Jeedaloonni harka caalu bobbaa saree akka sooratan beektuu?

Jeedala

Madda suuraa, Getty Images

Jeedalli bosona lafa olka’aa Iskootilaand keessa jiraattu harka caalu bobbaa ykn udaan saree akka soorattu qorannoon ifoomse.

Argannoon qorattootaa kun akka eerutti bobbaan saree, nyaata jeedalli bosonaa adamsitee nyaattuun qabiyyee kaalorii walfakkaatu of keessaa qaba.

Ammoo dhamaatii adamoo malee salphaatti argama - jeedalli bobbaa saree kan nyaattu wayita waanti adamsitu hanqatudha.

Qorannoon akka jedhutti, sanyiin lubbu qabeeyyii tokkoo bobbaa isa kaanii hamma guddaa akkasiitiin soorachuun waan baratamaa miti.

DNA ykn qacceen saree dhala namaa walin jiraattuu, sadarkaa lammaffaatti baay'inaan kan argamu bobbaa jeedalaa keessattidha - hanga %40.

Maaliif kun mudate isa jedhurratti yaad-rimeewwan hedduun kan ilaalaman yoo ta’u, jeedalli fi sareen waan walitti dhiyaataniif, qacceen isaanii walitti dhiyaachu mala yaadni jedhu ilaalcha keessa galfameera.

Madda soorataa murteessaa

Haata'u malee yaadni ijoon qorattoonni irratti waliigalan, jeedalli bobbaa saree kan nyaattuuf salphaatti argachuu waan dandeessuufi kan jedhudha.

Bineensota kaan waliin morkattee adamsitee nyaachuun waan itti cimuufi kana salphaatti waan argatuuf ta'uu mala jedhan.

Bobbaan saree bineensi bosonaa biraa sooorachuun dhibee fi maxxantuuwwan isaanitti daddabarsa, kanaafis jaarmiiwwan ijaan hin mul’anne haaraan akka uumamu taasisa kan jedhu.

Kanaafis namoonni saree fudhatanii naannoo bosonaa daawwachuun akka hin qabne akkasumas bobbaa saree bosonaa keessatti gatuurraa akka of qusatan gorsu.

bobbaa saree

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, ...bobbaa saree bosonaa keessatti gatuurraa akka of qusatan hubachiisu qorattoonni

Qorannicha saayintistoota Yuunivarsiitii Aberdeeni, Giriinobil Alpis, dhaabbata ‘Forestry and Land Scotland and Cairngorms Connect’ jedhamutu barruu tokkicharratti walta’iinsaan maxxansiise.

Jalqabarratti qorannoon kun kan eegalame bineensoonni adamoon jiraatan jeedallii fi bineensonni ‘martens’ jedhaman bosona keessatti akkatti waliin jiraatan hubachuuf ture.

Qorannicha kanneen barreessan keessaa tokko kan ta’e Yunivarsiitii Abirdiin jedhamutti barataa digirii sadaffaa kan ta’an Kiristaan Navarroo, jeedalli bobbaa saree hangi guddaa isheen soorattu kan eegame ol ture,’’ jedheera.

"Hiilleettii fi bineesonni biroo bobbasaanii akka sooratan sirriitti beekamu jiru, garuu udaan bineensoota biroo sooratan galmeessuun kan barame miti’’ jedhan.