Doktora Indiyaa 'machaa'ee' deessuufi daa'ima wallaanaa jiru ajjeese

Madda suuraa, Getty Images
Doktorri Indiyaa Kutaa Biyyaa Dhihaa Gujaraat jedhamtu tokko keessatti machiidhaan dubartii garaatti baattuuf wallaansa baqaqasanii hodhuu kennuu isaatiin to'annaa jala ooluu isaa poolisiin BBC'tti hime.
Daa'imni battaluma wallaansi baqaqasanii hodhuu gaggeeffametti kan lubbuun darbe yommuu ta'u haati ammoo xiqqoo turtee duute.
Poolisiin akka jedhetti qorannoo foolii hafuura kanaa irratti taasifameen doktorri kun dhugee machaa'ee kan ture ta'uun isaa mirkanaa'eera.
Du'aatiin kun sababii dhibaa'ummaatiin moo sababiiwwan fayyaa birootiin akka ta'e baruuf qorannoon gaggeeffamaa jira.
Namichi Dr PJ Lakhani jedhamu kun ogeessa fayyaa buleessaafi muuxannoo guddaa kan qabu yommuu ta'u waggoota 15 darban hospitaala mootummaa Sonavala jedhamu keessa hojjechaa tureera.
Deessuun wallaansa machaa'aa kanaan lubbuun ishee darbe maqaan ishee Kamini Chachi jedhamti Wixata alkan ciniinsuun qabee jennaan gara hospitaala kanaa fidan.
Miidiyaaleen biyyattii akka gabaasanitti maatii eeggachaa turan akka lubbuun daa'imaa darbe wayita itti himamutti haati ammoo dhiigni akka malee jigaa ture.
Maatiin gara hospitaala dhuunfaa geessuuf murteessanii yeroo geeffataa jiranitti karaa irratti akka duutellee dabalanii addeessaniiru.
Poolisiin BBC Afaan Gujaraatitti akka himetti Dr Lakhani maatiin akkaataa deessuun kun ittiin duute yoo baran na miidhuu danda'u jechuudhaan isaan waammate. "Yeroo nuti achi geenyutti machaa'ee isa argine, kanaafis to'annaa jala isa oolchineerra," jedhe qondaalli poolisii Goswami jedhamu.
Hospitaalichi sababii du'aatii haadhaafi daa'ima kanaa gadi fageenyaan akka qoratuuf koree hundeesseera.














