Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ilmi Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa dhuguma ajjeefamee?
Miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo kan ta'e ilmi Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa tarkaanfiin irratti fudhatamuu mootummaan ibsee ture. Abbaan Gadaa Goobaanaa Hoolaa garuu ilmi isaanii du'uu waan mirkaneeffatan akka hin qabne BBCtti himan.
Kominikeeshiniin Godiina Arsii Lixaa Ebla 14, 2024 fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti akka gabaasetti ilmi Abbaa Gadaa Goobanaa Hoola Godina Arsii Lixaa, Aanaa Gadab Hasaasaa keessatti qaamolee nageenyaa mootummaan tarkaanfiin irratti fudhatamuu ibse.
Jechi ''tarkaanfiin irratti fudhatame'' jedhu yeroo hedduu ibsi mootummaa wayita ajjeechaa raawwatu itti fayyadamuudha.
Hidhataan kun "lubbuu namoota nagaa balleessuf socho'aa ture" jechuun gabaase waajirichi.
"Godina Arsii Lixaa, Aanaa Gadab Hasaasaa, Ganda Hulluuqqootti miseensa ABO Shanee kan ta'e ilmi Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa, Foollee Goobana Hoolaa kan jedhamu osoo lubbuu namoota nagaa balleessuuf socha'aa jiru tarkaanfiin irratti fudhatameera," jedha gabaasni godiinichaa kun.
BBCn maddeen isaarraa gaabasni kun dogoggora akka ta'e akeeku argateera. Dabalataanis, ilmi Abbaa Gadaa Goobanaa erga tarkaanfin irratti fudhatame jedhameen booda miidiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo wajjin hidhata qabu, Arraata Biyyaalessa Oromiyaarratti dhiyaachun waa'ee ajjeefameera jedhamuusaa gaafatamee, lubbuun jiraachuusaa mirkaneessera.
Miidiyaa kanarratti maqaa Foollee jedhamuun osoo hin taane, "Jaal Jiilchaa Goobanaa" jedhuuni kan dhiyaate. Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo maqaa qabsoon waamamuunsaanii waanuma baramaadha.
Miidiyaan Aarrata Biyyaalessa Oromiyaa turtii ilma Abbaa Gadaa Goobanaa wajjin taasise gaafa Ebla 19, 2024 tamsaase. Kominikeeshiniin Godiina Arsii Lixaa ammoo ilma Abbaa Gadaa irratti 'tarkaanfin fudhatameera' jedhee fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti kan maxxanse gaafa Ebla 14, 2024ti.
Arrati Biyyoolessa Oromiyaa waraabbii ilma Abbaa Gadaa kana yoom akka taasise BBCn waan mirkaneeffate hin qabu; garuu tamsaasa gaafa Ebla 19 irratti waa'ee 'tarkaanfii irratti fudhatameera' jedhee Kominikeeshiniin Godiina Arsii Lixaa gaafa Ebla 14 gabaasee gaafatamee 'dhara' jechuun deebiseera.
Abbaa Gadaa Goobanaan gama isaaniin ilma Foollee jedhamu akka qabaniifi dhuguma miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo akka ta'e BBCf mirkaneessun waa'ee du'asaatii akka hin mirkaneeffanne himan.
"Umuriin isaa gara 34tti deemaa jira amma. Yeroo Follee taphadhun dhalche nama kana, kanaafan Foollee jedhee maqaa itti baase. Namni naa ajajamu, jiruu naa hojjatu kanan itti bulu isa ture. Umurii ijoollummaatti manaa bahe.
"Ilma kiyyaan erga addaan baanee waggaa jaha, erga waggaa jahaatii dheengaddan suurumasaatuu arge ani miidiyuma hawaasaa irratti. Eessa akka jirus hin beeku. Waraana Adda Bilisummaa keessa jiraachuusaa nan beeka, garuu walitti dhufeenya hin qabnu, qaamuma ajjeesne jedhee gabaase sana osoo gaafattee hoo?" jechuun du'a ilmasaanii akkuma namaa miidiyaa hawaasarraa arguu malee akka hin mirkaneeffanne himan.
"Miseensi ABO shanee kun kanaan dura Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaafi Magaalaa Maqiitti gocha walfakkaataa raawwachaa kan tureefi aanaalee Maqii, Liiban, Booraa, Aqaaqiifi Sooddoo keessa socho’uun lubbuu qaalii ilmaan namaa galaafachaa kan ture," jedha gabaasni kominikeeshinii Godiina Arsii Lixaa.
Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa garuu waa'ee 'ajjeefamuu' ilmasaanii jedhame kanaas ta'ee waan mootummaan ittiin himatuu irratti odeeffannoo homaatuu akka hin qabneefi waggaa jaha dura erga manaa bahee wal-qunnamanii akka hin beekne himan.
"Ani Abbaa Gadaati hin sobu, ani quba hin qabu. [Lubbuun] jira jechuuf wal-quba hin qabnu. Erga waggaa jahaatii suura isaa dheengaddan arge [gaafa mootummaan ajjeefamuusaa miidiyaa hawaasaa gubbaatti ibse], erga waggaa jahaatii wal-qunnamtii hin qabnu, walii hin bilbillu.
Maddeen BBC ammoo odeeffannoon hidhataan ilma Abbaa Gadaa ta'e kun ajjeefameera jedhu dhugaa akka hin taane ragaa viidiyoo dhiyeessuun fudhatama dhabsiisaniiru.
Yeroo viidiyoon kun itti waraabame garuu BBCn addatti qulqulleeffachuu hin dandeenye. Ajjeefamuu isaas qaama sadaffaarraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Amma dura waajiraaleen mootummaa sadaarkaa adda addaarra jiran gabaasa booda soba ta'uun isaa mirkanaa'een hogganaan WBO Kumsaa Dirribaa(Jaal Marroo) ajjeefameera jedhu baasaa turan.
"Erga waggaa jahaatii achi keessa jira [Waraana Bilisummaa Oromoo keessa] kan jedhu oduun dhagaha malee homaa waan tokko waantin quba qabu hin jiru," jedhu Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.
Dabaluunis, "Oromoo maraaf gaddina malee ilma keenyaf waanti gaddinu hin jiru. Jiraatee du'ee waanti isaa gaddinu hin jiru, nuti jiruu Oromoon keessa jirutti gaddina," jechuun tarii du'a ilmasaanii dhagahanii yoo gadda taa'aniif jennee kan gaafanneef deebii kennan.
Ilmi isaanii kun yeroo manaa bahe dargaggeessa ganna 26 akka ture himu. Yeroo sana bultii akka hin dhaabbanneefi ijoolleesaanii keessaa torbaffaa akka ta'es himan Abbaan Gadaa.
Gama biraan ammoo Abbaa Gadaa Goobanaan yeroo garaa garaatti poolisiin mana saanii akka sakkatta'uufi dararaan irra gahu irra deddeebin himataa turan.
Ji'a Bitootessaa keessa manni jireenyasaanii ajaja mana murtii malee sakatta'amuu himatanii tura.
''Kutaa ani ciisu humna waraanaatiin [weeraranii] yaalii ajjeechaa narratti gaggeessan. Akka carraa ta'eemmoo ani galgalan achi ture malee, achi hin bulle'' jedhan.
''Waan argatuu malan dhabanii meeshaa abbaan kiyya natti dabarse tokko fudhatani. Maatiin kiyya naasuun baqate," jedhanii ture.
Hogganaan Qajeelcha poolisii magaala Maqii Komaander Mahaammad Suufaa miidhaan homaatuu Abbaa Gadaas ta'e maatii isaaniirra gahe akka hin jirre himuun, ''Warri mana sakattaa'aa turanii manasaa ta'uu hin beekne. Erga achii bahamee manasaa ta'uun barame'' jedhan.
Komaandar Mahaammad ilmi Abbaa Gadaa naannoo sanitti hoogganaa, ''Shanee'' ta'uun ''dhiiga dhangalaasaa oola'' jechuun BBCtti himanii ture.
Jalqaba torban kanaa irraa eegalee kutaalee Oromiyaa garaa garaatti qaamoleen nageenyaa mootummaafi hidhattoonni Waraanaa Bilisummaa Oromoo (WBO) walitti dhukaasaa akka akka turan jiraattoonniifi dhaabbileen siyaasaa ni himu.
Godinaalee Wallagga Bahaa, Shawaa Kibba Lixaa fi Shawaa Bahaa keessatti bakka adda addaa walitti bu'iinsi akka ture jiraattotni BBC'tti himaniiru.
Mootummaan gamasaatin godiinaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti tarkaanfii fudhataa jiruun hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo heddu harka kennachuun galaa jiru jechuun irra deddeebin ibsaa jira.