Saayintistootni UK hantuuta diidaa Iskuwaaral jedhamtuuf qoricha to'annoo ulfaa tolchan

Madda suuraa, BBC/TONY JOLLIFFE
Saayintistoonni UK qoricha ulfa dhorku fayyadamuun lakkoofsa gosa hantuuta bosonaa Iskuwaaral jedhamtuu daangeessuufi jedhan.
Yaaliin kunis sadarkaa gaarii irra akka jiru yoo himan, dhihootti immoo gosa bineensaa kanarratti yaaliin ni adeemsifama jedhaniiru.
Karoorri yaalii qoricha ulfa dhorkuu kun, Iskuwaaralii kana gara sanduuqa lawuziin isheen nyaattu keessa jirutti akka dhuftu taasisuun akka soorattu taasifama, lawuzii sun immoo qoricha ulfa dhorku akka qabaatu godhama.
Karoorri kuni gosa Iskuwaaralii bifa daalachaa otoo hin ajjeessiin lakkoofsa isaanii daangessuun akka danda’amu godha jedhan ministarri kunuuunsa naannoo UK Loord Beenyoon.
Hojiin kuni gosti Iskuwaaraliin daalachaa miidhaa sirnakkoo, bosonaa fi Isquwaaralii diimoo irratti geessisan ni hir’isas jedhaniiru.
Saayintistoonni mootummaaf hojjetan qorichi kuni Iskuwaaraliin dhaltuu fi kormaa akka isaan maseenan taasisa, kanas waggaa lamaan dhufan keessatti hojiirra oolchuuf karoorri qabameera jedhan.
Iskuwaaraliin daalacha Ameerikaa irraati jaarraa 19ffaa keessa gara UK dhufte. Nyaata keessoo mukaa jiru argachuuf jecha qaama mukaa alarra jiru sholloqsuun balleessiti.
Gosti bineensa kanaa UK keessa yeroo ammaa lakkoofsaan miliyoona 2.7 akka tahantu yaadama.
Iskuwaaraliin kuni mukkeen lataa jiran kan waggaa 10-50 keessa jiraniifi baala babal’aa qaban jaallatti.
Kana malees mukni tokko akka miidhamu ykn akka hin latne gochuu dandeessi.
Akkasumas mukarratti qaawwa bantee dhiisuun ilbisoonni dhukkuba itti fidan akka galaniif karaa banti.
Kunimmoo isa mootummaan jijjiirama qilleensaa qolachuuf jecha mukkeeen kumaatamaan lakkaa’amu dhaabaa jiru yaaddoorra buuseera jedhan ministirri kunuunsa naannoo UK Loord Beenyoon.
Akkasumas badii Iskuwaaraliin daalachaa qaqqabsiisuun Ingilaandiifi Weels maallaqa UK paawundii miiliyoona 37tti tilmaamamu dhabu.

Madda suuraa, BBC/TONY JOLLIFFE
To’annoo ulfaa Iskuwaaralii
Saayintistiin Ejansii Bineensaafi Biqiloota UK yaalii qoricha kanaa hoggantu, Dr Jiyoovaanaa Maasii, qoricha ulfa dhorku kennuun, ajjeesuurra mala bineensotaaf gara-laafummaa qabuufi kaayyoo barbaadames milkeessu dha jetteetti.
Akka isheen jettutti gareen dhimma kanarrtti hojjetu talaallii sirni madiinummaa bineensota kanaa hormoonii saal-quunnamtii akka hin oomishne taasisu qopheessan.
Kunimmoo Iskuwaaraliin kormaas tahe isheen dhaltuu akka maseenan taasisa jette.
Qorichi kuni dhaabbataan kan kennamu miti. Qorannoon dabalataas adeemsifamaa jira. Sunis egeree lubbuu qabeeyyii bosona keessa jiraatanii irratti miidhaa ni qabaataa kan jedhu baruuf gargaara jette.












