MM Abiy Hidha Abbayyaa 'marsaa dhumaa' guutuun milkaa'inaan xumuramuu ibsan

MM Abiy Hidha Laga Abbayyaa biratti

Madda suuraa, Office of the Prime Minister

Hidha Abbayyaa marsaa xumuraaf guutamuu Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad beeksisan.

‘’Bishaan guutuun marsaa afraffaafi xumuraa haala milkaa’aa ta’een xumuramuu yoon ibsu gammachuu guddaani,’’ jedhan Dilbata ganama X kan dura Tiwiitara jedhamuun ergaa dabarsaniin.

Hidha laga dheeraa addunyaa, Abbayyarratti, Itoophiyaan ijaarte waggoota sadan darban osoo Masriin mormituu guutaa turte.

Ibsi MM Abiy kun yeroo biyyoonni sadan: Itoophiyaa, Masriifi Sudaan dhimma guutinsa bishaaniifi oppireeshinii isaarratti marii gaggeessuu eegalanitti dhagahame.

Mariin tibbanaa erga MM Abiy Ahimadiifi Pirezidantiin Masrii Abdal Fattaah al-Sisiin wal arganii mariin eegalee baatii afur keessatti akka xumuramu waliigalan booda jalqabe.

Kana dura MM Abiy Ahimad akka ibsanitti taanaan barana hidha bishaan guutuun tureeti eegale.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X, 1

Ijaarsi hidha Abbayyaa Itoophiyaa kun waggoota kudhan dura kan eegale yoo ta’u, waggaa darberra kaasee elektirikii maddisiisuu eegaleera.

Haata’u malee, biyyoota yaa’a gadii keessumaa Masriifi Sudaan waliin ishee walitti buuseera.

‘’Lammiileen Itoophiyaa wal taanee hojjechuu keenyaan Uumaan nu gargaareera,’’ kan jedhan MM Abiy, kanneen hidha kana milkeessuu keessatti qooda qaban galateeffatan.

‘’Baga gammaddan,’’ jechuunis ibsan. ‘’Gamtaan keenya kun dhimmoota kaanirratti dabalamuu qaba,’’ jechuun dhaaman.

Bulchiinsi MM Abiy erga wagoota shan dura aangootti dhufee booda ijaarsi hidha kanaa saffisuu aangawoonni himu.

Hagasumas dhiibbaan biyyootaa Itoophiyaarratti cimuullee bulchaan biyyatti kaasu.

‘’Qormaata hedduu qaba ture. Duubatti akka deebinu baay’ee harkifamnee turre.

‘’Keessoon qormaata, alaa dhiibbaan nurra ture. Garuu Waaqa waliin irra-aannee as geenye,’’ jedhan.

‘’Ta’us fiixee gaarichaarra baane malee gaaricha baanee hin xumurre,’’ jechuun hunduu deeggarsa hidha kanaaf taasisu akka itti fufu gaafatan.

Itoophiyaan lammiilee miiliyoona heedduu dukkana keessa jiraniif humna elektirikii dhiheessuuf hidha Abbayaa kana akka ijaartu himti.

Masriin immoo dhiheessii bishaanii kiyyaaf yaaddoodha jechuun yaaddoo himatti.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X, 2

Masriin dhimmicha Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNSC) akkasumas Liigii Arabaatti geessitee turte.

Itoophiyaan garuu gaaddisa Gamtaa Afrikaa jala akka xumuramu gaafataa turte. Mariin waggootaaf taasisan garuu milkiin hin xumuramne.

Marii Magaalaa Kaayirootti Hagayya keessa ta'ame booda marsaan lammataa Fulbaana keessa Finfinneetti akka taasifamu waliigalameera.

Hidhi ALI bara 2004 kaappitaala dolaara biiliyoona afuriin eegale 5,000MW ol akka maddisiisu eegama.

Hidhaan kun dheerinni isaa lafarraa meetira 145 yoo ta'u, lafarra dalga ammoo meetira 1,780 dheerata.

Hidhaan Haaromsaa Abbayaa kun bishaan qabachuu qabu Kiyuubiik Meetira Biliyoona 74 guutummaan guutuutti yeroo qabatu, dheerinni lafa bishaan irra ciisuu kiiloomeetira 246 akka ta'u ogeessonni ni dubbatu.