MM Finlaand shubbisarratti argamte qoricha sammuu adoochu fudhachuu malti jedhamee qoratamtus bilisa taate

MM Finlaand

Madda suuraa, LEAKED VIDEO/SCREENSHOT

Ministirri Muummee Finlaand, Saanaa Maariin, qoricha sammuu adoochurraa bilisa taate.

Dubartiin umuriin ishee ganna 36 taate kun mana shubbisaatti sirbaa osoo jirtuu argamte qoricha sammuu aduuchu fudhachuu malti jechuun akka qoratamtu gaafatamuu hordofeeti kan qoratamte.

Bu’aan qorannoo ministirri muummee kun qoricha nama adoochu akka hin fudhanne mirkaneesse jedhe mootummaan biyyattii.

Qorannoon kuni eega sagantaa bashannanaa tokko irratti shubbisaa, sirbaafi osoo dhugduu mul’atte boodadha.

Taateen kana agarsiisu viidiyoo dhoksaan waraabamee baheen saaxilame. Kanaanis, hedduu qeeqamte. 

Viidiyoo miidiyaa hawaasummaa irratti bal'inaan qoodame kanaan qondaalli kun hiriyyootashee bebbeekamoo Finlaand waliin osoo 'of gadhiistee' bashannantuu ture kan mul’atte. 

Eegasii dursaan paartii mormituu tokko ammoo ministirri muummee kun, "qoricha sammuu namaa adoochu [fudhachuu waan dandeessuuf] qortamuu qabdi" jechuun gaafatan.

Eegasii gaafa Jimaataa qorannoon qoricha sammuu hadoochuu gaggeeffame. Bu’aan qorannoos gaafa Wiixataa barame.

Ibsa mootummaan Finlaand har'a baaseen qorannoo taasifameen qorichi keessatti hin argamne jedheera.

Saanaa Maariin erga torban darbe viidiyoo dhokfamee baheerratti shubbistuu mul'atte booda ijoo dubbii taateetti.

Qorannoo dura qoricha akkanaa fudhattee akka hin beenne, garuu dhugaatii dhuguu himte.

Ibsi mootummaa Ministirri Muummee Saanaan baasii qorannoo kanaa ofumaa danda'u ibse.

AFP'n kan waabeffate gorsituu addaa aangawaa kanaa kan taate Iidaa Vaaliin, fincaan MM Finlaand kokeenii, kaanaabis, oppiyoodiifi amphetamines yoo qabaate jedhamee qoratameera.

Garuu keessatti hin argamne.

Yeroo tokko dargaggoo umrii xiqqoon bulchituu biyyaa ta'un maqaan kan eerame aangawaan kuni festivaalota muuziqaa irratti hirmaachuun yoo bashannantu mul'achuun waan haaraa miti.

Jalqaba baatii kana gaazexaan Jarman Bild jedhamu MM Finlaandiin ''ministira muummee shaggee addunyaa keenyaa'' jechuun jajeera.

Saanaa Maarii eenyudha?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Saanaa Maariin bara 2019 Ministira Muummee Finlaand ta’un muudamte.

Yeroo filamtu hoggantuu biyyaa umriidhaan xiqqoo turte, maaltu akka ishee eggatus namuu hin beeku ture.

Magaalaa Pirkkaalaa jedhamtu kan kibba-lixa biyyattiitti argamtu keessatti yoo guddattu, haatishee abbaashee dhugaatii baay'isu waliin wal hiiktee qofaa ishee guddiste.

Kanaaf Sanaa Maariin maatii ishee fi of deeggaruuf hojii gurgurtaafaa hojjetti ture. Deeggarsa mootummaan kennuunis fayyadamaa turte.

Barsiistuunshee mana barnootaa sadarkaa lammataa 'barattuu gidduugaleessaa' ishee jettiin ture.

Isheenis qabxii ishee fooyyessuuf jecha hojii manaa dabalataa akka kennamuuf gaafatti ture.

Gama siyaasaan dammaquu kan jalqabde yeroo umriinshee digdamoota keessa ture dha.

Of foyyeessurra darbitee kaaniis gargaaruu akka dandeessu hubatte.

Akeekni mootummaa Maariin duuba jirus kanuma dha, sagantaa wal-qixxummaa.

Hojii mana keessaa dhiiraafi dubartiin qixxee hirmaachuu, haleellaa saalaa mana keessaa dhabamsiisuu, garaagarummaa kaffaltii dhiiraafi dubartii gidduu jiru duuchuu, barnoota ijoolle harka qalleeyyii fi godaantotaa fooyyessuu fa'a.

Dhimma koorniyaa ofii geeddarachuun walqabatu irrattis haaromsi taasifamaa jira.

''Namni kamiyyuu eenyummaa ofii murteessuuf mirga qaba sagantan keenyi immoo kana ni deeggara,'' jetti Sanaa Maariin.