Ministirri Niiw Ziilaand dhuganii konkolaachisan, aangoo gadhiisan

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri haqaa Niiw Ziilaand erga balaan konkolaataa mudatee booda, dhuganii konkolaachisaa akka turan mirkanoofnaan, aangoo gadhiisan.
Dubartiin ganna 39 Kirii Alan, dhibaa'ummaan oofuu fi to'annoo jala ooluu diduun himatamaniiru.
Erga Sadaasa baranaatii ministiroonni kaabinee MM Kiriis Hipkins keessaa bahanii afur gahaniiru. Guraandhala keessa biyyattiin filannoo gaggeessiti.
Balaa konkolaataa Dilbata galgala magaalaa Weelingitanitti mudate kanaan, balaan lubbuus tahe miidhaan namaa hin qaqqabne.
Erga to'annoo jala oolanii, ministirri duraanii kun buufata poolisiitti sa'aatii afuriif erga turanii booda gadhiifaman.
Dhiyeenyattis mana murtii dhiyaatu jedhamee eegama.
MM Hipkins, qondaalli kun "mirrii ishee hamaatti jeeqameera'' jechuun kan himan ogguu tahu, ammatti garuu miseensa paarlaamaa akkuma tahanitti fufu.
Qondaalli kun dhiyeenyatti "rakkoo dhuunfaaf" jecha boqonnaa fudhachuun, Wiixata dabre ture kan hojiitti deebi'an.
Michuusaanii wajjiin ji'a dabre keessa gargar bahuu kan ibsan ennaa tahu, namoota isaan jalatti hojjatan wajjinis hariiroo gaarii hin qaban jechuunis himatamu.
Aadde Alan ibsa baasaniin, paarlaamaatti kan deebi'an rakkoo dhuunfaatti mudatu, hojii wajjin deemsisuu akka danda'an amanuun akka tahe himan.
"Gochaan koo kaleessaa akka nagaa hin taane agarsiisa," jechuun, egeree siyaasa keessatti qabanis irra deebiin akka ilaalan beeksisan.
Aadde Alan paartii siyaasaa 'Labour' keessa kanneen maqaa guddaa qabaniifi egeree guddaa qabu jedhaman keessaa turan.
MM duraanii Jasindaa Ardan barana aangoo ennaa gadhiisan, isaan hordofanii aangootti dhufu jedhanii kanneen abdataman keessaa turan.












