Gosootni raachaa daran xixiqqoo jaha Meeksiikootti argaman

Raacha xiqqoo saantima irra teesse

Madda suuraa, ERIC SMITH/THE UNIVERSITY OF TEXAS AT ARLINGTON

Gosootni raachaa daran xixiqqoo jaha bosona Meeksiikoo keessatti argaman.

Gosootni raachaa kunneen akka malee xixiqqoo ta'uurraa kan ka'e saantima Meeksikoo guddinni isaa hamma saantima Itoophiyaa abbaa birrii 1 irra kaa'amanii, bakki irraa hafu bal'aadha.

Raachawwan xixiqqoo addunyaa kana keessaa tokko yoo ta'an miiliimeetira 15 caalaa hin dheeratan.

Baay'ee xiqqoo ta'uun isaanii, bifti isaanii fi gosoota kana dura argaman waliin wal-fakkachuun isaanii hanga har'aa osoo hin argamiin akka turan isaan godheera.

"Raachawwan kunneen dukkana keessa, baala mukaa harca'ee bosbose keessa jiraatu, waa'ee isaanii qixaan wanti beeknu hin jiru. Amala isaanii, hariiroo hawasummaa isaanii, akkamiin akka wal horan wanti beeknu hin jiru," jedhu qorataa yuunivarsiitii Keembiriij kan ta'an Toom Jeemsan.

Gosootni raachaa kunneen guutummaa Meeksiikoo keessa hin jiran. Kibba Meeksiikoo bosona 'pine-oak' naannoo Siyeeraa Maadiree del Suur jedhamu keessa jiraatu.

Gosoota jaha argaman keessaa tokko 'craugastor bitonium' jedhama

Madda suuraa, THE UNIVERSITY OF TEXAS AT ARLINGTON

Ibsa waa'ee suuraa, Gosoota jaha argaman keessaa tokko 'craugastor bitonium' jedhama

Saayintiistonni gosootni raachaa kunneen tarree lubbu qabeeyyii sanyiin isaanii badaa jiruu jalatti akka galmaa'an barbaadu.

Sababni isaa ammoo bosonni isaan keessa jiraatan manca'aa jirachuufi iddoo hedduutti argamuu dhabuu isaaniiti.

"Jiraachuudhuma isaaniituu namni beeku waan hin jirreef lafarraa haxaa'amanii akka hin badne mirkaneessuu feena," jedhan Dr Jeemsan.

Sirnakkoo keessatti madda nyaataa tahanii qooda barbaachisaa bahan qabu jedhanii amanu saayintiistonni.

Manca'uu bosonaa, jijjiirama qilleensaa fi fangasii lubbu qabeeyyii amfiibiyaanii tahan ajjeesaa jiru dabalatee raachawwan kana balaa hedduutu isaan eeggata.

Hedduun isaanii lafa xiqqoo irratti walitti qabamanii jiraatu. Fakkeenyaaf bosona xiqqoo tokko keessa lafa ol ka'aa tokkorra qofatti argamuu malu.

Raacha xiqqoo

Madda suuraa, THE UNIVERSITY OF TEXAS AT ARLINGTON

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Raachawwan kunneen hanga har'aa osoo hin argamiin kan turan sababa xiqqina isaanii qofa miti. Bakki isaan itti argaman to'annoo garee hidhattootaa yakkaa fi hokkora hamaan himataman jala jira.

Hidhattoonni daldaltoota gurguddoo qoricha sammuu hadoochuu daldalan waliin hariiroo qaban kunneen, naannoo raachawwan kunneen itti argaman qorattoonni akka hin daawwanne dhorku.

Gosootni raachaa kunneen argamuun isaanii waan gaarii ta'ee, waa'ee isaanii akkasumas gosoota lubbu qabeeyyii xixiqqoo biroo Meeksikoo keessa jiranii baruuf caalaatti qorannoon dabalataa ni barbaachisa jedhu qorattoonni.

Dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa Meeksiikoo keessa jiran waliin ta'uun naannoo gosootni raachaa kun keessa jiraatan mijeessuuf abdatu.

Kunis kan quuqamtoota eegumsa naannoon eegamu yoo ta'u, raachawwan kunneen akka hin badne carraa uuma.

Argannoo kana kan argate qorattoota yuunivarsiitii Teeksaas kan Arliingitan keessa jiruu, qorattoota yuunivarsiitii Keembiriij fi kan Godambaa Seenaa Uumamaa Landan waliin ta'uuni.