Qondaalli dhugdanii hin oofiinaa jedhan machaa'ee osoo oofuu qabaman

Biraayaan Koolb

Madda suuraa, Ontario County Sheriff's Office

Qondaalli Ameerikaa gaazexaarratti namoonni dhugaatii erga dhuganii booda akka konkolaataa hin oofne akeekkachiisaa turan tokko osoo torban tokkohinguutiin ofiisaatiin machaa'ee osoo konkolaachisuu to'annaa jala olfamuun dhagahame.

Biriyaan Koolb qondaala olaanaa warra Rippablilikaanaa Gumii Niiw Yoork yoo tahan jala bultii bara haaraatti machaa'anii osoo konkolaachisuu, konkolaataan isaa jalaa caccabseera.

Torbee tokko dura, ''Gaddi hamaan murtoo badaa taherraa dhufa. Kanaaf nama itti gaafatamummaa malee oofuuf dhiifamni hin jiru,'' jedhanii turan.

Mr Koolb nama ganna 67 yoo tahan erga to'annoo jala ooleen booda, ''maaloo dhiifama naaf godhaa,'' jedheera ummataan.

''Kuni of tuulummaa kooti,'' kan jedhan qondaalli kuni, ''isa ani raawwadhee argamef itti gaafatamummaa guutuun fudhadha,'' jedhaniiru.

''Kana akkasi jedheen ibsuu hin danda'u murtoo dogoggora dha. Kanaan nan gaabba,'' jedhan.

Bulchaan Kaawuntii Ontaariyoo Shariif Keeviin Obbo Koolb konokolaataa lakkoofsa gabatee mootummaa qabu dha kan isaan oofaa turan.

Ergasii qorannoon yeroo taasifamu darbuu hin dandeenye. Kanaaf, akka dhugan ni barame jedhan.

Miseensa Rippablikaanaa kan tahan Keeyiraan Laaloor gumii akka gad-lakkiisanif waamicha dhiyeessaniiruufi.

''Amma yoonaa gadhiisuu dhiisuun isaanii nama gaddisiisa,'' jedhan.

Obbo Koolb gaazexaarratti waa'ee dhugaatii kan barreessan baatii ittisa dhuganiifi xuuxanii oofuu kan Muddee 24 kabajamu yaadachuuf ture.

Namoonni erga dhuganiin booda ofii oofuurra tajaajila geejibaa uummataa akka fayyadaman himanii turan.

''Dhuganii oofuun nama isa oofuuf qofa osoo hin taane, imaltoota, lafoo warra deemaniif konkolaataa biraa warra oofaniifis balaa dha,'' jechuun turan kan barreessan.

''Dura dabarsanii yaaduu, otoo hin dhugiin dura karoorsun waan itti gaabbinu hambisuu dandeenya,'' jedhaniiru.