Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gondar Kibbaatti namoonni shan ajjeefamanii manneen baayyee gubachuu jiraattonni himan
Naannoo Amaaraa godina Gondar Kibbaa aanaa Istee bakka Agonaa jedhamutti 'magaalaa gandaa' keessatti A L I Wixata Ebla 7, 2016 walitti bu'insa hidhattota Faannoofi humnoota mootummaa gidduu ture hordofee jiraattonni ajjeefamuufi manneen baayyeen gubachuu maatiin warra miidhameefi warri ijaan argan BBCtti himan.
Aanaalee Gondar Kibbaa warra akka Gaayint, Moojaa, Isteefi Simaadaa jedhamaniif wiirtuudha kan jedhamtu Agonaatti hidhattoonni Faannoofi humnoonni mootummaa "akka tasaa karaa irratti walitti ba'anii" walitti dhukaasuu hordofee haleellaan kun jalqabuu jiraattonni afur ibsaniiru.
Hidhattoota Faannoo aanaa Isteerraa dhufaa turan jedhamaniifi humnoota mootummaa gara aanaa Gaayint deemaa jiran walitti bu'uu hordofee namoota nagaafi manneen irratti haleellaan raawwatamuu jiraattonni dubbataniiru.
Ajjeechaan kun A L I Wixata Ebala 7, 2016 ganama sa'aatii sadiirratti akka raawwate kan himu jiraaataan bakka sanaa, " walitti dhukaasa tureen humnootiin mootummaa miidhaan waan irra gaheef haleellaa akka raawwatan" dubbata.
Jiraataan Agonaa tokko ammoo "akka tasaa daandii konkolaataafi ganda keessatti kan argan dubartii tokkoofi dhiirota shan rukkutan" jechuun waa'ee halaallaa sanaa dubbata.
Haleellaa kanaan obboleessi isaanii umuriin isaa waggaa 22 ta'e akka jalaa ajjeefame BBCtti kan himan abbaan amantaa tokko, obboleessi isaanii quxisuun mana puulii keessa dhokatee ture keessatti hiriyyoota isaa sadii waliin ajjeefamuu himu.
Obboleessi isaanii kun "osoo lubbuun hin ba'iin" bira gaheen ture kan jedhan jiraataan maqaan isaanii akka hin dha'amne barbaadan kun, wallaansi fayyaa taasifamuufillee lubbuun ooluu hin dandeenye jedha.
Sirni awwaalchaa namoota du'an kanneenii A L I Kibxata sa'aatii ja'a irratti bataskaana Agonaa Maariyaam keessatti akka raawwatame abbaan amantaa kun himaniiru.
Ajjeechaa kana kan raawwatan miseensota humna ittisaa ta'uu kan himan jiraattonni, warra haleellaa raawwatan kana uffata dambii isaaniifi konkolaataa isaaniitiin adda baasuu akka danda'an dubbatu.
Ajjeechaa kanaaf sababiin ammoo Faannoo deeggartu kan jedhu akka ta'e himu jiraatonni.
Haleellaa raawwatameera jedhame kanaan manneen 18 gubachuu jiraattonni BBCtti kan himan yoo ta'u, manneen gubatan jedhaman kanneen suurri isaanii miidiyaa hawaasaarratti kan mul'ate ta'us garuu BBCn addatti sirrii ta'uu isaa mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Ajjeechaa jiraattotarratti raawwatmeefi manneen gubatan jedhame kanarratti yaalii BBCn bulchiinsa Gondar Kibbaafi Komaand Postii bakka sanaarraa deebii argachuuf taasise hin milkoofne.
Mootummaan Federaalaa hidhattoota idleen aladha jedhaman hidhannoo hiikkachiisuu murteessuu hordofee, hokkarri naannoo Amaaraa keessatti uumame kutaalee naannichaa gara garaa keessatti erga babal'atee waggaa tokkotti dhiyaateera.
Walitti bu'insa raayyaa ittisa biyyaa naannichatti bobba'eefi hidhattota Faannoo gidduutti gaggeeffamuun lubbuun namoota baayyee darbuu isaa gabaasaaleen yeroo gara garaatti ba'an ni mul'isu.