Injifannoo Karaabayoo Kaappiin, Kilooppi boqonnaa haaraa galmeessan

Kilooppi waancaa Karabayoo Kaappii bara xumura leenjisummaa isaanii Liiverpuuliin mo'atan

Madda suuraa, Getty images

Yargan Kilooppi boqonnaa haaraa biraa kitaaba isaa "wonderful book" jedhu keessatti akka barreessuu barbaadu hime.

Injifannoon Kaarabayoo Kaappii kaleessaa sadarkaa taphattootni Liiverpuul irra turaniin inumaayyuu kan hin yaadamne ture.

Kilooppi ijoollee ol adeemoo taphattoota Cheelsii paawondii biliyoonotaan bitaman waliin akka morkatan dirree galchan.

Mohaammad Saalaa, Daarwin Nuunez, Doominik Sooboslaay, Alisan Beeker, Tireenti Aleeksaander Aranooldi, Kurtis Joonsii fi Deegoo Jootaan miidhama irra jiru.

Kilooppi ijoollee ol adeemoo muuxannoo hin qabnetti amanuun dirree galchuun injifannoo dhamdhaman.

Cheelsiin carraa galchii hedduu uuman dhabuun dhumarratti gaddaan dirreetii bahan.

Ted Boohilii jalatti Cheelsiin taphattoota waliigalaan paawondii biiliyoona tokko baasan bituun ijaarsa haaraatti jira.

Garuu ammallee gahumsa guddaa agarsiisuu irraa waan fagoo jiranIidha.

Xiinxilaan kubbaa miilaa fi taphataan duraanii Maan Yuunaayitid, Gaarii Neevil, Paawondii biliyoona daa'immaan waliin dorgoman jechuun maqaa itti kenne.

Neevil injifannoo kanaaf Kilooppiin jajuun, Liiverpuuliif injifannoon kun ni malaaf jedhe. Neevil masaanummaa Liiverpuul waliin qabu duubatti dhiisuun yaada kana kenne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Cheelsiin bara 2022 waancaa FA fi Karaabayoo Kaappii rukuttaa peenaaliitiidhaan mo'amuun dhaban. Ammas waancaa Kaarabayoo kaappii Liiverpuuliin mo'amuu isaanii waan ittiin haaloo bahan hin qaban.

Liiverpuul Yargan Kilooppiin ganna dhufu dhabuun qaawwaa guddaa kilabichatti akka fidu gaaffii hin qabu.

Oduu gaariin leenjisaa haaraa dhufuuf jiru garuu Kilooppi ijoollee ol adeemoo akkamii akka isaaf qopheessee deemaa jiru Wembileetti agarsiisuu isaati.

Virjil Vaan daayik duubarra tahuun taphattoota muuxannoo hin qabne kanneen qajeelchuu qofa osoo hin taane galchii injifannoo lakkoofsisuun taphataa jabaa tahuu isaas mirkaneesseera.

Karra eegaa Keheler jedhamu bakka Alisan Beker taphates taphataa cimaa akkamii akka tahe agarsiise.

Kilooppi yeroo taphni akkaaan ho'etti, sanuu miira ulfaataa Wembilee keessatti ijoollee homaa muuxannoo hin qabne irratti amanamummaa yoo agarsiisan ammoo akka abiddaan cuuphamanii bahuuti.

Boobii Kilaarki ganna 19 taphataa ganna 20 Konor Biraadilii bakkabu'e, Jeeyden Daansi ganna 18 yoo tahu, Jeemsi Makonel ganna 19. Isaan Aleeksi Mak Alisterii fi Koodii Gaakpoo bakka bu'an.

Amma tokkoon tokkoo isaanii medaaliyaa waancaa mo'atan tokko tokko qabu jechuudha.

Kilooppi bara dhufu leenjisaa Liiverpuul tahuu baatus waggoota dheeraa fuuldura jiraniif ashaaraan isaa fuulduraa mul'ata.

Kaarabayoo mo'ataniiru. Piriimer Liigii dursaa jiru. Awurooppaa Liigii mo'achuuf carraa gaariiq abu.

Akkasumas waancaa FA keessa jiru. Liiverpuul waancaa afur mo'achuun Yargan Kilooppiin milkaa'inaan gaggeessaa?