana malees humnoota ajjeechaa aanga’aa kanaa raawwataniifi qaamoolee haleellaa raawwatame sana keessatti waliin ta’an seeratti dhiyeessuun haqa mirkanneessuuf akka hojjadhu dhaadate ture.
Ittigaafatamummaan olaantummaa seeraa biyyaafi naannicha keessatti mirkanneessuun kan mootummaa waan ta’ef, humnit waloo ‘‘gareewwan, dhaabbilee fi dhamoota dhuunfaa seeraan alaa karaa maallaqaa fi yaadaatiin gareewwan kanneen deeggaraa jiran irratti tarkaanfii keessa hin deebii’amne fudhataa jiras’’ jedhe ibsi humni waloo baase kun.
Humni finxaaleeyyii kunneenis osoo naannoo Amaaraa keessatti hin daangeeffamiin, akka biyyaatti mootummaa humnaan aangoorraa buusuun kan hin raawwatiin hin turree kan jedhe ibsi kun, gareewwan kunneenis daandii badii saanii kanarraa akka deebii’aniif irra dedebiin carraa kennameefiitti fayyadamu irra gochaa seeraan alaa isaanii itti fufuu ibseera.












