Itoophiyaa, Masirii fi Sudaan dhimma hidha guddicha Abbaayyaa irratti waliigalteerra gahuuf marii itti fufan

Madda suuraa, Komunikeeshinii mootummaa Itoophiyaa
Dhimma guutinsa bishaanii fi oppireeshinii isaa irratti waliigaltee dhaabbataa irra osoo hin gahiin waggootaaf kan turan Itoophiyaa, Masirii fi Sudaan Dilbata kaleessa marii jalqabuu, Ministeerri Komunikeeshinii mootummaa Itoophiyaa mirkaneesse.
Mariin kun ministiroota bishaanii biyyoota sadeenii gidduutti magaalaa Kaayirootti gaggeeffamaa jira.
Mariin kun irra deebiin kan jalqabe erga pirezidaantiin Masirii Abdul Fattaa al-Sisii fi MM Itoophiyaa Abiy Ahimad ji’a darbe aduu ji’oota afur keessatti waliigalteerra gahuuf waliin dubbataniiti.
Hidhi guddicha Abbaayyaa Itoophiyaan Doolaara biliyoona shanii oliin hojjechaa jirtu, waggoota kurnan darbaniif Itoophiyaafi biyyoota yaa’a gara gadii [Masirii fi Sudaan] gidduutti muddama dippilomaasii fidee ture.
Biyyootni sadeen jaarsummaa Ameerikaa fi Gamtaa Afrikaan yeroo hedduu walitti dhufuun mari’tanis, waliigaltee seeraa dhaabbataa tokko irra gahuu hin dandeenye.
Itoophiyaan biyyoota guddataa jiran keessaa tokko yoo taatu, tajaajila aannisaa elektirii haalaan barbaaddi.
Uummata biyyattii miliyoona 120 tahu keessaa irra jireessi uummata baadiyaa ammayyuu dukkana keessa jira.
Masiriin osoo waliigalteerraa hin gahiin hidhicha guutuun hamma bishaanii argadhu irratti dhiibbaa qabaachuu danda’a jetti.
Masiriin laga Abbayyaa kana dhimma ''jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti’’ jetti.
Qonnii fi bishaan dhugaatii uummata ishee miliyoona 100 tahuuf dhiyeessitu laga Abbayyaa irratti hundaa’a.
Qabiyyeen bishaan laga Abbayyaa [Naayil] %85 tahu Itoophiyaa keessaa madda.
Itoophiyaa qabeenya uumamaa biyya ishee keessaa maddu misoomaa fi madda aannisaaf fayyadamuuf mirga qaba jetti.
VOA fi miidiyaan biyya Masirii ‘Daily News’ Misitira Jallisii Masirii Haanii Sewilaam, eeruun akka gabaasanitti, Masiriin haala guutinsa bishaanii fi oppireeshinii isaa irratti waliigaltee dhaabbataan akka mallattaa’u barbaaddi.
Haanii Sewilaam wal dhabdichaaf ''furmaata seeraa fi teeknikaa’’ heduuttu jira jedhan.
Sudaan Masirii fi Sudaan maali?
Itoophiyaan ijaarsa hidha guddichaa waggoota kurnan dura jalqabdus, erga MM Abiy Ahimed aangootti dhufanii dhimmi hidha guddichaa kun muddama dippilomaasii biyyoota sadeen gidduutti uumuun gara wal tajjii idil-adunyaatti geeffame.
Ameerikaa, Gamtaa Afrikaa fi Liigiin Arabaas biyyootni sadeen waliigaltee seeraa dhbbaataa tokko irra akka gahaniif mariisisaa turan.
Itoophiyaan loogii biyyootni akka Ameerikaa agarsiisan jette diduun mariin kun Gmataa Afrikaa jalatti deebi'ee ture.
Ergasii garuu ji'oota dheeraaf adda cituun yeroo MM Abiy Ahimedii fi Abdul Fattaa al -Sisi wal dhabdee Sudaan keessaa dhiyeenya mudate irratti Kaayirootti mari'atan marii hidha guddichaas irra deebiin jalqabuuf waliigalan.
Itoophiyaan qabeenya uumamaa biyyakoo keessa jiru misoomaa fi madda aannisaaf itti fayyadamuuf mirga qaba jetti.
Sudaan ittisa lolaa pirojektota ishee miidhuu danda’an ilaalchisee sodaa qabdi.
Masiriin ammoo goginsi yeroo dheeraaf yoo mudate hammi bishaanii Itoophiyaan hidhicha irraa gadhiistu na jalaa xiqqata sodaa jedhu qabdi.
Itoophiyaan waliigaltee seeraa dhaabbataa Masriin akka mallatta’u feetutti hanga ammaa walii hin galle. Hidhichi faayidaa waloo keenyaaf taha ejjennoo jedhus qabdi.
Sudaan ammoo balaa lolaa mudachuu danda’uu fi hidha mataashee eeggachuuf akka toluuf Itoophiyaan odeeffannoo oppireeshinii hidhichaa nuuf qooduu qabdi jetti.
Hidhi kun daangaa Sudaan irraa kilo meetira kudhan qofa fagaatee gara Lixa Itoophiyaatti argama.
Itoophiyaan hidhicha marsaa sadiin bishaan guuttee bara kanas marsaa arfaffaa ni guutti. Marsaa jalqabaan bara darbe humna ibsaa maddisiisuu jalqabeera.
Hidhi guddicha Itoophiyaa kun yoo xumuramu bishaan Kuubik meetirii biliyoona 74 qabachuu danda’a jedhama.












