Biyya namoota saree ykn adurree qaban hidhaan adabuuf deemtu

Dubartii saree baattu

Madda suuraa, Getty Images

"Ija isaa garraamummaa qabuu fi bareedaa ta'een na ilaale. Gadi baasee bakkee keessa akkan deemsisu na gaafachuu isaati, ani garuu tasa hin godhu. Ni hidhamna."

Magaalaa guddittii Iraan, Teehraan keessa kan jiraattuu fi saree kan qabdu Maahsaan waa'ee hidhaa namoota saree qabatanii bakkee keessa deemanii irratti tibbana hammaatee dubbatti.

Poolisiin magaalatti dhiyeenya kana saroota qabatanii parkiiwwan uummataa keessaa deemuun yakka jechuun labse. Labsichi "nageenya uummataa eeguu" sababa jedhamuun labsame.

Paarlaamaan Iraan ammoo seera guutummaatti beeylada manaa qabaachuu dhorku raggaasisuuf jira.

Mallattoo 'Warra Lixaa'

Akka seera haaraa kanaatti namni tokko beeylada manaa akka saree, adurree, illeentii ykn qocaa qabaachuu kan danda'u koree addaa irraa hayyama yoo argate qofa.

Akkasiinuu beeyladoota kana bituuf, gurguruuf, bakkaa bakkatti geejjibuuf ykn ammoo qabaachuuf kafaltiin doolaara 800 ni kafalama.

"Falmiin tumaa seeraa kanaa bar-kurneewwan dura wayita gareen miseensota paarlaamaa Iraan, yaada beeyladoota hunda guuranii dawoo bineensotaatti galchuu ykn ammoo gammoojjii keessatti gatuu kaasan irraa eegala," jedhu Dr Payaam Moheebii.

Pireezidantii Waldaa Wal'aansa Bineeldotaa Iraan kan tahan Dr Payaam seera amma raggaasifamuuf jedhu kana ni falmu.

"Waggoota darban keessa dhimma kana yeroo hedduu jijjiiran, yeroon itti namoota beeylada manaa qaban miidhaa qaamaan adabuuf itti mari'atanillee tureera. Garuu karoorri isaanii eessayyuu hin geenye."

Pireezidantii Waldaa Wal'aansa Bineeldotaa Iraan Dr Payaam Moheebii

Madda suuraa, Dr Payaam Moheebii

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidantii Waldaa Wal'aansa Bineeldotaa Iraan Dr Payaam Moheebii

Baadiyyaa Iraan keessatti saroota qabaachuun waan baramaa ture, booda keessa magaalaattis beeylada manaa qabaachuun mallattoo jireenya ammayyaa ta'e.

Iraan bara 1948 seera nageenya bineeldotaa eegu tumuun biyyoota Jiddugaleessa Bahaa angafa keessaa tokko turte. Mootummaan biyyattiis dhaabbata mirga bineeldotaa tiksu dhaabee ture. Maatiin moototaa biyyattiis saroota qabu turan.

Haata'u malee bara 1979 Warraaqsa Islaamaa Shaah Mohaammad Reezaa Paahilaavii aangoorraa darbe booda jireenyi lammiilee Iraan hedduu fi kan saroota isaanii ni jijjiirame.

Maatii moototaa Iraan jaarraa 20ffaa keessa

Madda suuraa, IRANIAN ROYAL FAMILY COLLECTION

Ibsa waa'ee suuraa, Maatii moototaa Iraan jaarraa 20ffaa keessa

Aadaa Islaamaa keessatti beeyladoonni akka saree qulqulluu miti jedhamanii yaadamu. Ija bulchiinsa amma biyyattii harkaa qabuun ammoo saroonni mallattoo "Warra Lixaati".

"Poolisoonni namoota saroota qabatanii bakkee keessa hidhaa jira. Hiikaa mallattoo 'warra Lixaatiif' kennan irraa ka'uun, warra konkolaataa isaanii keessatti qabatanii deemanillee ni hidhu," jedhu hakiimni wal'aansa bineeldotaa Dr Ashkaan Shemiraanii.

Beeyladoota manaa to'annoo jala oolfamaniif aanga'ooti "mana hidhaa" qopheessaniiru jedhu.

Bakka sanarraa wantoota suukanneessoo hedduu dhaga'aa jirra jedhan.

Sababa qoqqobbii biyyoonni Lixaa irra kaa'aniin, diinagdeen ishee kan miidhame Iraan sharafa alaa qusachuuf nyaata beeyladoota manaa gara biyyattii galchuu erga dhorkitee waggoota sadi guutee jira.

Kun ammoo namootni saroota qaban nyaata dhokfamee gurguramu irratti akka hirkatan godheera. Sababa kanaan gatiin akkaan hammaate.

Gosti adurree Pershiyaa addunyaa irratti hedduu jaalatamu
Ibsa waa'ee suuraa, Gosti adurree Pershiyaa addunyaa irratti hedduu jaalatamu

Gosoota adurree 'Persian cats' jedhamuun beekamaniif qe'ee kan taate Iraan, gosoota adurree addunyaa irratti hedduu jaalataman kanneenillee ugguruuf jirti.

Seera paarlaamaan biyyattii tumuuf jedhu keessatti naachillee maqaa dhahamee jira.

Namoonni beeyladoota manaa qaban seera kanaan daran yaadda'uu isaanii dubbatu.