Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nannoo Kibba Itoophiyaa Godiina Koreetti hidhattoonni namoota afur ajjeesan
Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Koreetti haleellaa hidhattoonni godina "Gujii Lixaa keessaa bahan’’ jedhaman raawwataniin ijoollee ol adeemoo sadii dabalatee walumatti namoonni afur ajjeefamuu jiraattoonnifi qondaalli mootummaa BBCtti himan.
Bulchiinsi godina Koree ibsa baaseen, du'a ''qonnaan bultoota namoota nagaaf'' ka’umsa kan ta’e ''garee hidhattoota finxaaleyyii fi farra nagaa godina Gujii Lixaa keessa socho'u'' jedhe.
Naannoon Kibba Itoophiyaa hundeeffamu dura ‘’Aanaa addaa Ammaaroo’’ jedhamee bakka beekamu, godina Koree Aanaa Gorkaa ganda Qobboo keessatti haleellaan kun Dilbata kaleessaa qaqqabuu bulchaan gandichaa Obbo Mangistuu Makuriyaa BBCtti himan.
Bulchaan gandicha fi namoonni lama biroo akka jedhanitti, jiraattonni naannoo sa'aatii shaniitti loon lafa dheedichaatti otoo geessanii haleellaan irra qaqqabe.
Jiraataan gandicha Obbo Aggafarii Mangeshaa jedhaman akka himanitti, namni haleellaan irraa gahe tokko umriin isaa ganna 14 yoo ta’u, lamaan isaanii umriin waggaa 17 hanga 19 gidduu ta’u jedhan.
Jiraataan gandicha kan biraa Misgaanaa Tammiraat jedhamu akka himetti, namoota ajjeefaman keessatti ijoollee ol adeemoon ni argamu.
Obbo Aggafaariin akkas jedhan ''Isaan [hidhattoonni] halkan tokko duraa seenanii iddoo qabatan. Kilaashii torba hidhatanii dhufan.
Namoonni ajeeffaman loon tiksuu osoo deemaanii; bakka Qollaa jedhamutti dhukaasa jalqaban," jechuun haala haleellaan itti raawwatame ibsan.
Hidhattoonni sun loon fudhachuuf yaalaniillee, jiraattonni sagalee dhukaasa qawwee dhaga'anii birmatan loon deebisuu jiraattoonni himan.
Bulchaan gandichaa fi jiraattonni hidhattoonni haleellaa raawwatan naannoo Oromiyaa godina Gujii Lixaarraa dhufuu himan.
Ibsa gaddaa bulchiinsi Godina Koree kaleessa galgala baaseen; "Humnoota finxaaleyyii fi farra nagaa Gujii Lixaa keessa socho'anitu qonnaan bultoota ajjeese’’ jedhe.
Ibsichi akka jedhutti, ji'a Eblaa kana uummata Koree keessaa namoonni ‘’hedduun’’ ajjeefamu eere.