MM Finlaand osoo shuubbistuu mul'atte irratti qorannoon qoricha sammuu hadoochuu gaggeeffame

MM Finlaand Saanaa Mariin

Madda suuraa, Leaked video/screenshot

Ministirri Muummee Finlaand, Saanaa Maarii, Jimaata har'aa qorannoo qoricha sammuu hadoochuu fudhachuuf dhiisuu ishee adda baasu gaggeessu himte.

Saanaa Maariin qoricha sammu hadoochu fudhattee akka hin beekne himteetti.

''Qorannoo qoricha sammuu hadoochuu har'a taasiseera, bu'aan isaa torbee tokko keessatti kan baramu taha,'' jechuun ibsa miidiyaaf kennite irartti himuu ishee kan gabaase Rooyitarsidha.

Saanaa Maariin, viidiyoo 'paartii' [sagantaa bashannanaa] dhoksaan waraabamee bahe tokko irratti osoo shubbistuu argamuun hedduu qeeqamte.

Viidiyoo miidiyaa hawaasummaa irratti bal'inaan qoodame kanaan qondaalli kun hiriyyootashee bebbeekamoo Finlaand waliin osoo 'of gadhiistee' bashannantuu ture kan argamte.

Viidiyoon kun erga gadhiifameen booda dubbii ijoo miidiyaaleen biyyattiis ta'eera.

Gocha ishee kanaaf paartii mormitoota irraa qeequmsi jabaan kan isheerra gahe yoo ta'u, dursaan paartii mormituu tokko ammoo ministirri muummee kun, "qoricha sammuu namaa adoochu [fudhachuu waan dandeessuuf] qortamuu qabdi" jechuun gaafateera.

Ministirri muummee umuriin ishee waggaa 36 ta'e kun garuu qoricha sammuu adoochu akka hin fudhatiin himuun, alkoolii garuu akka dhugdeefi garaa isheerraa akka shubbiste dubbatte.

Addunyaa irratti ministira muummee umuriin xiqqoo taate kun, shubbisuuf gara lafa bashannanaa deemuun ishee kun kan jalqabaa miti.

Kanaan duras festivaala muuziqaa gara garaa irrattis ifatti mul'atteetti.

Ministirri muummee Finlaand kun bara drbe Covid-19 qabamtee osoo jirtuu mana shubbisaa deemuu isheetiif dhiifama gaafattee turte.

Torban dabre barruun beekamaa Jarman Biild jedhamu Saanaa Maariin "ministira muummee addunyaa kana irratti filtamtuudha" jechuun weeddisee ture.

Ministirri muummee kun yeroo shubbisaa jiranitti viidiyoo akka waraabamaa turan akka hin beekne himuun, viidiyoon dhoksaan waraabamee uummata bira gahe kun garuu baayyee nama aarsa jechuun yaada ishee kenniteetti.

"Shubbiseera, sirbeera, akkasumas bashannaneera hundi isaayyu ammoo seera-qabeessadha. Ani bakka qoricha sammuu nama adoochu fudhatan deemee hin beeku, ana waliinis walitti hin dhiyaatu," jette ministirri muumee Finlaand kun.

Ministirri muummee Finlaand, Saanaa Maarii,

Madda suuraa, Getty Images

"Yeroo bilisa ta'e hiriyyoota kiyya waliin itti dabarsus nan qaba. Namoota umriin ani keessatti argamu waliin walfakkaata," jechuun gocha ishee kanaaf yakkamuu akka hin qabnellee falmatteetti.

Gaggeessaan partii mormituu Riikaa Puuraa ministirri muummee kun fedhii isheetiin qorannoo qoricha sammuu godhachuu qabdi jedhan.

Aanga'oonni paartii mormitoota biroon ammoo osoo dhimmoonni dursa kennamuuf qaban jiranii waa'ee shubbisaa odeessuun yeroo isaa miti jechuun ministira muummeefi miidiyaalee biyyattii qeeqaniiru.

Saaraa Maariin dhuma bara 2019 irraa kaastee Finlaand gaggeessaa kan jirtu yoo ta'u, hanga ammaatti paartiisheerraas deeggarsa guddaa qabdi.