Qamaleen Jappaanitti jiraattota shororkeesse qabamee ajjeefame

Madda suuraa, Getty Images
Qamaleen miseensa gartuu qamaleewwan hamoo Jappaan Magaalaa Yaamaaguuchii keessatti jiraattotaaf gamsiisanii ta'e tokko qabamee ajjeefame.
Gartuun qamaleen kanaa yoo xiqqaate namoota 50 irraan miidhaa geessisee ture.
Dursaa gartuu kanaa kan ta'eefi namoota hedduurraan miidhaa geessisuun kan shakkame qamaleen guddaan mooraa mana baruumsaa keessatti adamsitootaan qabame.
Qorichaan laaffifamee erga qabamee booda namoota hedduu kan miidhe isa ta'uun erga mirkanaa'ee booda ajjeefame.
Poolisoonni Jappaan haleellaa qamalee magaalaa Yaamaaguuchii keessatti hammaate to'achuuf qawwee lilmee qorichaa dhukaasutti fuula deebifatanii turan.
Lilmeen qorichaa akka rasaasaatti dhuka'ee qamalee erga waraanee booda, bineeyyiin kunneen akka laafan godha.
Torbaanota darban magaalaa Yaamaaguuchii keessatti daa'immanifi manguddoota dabalatee namoonni 50 ol qamaleen miidhaan irra gaheera.
Erga qamaleen guddaan meetira walakkaa dheeratuufi umuriin isaa ganna afur akka ta'u tilmaamamu kun ajjeefamee boodallee, haleellaawwan biroos kan gabaafaman yoo ta'u, poolisiin miseensota garee qamaleewwan hamoo hafan adamsaa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaa kana gosa qamalee Eeshiyaa 'Makaakiwu' jedhamuun beekamantu raawwataa jira jedhame.
Gosti qamalee kanaas guutummaa Jappaan keessatti kan baraman ta'ullee, haleellaa akka kanaa raawwachuun isaanii garuu waan haaraadha.
"Haleellaa hamma kana baay'atu yeroo yartuu kana keessatti arguun waan barame miti" jedha aanga'aan magaalattii tokko.
Itti dabaluunis "duraan daa'immanifi dubartoota qofa ture kan haleellaan irra gahu, manguddoonni fi dhiironni ga'eeyyiinis miidhaan irra gaheera," jedhan.
Kiyyoo diriirsuun bineeyyii kana qabuuf yaaliin poolisiin erga jalqaba ji'a kanaa haleellaan jalqabaa raawwatamee booda godhaa ture hanga Qamaleen guddaan kun ajjeefamuutti hin milkoofne ture.
Miidhaan namootarra gahe moccooramuu irraa hanga harka, miilaa, mormaa fi garaarra ciniinamuuti.
Kanneen miidhaan irra gahe keessaa mucaan dubaraa waggaa afurii qamaleen mana jireenyaa cabsuun itti seenee moccoore tokko yoo taatu, daree barnootaa oolmaa daa'immanii seenuun kan miidhamanis jiru.
Gochaa qamalee kanaan daran shororkaawuu jiraattonni Yaamaaguuchii ni himu.
"Kutaa gajjallaati iyya dhagaheen yoon fiigee dhaquu, qamalee mucaakoorra dhaabbatee jirun arge," jedhan abbaan Jappaan tokko miidiyaalee biyyattiitti yoo dubbatan.
Gosti qamalee 'Makaakiwu' yeroo tokko baduu gahee ture, erga yeroo dhiyoo as lakkoofsi isaanii dabalaa jira.
Gamtaan Eegumsa Uumamaa Idil-addunyaa akka jedhutti gosoota bineeyyii baduun isaanii isa yaachisu keessaa qamaleen 'Makaakiwu' tarree dhumaarra jiru.
Lakkoofsi isaanii dabaluun isaa walitti bu'iinsi qamalee kanneeniifi namoota jidduutti uumamu akka dabalu godheera jedha qorannoon Yuunivarsiitii Yaamagaataa.
Walitti bu'iinsi kun hammachuu isaaf fageenyi bineeyyii kanneenifi namoota jidduu jiru, haalli bosonaa fi sababawwan kaan eeramaniiru.












